Danieli 9:4 - KITAABA WAAQA4 AABBO Waaqa kiyyati bohe, ch'ubbu gumi tiyya iti hime waan jed'e, Waaqa gudda, atini gudda, nuleeni si guddimna, atini wold'aqisa kanke jabeesite, nama si jaalate dubbi tante guutule hojja ch'ufa jaalata. Faic an caibideil |
Ee Waaqa, Waaqa keenna, guddinni kanke waan akami! Jabeenni kanke akami nama naasise nama mudamsiisa! Atini kara d'ugaatini kakhu duri nu kakhate ch'ufa guuta. Haguma duri bara hayyooti Ashuru nu dabsite haga arrale, nu akasuma gaargala qamna! Hayyootafi jaaroleefi qaaloleefi raagootafi ababootafi gumiini teennaleeni ch'ufti la guddo gaargalte; gaargala keenna gudda suni qaabad'i!