Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -




Danieli 9:16 - KITAABA WAAQA

16 Atini duri ya nuu kalchite, tanaafi amma Yerusalemuti deebite indalanini. Inni dira kanketi, gaara kanke qulqullo. Nami lafa nu d'aatu jiru ch'ufti, Yerusalemufi gumi tante tufata wonti suni ch'ufti maro ch'ubbu teennatifi waan hamtu ababooti teenna tolchiteefi nu d'aqabde.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac




Danieli 9:16
33 Iomraidhean Croise  

Atini aka inni si sodaatu agarte wold'aqisa isa woliini tolfate. Atini isati kakhate, lafa Kanaanitiifi ta Hititifi ta Amoritifi ta Perizitiifi ta Yebusitifi ta Gergishile, siifi d'aloota keeti keenna jetteeni. Waan atini abba d'ugaatifi, kakhu tante guute.


Ee AABBO Waaqa, kad'acha tiyya naa d'agayi! D'uga tanteetiini na jalaa owaad'i qajeeluma tante gula na ch'aqasi!


Ee AABBO Waaqa, anini siti d'eed'a, ch'eeru na d'owi. Atini Waaqa d'ugaati anini si kad'ad'a na baasi.


AABBO Waaqa Israelii faarsa! Ammaafi hegerile faarsa! Amini! Amini!


D'uga teetiini na qarqaari na baasi, na d'agayi na baasi!


Gochiti nu d'aatu jirtu nu arabsite nu kofalte nu goyeesite.


Ee Waaqa, qarqaarsa keenna, ufiti nu deebisi, deebitele, nu indidiini!


Ee AABBO Waaqa, nyaapi kanke hayyu atini fohate muude miid'u jira, fulla inni deemu ch'ufa isa arabsani.


Waan boch'ani mid'aasani kana tokole dura gajette inkad'atiini; wonti akanatiifi anini, AABBO Waaqi kanke, waan d'ibi na biraani kad'atani inoobsu. Anini ammalle nama jibbuufi d'aloota worraa ka sadeesotiifi ka afreesole gaargala itiini d'ufa.


Duuba amma AABBO Waaqi yayu gumi isaati dallane, harka d'eerefate, balleesaa iti kaye. Gaareeni chochoote, reefi nama hobae aka huura kara dira keesa ch'iisa. Ato akasile taate, dallansuuni AABBO Waaqa isa ira ingaltu, ammalle harka d'eerefate nama d'aanu fed'a.


Anini badii hamtu akana tana worratiini d'ufe, gosa lafa keesa jirtu ch'ufa mudamsiisa. Nami worrati tabate, worra goyeese tufate, fulla anini worra iti firfirsu ch'ufa maqa worraatini nama abaara.


Anini worra lakisu dide, woraanafi beelafi d'ukuba worratiini d'ufa, gochiti lafa keesa jirtu ch'ufti waan agarte suni iraa rifati. Fulla anini worra iti firfirse ch'ufa, nami waan worri tahe iraa rifate mudame. Worra goyeesani maqa worraatini, nama abaarani.


Nami dira kana haguma gaafa duri isa jaaraniti haga arrale yayu na hiifachise na dallansiise. Tanaafi


maro worra Yudatifi ka Yerusalemutifi hayyootafi jaaroleefi qaaloleefi raagooti worraa hameenna tolchiteefi, anini dira suni fuula kiyya duraa balleesu fed'a.


wonti guyyaani kanke gabaabate ala hobaeefi, waan atini nama fit'e Waaqa d'ara kad'ate ufi t'ureesiteefi! Tanaafi anini gosa d'ibi si tufachise, nami lafa d'ibileeni si goyeesa.


Nami gosa d'ibi, ka d'aatu teesani bahu ch'ufti, isani goyeese isani ira fagaata.


Inni waaro isaa ta hayyule jiddu baariinitifi gaara Mani Waaqa iraa eju d'ad'aaba. Ammo taatule inni ka wahela inqamne qofuma dua.


Anini tae Waaqa kad'ad'e ch'ubbu tiyyafi ta gumi tiyya Israeli hime, AABBO Waaqa kiyyati bohe, mana kanke qulqullo mid'aasi jaari isaani jed'e.


Duuba isani aka anini AABBO Waaqa keesani, ka gaara kiyya qulqullo Sioni ira tau, akasiini beetani. Yerusalemuni dira qulqullo taha; nami gosa d'ibi deebie had'e indabsatu.


Ammalle anini waan jed'u, Anini dira kiyya qulqullo Yerusalemuti deebie keesa taa. Isa dira d'ugeefatani jed'aniini, gaara AABBO Waaqa Guddaa, gaara qulqullo jed'aniini.


Waaqi waan qajeela intolcha: inni worra isani gaargalchu ingaargalcha,


Ammo yo daba keenna Waaqati himanne, inni ka d'ugefataniifi ka d'ugaati; daba keenna nu araarame, ch'ubbu teenna ch'ufa qulqulleesa.


Inni nama gari hiyyoomse ka gari duroomsa; ka gari diqeese ammo ka gari guddisa.


Lean sinn:

Sanasan


Sanasan