Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -




Danieli 6:26 - KITAABA WAAQA

26 Anini amma seera baasa, aka nami lafa anini fidu keesa jiru ch'ufti Waaqa Danieli sodaate saalfatufi. Inni Waaqa jiru, ka haga jiru jireenna tau. Finna isaa dandaani imballeesani jabeenni isaaleeni muumme inqabu.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac




Danieli 6:26
39 Iomraidhean Croise  

Waaqi isani nama gumi isaa ch'ufa woliini jiraatinna kaa, Yerusalemu d'aqa, Mana AABBO Waaqa Israeli ka qara ch'ach'abe jaara — Waaqi dira suni isuma.


Anini nama hori hayyu olkayu ch'ufa, ka lafa Efrati ta ila adu jiru, waan jed'uuni: Waan qaallichi Ezrani, ka waan Seera Waaqa gubbaa ch'ufa beekhu, isani gaafatu ch'ufa hurrisa, iti keenna, ammo haga kana indabarsina:


Maro teetifi anini sodaad'e, maro seera keetile mudama.


AABBO Waaqi haga jiru jireenna lafa fida. Ee Sioni Waaqi kanke d'aloota ch'ufaa hayyu taha. AABBO Waaqa faarsa.


AABBO Waaqa sodaad'a hojad'aafi;


AABBO Waaqi d'immu bisaanile mohate haga jiru jireenna lafa fida.


Ee Waaqa jiru, anini siti d'eebod'a; anini yoomi deeme si arge si kad'ad'a?


Nami lafafi gubba uume anumaniti? Nami anini iraa gammadu, nama ufi diqeese ch'ubbu lakise, na sodaate naa saalfatu.


Jabeenni inni namaani fidu inhobau, lafti inni fidu yo ch'ufa nagaya qabdi. Inni barch'uma Daudi, ka hayyuma, ira tae nama fida; inni d'ugaafi qajeelumaani nama fida, haga ammatiifi haga hegerile. AABBO Waaqi guddaani waan suni guutu male illakisu.


Ammo AABBO Waaqa, atini Waaqa d'ugaa, atini Waaqa jirufi hayyu haga jiru jireenna jiru. Hojja atini dallantu, lafti inchochooti, gochitileeni dallansu tante dandeete inoobsitu,


Bara hayyooti suni lafa fiddu Waaqi gubbaa finna haga jiru jireenna ind'umanneeni d'ufa. Finna suni dandaani indabsatani, ammo inni finna d'ibi ch'ufa balleese haga jiru jireenna mohata.


Anini amma seera baasa: Yo nami gosafi d'alootafi afaani tateefu Waaqa Shadrakatifi ka Meshekitifi ka Abednego tufate arabse, nama suni ha harkaafi miila iraa ch'irani mana isale onsani balleesaniti. Waaqi d'ibiini tokoleeni ka dandae akana nama baasu injiru.


Akheekhi Waaqi na garsiise akami gudda! Wonti mama ka inni tolche akami guddo! Waaqi hayyu haga jiru jireenna ch'ufa jiru; ka ammalle hojja ch'ufa jiru ka ammalle hojja ch'ufa lafa fidu.


Ganni torbaani kaani hobaanaani, anini, hayyu Nebukadrezani waaqa ollale, jennaani qalbini nati deebite. Jennaani anini Waaqa gudda faarse, isa ka haga jiru jireenna jiru guddise. Inni haga jiru jireenna mohata, finni isaleeni bara ch'ufa jira.


Achini bahe jennaani qonqo laalalatini Danieli yaame waan jed'e, Danieli, hojattu Waaqa jiru Waaqi atini d'ugeefatu nyeench'a duraa si baase?


Jennaani jabeennafi ulfinnaafi irre inni woini fiddu isaa kennani, aka nami gosafi d'alootafi afaani afaani dubbatu ch'ufti isa hojatu. Jabeenni isaa haga jiru jireenna taa, finna isaa muumme inqabu.


Jabeennafi guddinna lafa hayyuuni fidu ch'ufa gumi Waaqa guddati kennani. Finni worra ka jiru jireennati, nami lafa mohate ch'ufti worraa hojate saalfatafi.


Ammo ato akasile taate, worri Israeli hore aka maansa baariini lafa ira dabra, ka nami dandae inhenne. Qara Waaqi, Isani nama kiyyaniti jed'eeni, ammo guyyaani ind'ufa, ka inni, Ilmaani Waaqa jiru jed'uuni.


Anini AABBO Waaqa, ka injijiramne. Tanaafi, ee ilmaani Yakobo, isani qara inhobaane.


Ilaalacha nutiini ind'ufiini, ammo waan hamtu nuraa d'owi.


Inni hayyu worra Yakobo haga hegerile taha; hayyumti isaa muumme inqabdu.


Ammo nama sodaachu malani anini isaniti hima; Waaqa sodaad'a, ka eegi nafa ijeese jabeenna ibida keesa buusuuni qabu. Ee, waan anini isaniini jed'u, sunuma sodaad'a.


Yokhaani harki nama isa inyaachisu, aka waan inni wo fed'u. Wonti akanatiifi inni jireennafi hafuura nama ch'ufaa kenna.


Fulluma duri, isani worra kiyyaaniti jed'aniti, achiti Ilmaani Waaqa Jiru jed'aniini.


Nami lubbu qabu tokoleeni ka eegi Waaqa jireenna ka ibida keesaa dubbate d'agaye jiraate injira?


Nami ch'ufti waan gaafa nu gara keesani d'umne, ka isani aka dansa nu bulchitani, dubbata, aka isani waan harkaani boch'ani lakiftani Waaqati deebitani, Waaqa d'uga ka jiru hojattani,


wonti akanatiifi Waaqi keenna ibida wo balleesu.


Galati dansaani ka namaa kennanifi ka namaa baasani ch'ufti gubba gadi d'ufa, fulla Waaqa, ka ifsa gubba uume. Inni injijiramu yokhaani garingalu.


Jennaani malaikaani torbeeso magalata ufi d'oofte, qonqooni guddooni gubbaa baate waan jette, Jabeenni lafaani fidani amma ka Aabbo keennatiifi ka Kristo isaati, inni haga hegeri fida.


jaaroleeni diddami afuri taani nama barch'uma guddinna gubba tau kaani durati jidde isa guddifti. Sure hayyuma taani isa durati jissani waan jed'ani:


Wonti Lubbu qaba afraani kaani, Amini! jette, jaaroleeni lafati jidde Waaqa kad'atte.


Daudini waan nama isa bira ejaanjuni jed'e, Nama namicha Filisti kana ijeese ch'eera hama kana gosa Israeli dura baase maani kennanifi? Qarale namichi Filisti kunini ka qabanqaba inqabatini hojja tae askarti Waaqa jiru ch'ompifatu eenu ufi seha?


Anini nyeench'afi gorjamale ya ijeese, namicha aada inqamne, ka Filisti kana, ka askarti Waaqa jiru tae ch'ompifatu kanale inuma ijeesa.


Lean sinn:

Sanasan


Sanasan