Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -




Danieli 7:13 - KITAABA WAAQA

13 Daayya suni keesa anini waan nama fakaata arge. Inni, ka dumansa keesa deemu, nati gadi d'ufe, namicha haga jiru jireenna jiru kaaniti qajeele, jennaani isa duraani d'ufani.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac




Danieli 7:13
39 Iomraidhean Croise  

AABBO Waaqi jabeenna kanke ka hayyuma Sioni ch'alla keesati illakisu, fulla d'ibile geese waan jed'u, Nyaapa kanke mohad'u.


Na kad'ad'i, anini gosa lafa keesa jirtu ch'ufa sii kenna. Lafti ch'ufti haguma geetunu tante taati.


Waaqi barch'uma ufii yaabata. Hojja AABBO Waaqi olkoru suni magalata d'aani, lalabaani gammadani.


Akuma nyeench'i badda galaana Yordani keesaa bahe lafa doti marra qabdu d'ufu, aninileeni akasuma d'ufe, worra Edomu lafa isaani keesaa tassa baqachiisa. Duuba nama anini fohad'eti lafa mohata. Nami na gahu lafa keesa jira? Nami woi na gaafatu jira? Nami lafa fidu, ka dandae nani morku, jira?


Waan aka gasare suni gubbaa waan barch'uma hayyuma, ka d'akha bule ch'uluqaani mid'aasaniti jira. Ammalle barch'uma suni ira waan nama fakaatati taa.


Bara hayyooti suni lafa fiddu Waaqi gubbaa finna haga jiru jireenna ind'umanneeni d'ufa. Finna suni dandaani indabsatani, ammo inni finna d'ibi ch'ufa balleese haga jiru jireenna mohata.


Bineensa hafe kaani sadeeni jabeenna isaani iraa fuud'ani lubbu isaani haga bulti gabaabdu lakisani.


wonti anini oobju sunini arge tana: Bubbeeni gara ch'ufaa d'ufte bisaani baariini d'oofte chochoofte.


Jennaani namichi haga jiru jireenna jiru kaani d'ufe, gumi qulqullo Waaqa guddati d'uga galche. Inni gumi suni jabeenna worri lafaani fidu kenneefi.


Ato anini tae ilaalu, barch'uma hayyu ka d'ad'aabani arge. Jennaani namichi toko ka haga jiru jireenna jiru d'ufe, barch'uma suni toko ira tae. Woyaani isaa adi ch'aama, rifeensi isaaleeni woya boofta adi fakaata. Barch'uma isaa ibidati iraa bobaa, ammalle miili barch'uma suni ch'ufti ibida,


Ato anini waan daayyani suni d'ooftu tae heregu, nami toko d'ufe na dura eje.


Ilmi Nama malaika ufi erge, isiini Finna isaa keesa waan daba ch'ufaafi worra hameenna tolchu ch'ufa wolti guurte,


Duuba akheekhi Ilma Nama gubbati mullata; gochiti lafa tana ch'ufti imbooti, Ilma Nama ka dumansa keesa jabeennaafi guddinnaani gadi buu argani.


Guyya Ilmi Nama guddinna ufitiini d'ufu malaika ch'ufa woliini, inni barch'uma guddinna ufi gubba tae,


Yesoni waan isaani jed'e, Atu ya jette. Ammo waan anini isaniti himu, Eegi arra, Ilma Nama ka harka mirgicha Waaqa Gudda tae, dumansa gubbatiini gadi deebiu argitani.


Yesoni worrati d'iaate waan jed'eeni: Jabeenna ch'ufa, ka lafafi gubbale, ya nati kennani.


Yeso waan jed'eeni, Geedalti goda qabdi, simpirreleeni mana qabdi, ammo Ilmi Nama fulla mata ufi keyatu inqabu.


Jennaani Ilma Nama ka dumansa keesa jabeennaafi guddinnaani d'ufu argani.


Gaafasi Ilmi Nama, ka jabeennaafi guddinnaani dumansa keesa d'ufu argani.


Hojja ch'ufa eegad'a, kad'ad'a, aka waan d'ufa kana ch'ufa jalaa baatani, Ilma Nama dura ejaanjattani.


Haga Musafi raagi ch'ufati iti keyate, waan isaa ka t'aafi keesati t'aafani ch'ufa worraa diige.


Gumiini waan jetteeni, Nu yayu Seera keesati soomne aka Kristoni haga hegeri tau. Atini akami Ilma Nama lafa tana olfuud'u malani jette re? Ilmi Nama kunini eennu kana?


Nami tokoleeni ka takuma gubba d'aqe injiru, Ilma Nama tokocha, ka gubba gadi bue male.


Inni yayu jabeenna qorsuma kenneefi, waan inni Ilma Nama taheefi.


waan jed'e, Me ilaala, anini gubba banamtu arga, Ilma Nama harka mirgicha Waaqa oleju arga.


nu worra gaafasi jirru ch'ufa dumansa keesati worra kaani woliini wolti guurani, gubbati Aabbooni wolwoldeenna. Duuba guyya ch'ufa Aabbo woliini teena.


Nami indoone isa ch'alla; inni ifsa nami iti d'ufu indandeenne keesa taa. Nami tokoleeni taka isa ingarre, tokoleeni dandae isa inargu. Ulfinnafi jabeenni ka isaa tahinna, haga hegeri! Amini.


Waan ijoolleeni suni nama nafafi d'iiga qabu taateefi, Yesoleeni aka worraa tahe nafa argate. Wonti inni akasi tolcheefi, aka duisa isatiini Sheet'ana, ka duisa ira jabeenna qabu dabsatu.


Wonti akanatiifi Kristoni fakeenna fulla qulqullo, ta nami harkaani mid'aase keesa inseenne. Inni gubbati olgale, fulla inni amma maro teennaafi fuula Waaqa dura eju.


Jiddu ifse suni keesa waan aka nama jira tokoti eja, ubaari isaa miila gaha, qoma isaa gubbati woya worqiti mara qaba.


Anini ka jiru! Duri la due ammo amma haga hegerile injira. Fura duisatiifi ka awaalale harkaa qaba.


Me ilaali, inni dumansa keesa d'ufuu jira! Nami ch'ufti isa arga, jari duri isa woraaneleeni. Gochiti lafa ch'ufa maro isaatiifi booti. Ha akasuma taatu! Amini.


Anini millannaani, dumansa adi, ka nami Ilma Nama fakaatu gubba tau arge. Inni sure worqi mataa qaba ammalle haamtu qara qabdu harkaa qaba.


Lean sinn:

Sanasan


Sanasan