Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -




Danieli 7:4 - KITAABA WAAQA

4 Ka qara nyeench'a fakaata, ammo koola aka risa qaba. Ato anini tae laalu, koola suni iraa baasani bineensa suni olfuud'ani, miila lamaani aka nama old'aabani qalbi nama kennanifi.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac




Danieli 7:4
27 Iomraidhean Croise  

Saulofi Jonathanini nama dadansa jaalatani; duafi jireennale wolumaani jirani; worri rissa ira qolchaa, nyeench'a ira jaba.


Nami maani re, ka ufiftu raamofi buqata fakaatu? Waaqa durati nami maani keesa jira?


Ee AABBO Waaqa, worra rifachiisi, worri namuma, woma keesa injiru, ka akasi ufi beekhuti.


AABBO Waaqi yayu gumi isa lakise akuma nyeench'i goda ufi lakisu. Maro woraana nyaapatifi dallansu hamtu AABBO Waaqale lafti yayu badde aloo taate.


Me ilaala, nyaapi aka baaldo dumansaa d'aabate d'ufuu jira. Gaarini isaa ka fardi hirkisu bubbe fakaata, fardooleeni worraleeni risa ira barifti. Nu ya banne, badiini ya nu qabate!


Akuma nyeench'i goda isaa keesaa bahu, akasuma nami gosa ch'ufa balleesu ya gabahe. Inni lafa Yuda balleesu d'ufe. Diri Yuda bade ona taha, nami iti galu injiru.


AABBO Waaqi waan jed'u: Gochiti toko aka risa koola ballifte d'ufte Moabuti buuti.


Akuma nyeench'i badda galaana Yordani keesaa bahe lafa doti marra qabdu d'ufu, aninileeni akasuma d'ufe, worra Edomu lafa isaani keesaa tassa baqachiisa. Duuba nama anini fohad'eti lafa mohata. Nami na gahu lafa keesa jira? Nami woi na gaafatu jira? Nami lafa fidu, ka dandae nani morku, jira?


Worri risa waaqa ira barisu ira oriuti nu reeba. Gareeni irati faana nu d'ae lafa alooti ka nu imbeekatini tassa na qabe.


AABBO Waaqi waan jed'u: Duri risa gudda tokoti jira, ka koola baricha mid'aaga qabu. Inni gara gaareeni Lebanoni barise, fiit'e dame hind'eesa ch'abse,


Namicha, waan atini hayyu Tirotini jettu, Atini ufi guddifte, kiyyibde keesa dabarte, waaqa ufiini jette. Ammalle atini, Anini waaqa ka barch'uma guddinna ira jiddu baariini tau jetta. Ato waaqa ufi tolchitele atini waaqaniti, namuma.


Yo worri si ijeesu d'ufu, atini hojja sunile Waaquma ufiini jetta? Atini Waaqaniti, namuma, yo si ijeesu d'ufani inuma doota.


Inni yayu hayyu lafa nami keesa tau ch'ufa si tolche, horifi bineensafi simpirre ch'ufa si jalati bulche. Mataani worqi suni sii.


Qalbini nati deebinaani, ulfinnaafi jabeennafi guddinna kiyya ch'ufa naa deebisani, anini akuma kaani deebie hayyu tahe. Hojatufi jari gugurdaani kiyya aka jaba na fud'ate finna kiyya ka duri kaaniti na deebisani, haga qarale iraa na ulfeesani.


Bineensa hafe kaani sadeeni jabeenna isaani iraa fuud'ani lubbu isaani haga bulti gabaabdu lakisani.


Bineensi lameeso gorjama fakaata, ammo miila lukhatini oleja. Inni ch'inaacha sadi afaani qaba, duuba qonqooni toko waan jetteeni, Fooni guddisi haga feetu nyaad'i!


Fulla reefi jiruti allaatiini buuti.


AABBO Waaqi gosa isani afaani isii ind'ageenne muumme lafati isaniti erge, worri aka risa isani ira bua.


Bineensi suni aka qeeramsa jira, miili isaa aka miila goorjama jira, afaani isaa aka afaani nyeench'a jirani. Jaweeni taani jabeennaafi guddinnaafi humna ufi ch'ufa bineensa suni kennite.


Lean sinn:

Sanasan


Sanasan