25 Inni Waaqa gudda miid'e, gumi Waaqale dabsa. Ammalle inni seerafi aada worrale ch'ufa garagalchu fed'a, gumiini Waaqaleeni ganna sadiifi jia jaa isa jalati bulti.
Nama atini arabsite goyeesite kana eenu seeta? Nami atini tufate sunini anuma, Waaqa Israeli qulqullo.
Hayyichi lafa mirgaa ka wold'aqisa Waaqa qulqullo balleesu fed'u, waan boojie ch'ufaani galata. Inni waan fed'u tolche, duuba lafa ufiti deebia.
Malaikaani taani harka lachu gara Waaqa olqabatte, maqa Waaqa haga jiru jireenna jirutini kakhate waan jette, wonti sunini eegi ganni sadiifi jii jaa dabre guutamti. Gaafa gumi Waaqa gaargalchani iraa deebiani wonti kunini gaafasu ya guutamte. Gaafa isiini dubbi suni jette anini artuma jira.
Barafi wogaale ch'ufa isumati harkaa qaba; hayyule isumati barch'uma ira teesise, ammalle iraa buusa; nami qaroomafi hubacha namaa kennu isuma.
Jennaani Nebukadrezani fulla ibida kaani d'ufe, worra kaani yaame waan jed'e Shadraka, Mesheki, Abednego. Hojattu Waaqa gudda, gabaha! Jennaani worri hojuma suni ibida suni keesaa yae.
Tunini dubbi malaikaani qulqullooni kurfo d'ufte taani ch'ufti dubbate buufate. Tanaafi nami lafa keesa jiru ch'ufti ha beekhu, aka Waaqi guddaani nama nama fidu ch'ufa fide abba fed'u finna suni kennu — nama woma keesa injirrele ch'ufa.
Akheekha jabaafi waan mama ka Waaqi guddaani na garsiise ka anini amma isaniti himu ch'aqasa.
Namaani gargari si baasani, bineensani wolti sigalchani, ganna torba akuma karaaba buuyo si nyaachisani fit'eesa keesa ala si bulchani. Duuba eegi suni atini ee jetta, aka Waaqi guddaani dandae lafafi nama ch'ufa fide, abba fed'u kennu.
namaani gargari si baasani bineensani wolti si galchani, duuba ganna torba atini aka karaaba buuyo nyaatta. Duuba aka Waaqi guddaani lafafi namale ch'ufa fide finna isiile ch'ufa nama fed'u kennu hubata.
Gumiini qulqullooni Waaqa guddaa, jabeenna lafaani fiddu argatte haga jiru jireenna teeti.
Anini ammalle waan gaafa isaa kud'annaani kaanitifi gaafa didiqa eege bahe, gaafa sadeeni kaani bubuqise, beekhu fed'e. Gaafi sunini ilaafi afaani kiyyibo ufi totolcha qaba, ammalle gaafa kaani ch'ufa ira nama mudamsiisa.
Ato anini tae gaafa isaa suni ilaalu, gaafi diqaani toko jiddu gaafa kaanitini bahe, gaafi diqaani suni gaafa gugurda kaani sadi bubuqise. Gaafi diqaani suni ila namaatifi afaani kiyyibo ufi totolcha qaba.
Ammalle inni gudda urji sunitini morke, sorio guyya ch'ufa gubani isaa baasani d'owe, Mana Waaqale t'ureese balleese.
Jennaani malaikaani taani waan jetteeni, Haga bulti kuma tokofi d'ibba tokofi shantama, ka sorio diiramafi galgala inqalanne. Duuba eege mani Waaqa aada ufi ta qara taaniti deebia.
Gaafa afrani suni toko iraa gaafi diqaani toko bahe; gaafa suni, irreeni isaa, bitaafi ila adutifi lafa gabboti ejiti.
Hayyichi suni nama heddu, haga ganna torba, wold'aqisa woliini tolfata. Ammalle ganna torbaani suni jiddu keesati inni soriofi waan Waaqaa baasani ch'ufa balleesa. Waan hamtu nama rifachiisa fiit'e Mana Waaqa gubba kayani, haga nama achi kaye suni baddini Waaqi kurfeesefi sunini d'aqabduti.
Worri yo ch'ufa naraa gore waaqa woma keesa injirre kad'ate guube dabdu fakaata. Waan jaaroleeni kiyyibdeefi, worra goraadeeni fit'ani, worri Misirileeni worra kobla.
Nami tokoleeni kara tokoleeni isani insobini. Guyyaani ind'ufu, haga Loli guddaani tahe Nami Hamaani ka fulla ibidati male mullatuuti.
Waan nami kad'atuufi ka nami guddisu ch'ufa inni indida. Inni waan ch'ufa ira ufi guddise, d'aqe Mana Waaqa keesa tae Waaqa ufiini jed'a!
Jennaani Hamaani Suni mullate, Aabbo Yesoni hafuura afaani isaatiini isa ijeese, d'ufiisa isaa ka guddinnatiini lafaa isa balleesa.
Niiti taani koola risa gugurda lama kennaniifi aka isiini lafa gamoojiti baqate ganna sadifi nusa achi teete achiti qorqoratani, aka isiini had'iisa bofa suni dura baatu.
Niitiini gara lafa gamooji baqatte, fulla Waaqi isii mid'aase, aka achiti qorqoratani haga guyya kunki tokotiifi d'iba lamafi jaatama.
Jari qulqullooni ka seera Waaqa guute d'ugefacha Yeso jabeesu, waan kana obsu male.
Worri d'iiga worra qulqullo ka raagoota jisse, tanaafi atini ya d'iiga worra obaafte. Waan worraa male argachu jirani!
Anini aka niitiini d'iiga worra Waaqatiifi ka worra Yeso d'ugefate ka fit'aniini machoofte arge. Isi arginaani anini guddo maadefad'e.
Wonti Babiloni gaargalchaniifi, waan d'iiga raagootatiifi worra Waaqaa isa keesati arganiifi; ee, d'iiga nama lafa keesati ijeesani ch'ufa.