Ammalle Mikayaani waan jed'e, Amma waan AABBO Waaqi jed'u ch'aqasi! Anini AABBO Waaqa ka barch'uma ufi ira tau gubbati arge, ka malaikaani isa mirgaafi bita isaa enjaanjitu.
Worri Waaqa imbeenne ya dalane, ammo dalansuuni tante ya d'ufte, hojjaani worra due qoranile; ammalle hojjaani hojattu tante raagootafi nama ch'ufa, diqaafi guddale, nama si sodaatu ch'ufa galata kennaniifi ya d'ufte. Yoi nama lafa balleesu balleesani ya gahe!