Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -




Danieli 7:21 - KITAABA WAAQA

21 Ato anini tae ilaau, gaafi suni gumi Waaqa qulqullo taani had'e dabsate.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac




Danieli 7:21
12 Iomraidhean Croise  

Askartini isaa hagi toko d'ufte Mana Waaqa t'ureesite, sorio guyya ch'ufa baasani d'owarte waan hamtu nama rifachiisa kaani old'aabdi.


Malaikaani taani harka lachu gara Waaqa olqabatte, maqa Waaqa haga jiru jireenna jirutini kakhate waan jette, wonti sunini eegi ganni sadiifi jii jaa dabre guutamti. Gaafa gumi Waaqa gaargalchani iraa deebiani wonti kunini gaafasu ya guutamte. Gaafa isiini dubbi suni jette anini artuma jira.


Anini ammalle waan gaafa isaa kud'annaani kaanitifi gaafa didiqa eege bahe, gaafa sadeeni kaani bubuqise, beekhu fed'e. Gaafi sunini ilaafi afaani kiyyibo ufi totolcha qaba, ammalle gaafa kaani ch'ufa ira nama mudamsiisa.


Nami achiti ch'ubbu tolche, sorio guyya ch'ufa gube baasu lakise, d'uga Waaqa lafa buusani. Gaafi sunini waan tolche ch'ufa dabsate.


Inni jabeenna argata, ammo ufiini inargatu. Inni guddo woballeese waan tolchu fed'u ch'ufa dabsata. Ammalle worra jajabaafi gumi Waaqa qulqullole balleesa.


Gaafa afrani suni toko iraa gaafi diqaani toko bahe; gaafa suni, irreeni isaa, bitaafi ila adutifi lafa gabboti ejiti.


Ilma Hoola inhad'ani ammo Ilme Hoolatiifi jari d'uga ka isii gula yau, ka isiini fohate yaamte worra dabsata, waan isiini guddo abbooti ch'ufatiifi, hayyu hayyoota ch'ufa tatefi.


Anini aka niitiini d'iiga worra Waaqatiifi ka worra Yeso d'ugefate ka fit'aniini machoofte arge. Isi arginaani anini guddo maadefad'e.


Jennaani anini bineensafi hayyoota lafatiifi duula worra, ka namicha farda yaabatufi duula isa had'u fed'u arge.


Lean sinn:

Sanasan


Sanasan