Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -




Danieli 5:2 - KITAABA WAAQA

2 Ato taani daad'i d'uganu, Belshazani muduunufi qori ta worqifi qarsiini mid'aasani, ta duri abbaani isaa Nebukadrezani Mana Waaqa ka Yerusalemu keesaa boojie, kootani jed'e. Wonti inni waan sunini koota jed'eefi, aka isaafi jara isaa gugurdafi nad'eeni isaatiifi gaarayooti isaa daad'iini d'uddu.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac




Danieli 5:2
23 Iomraidhean Croise  

Daudini waan jed'eeni, Insodatini, anini maro abba kanke Yonathanitifi sii naha. Anini lafa akhaakhuni kanke Sauloni duri qabu ch'ufa si deebise, atileeni guyya ch'ufa sagale na woliini nyaata.


isaafi hori mana hayyu keesa jiru ch'ufa Babiloni geese. Akuma qara AABBO Waaqi duraani hime kaani, hayyu Nebukadrezani miha worqi ka hayyu Solomoni Mana Waaqa keesati mid'aase, ch'ufa ch'ach'abse.


Ammalle worri waan worqifi qarsiini mid'aasanifi qori didiqofi daboolaa ch'ile ibidatini fuud'anile, ch'ufa fuud'ani itiini d'aabatani.


inni intala Basalomu, ta Maaka jed'ani, fuud'e. Worri ilmaani afuri d'ale: Abiya, Atai, Ziza, Shelomithi.


Hayyu Asani akko isaa, Maaka, waan isiini akheekha Waaqa hama Ashera jed'ani mid'aafatefi, guddinna hayyuma, ka isiini qabdu, iraa fuud'e. Inni akheekha suni ch'ach'abse, gargari ch'ire, laga Kidroni keesati gube.


Ganni roobe jennaani hayyu Nebukadrezani Yekonia boojie, Babilonitini gale, miha Mana Waaqale ch'ufa boojie, abbuya Yekonia, ka Zedekia jed'ani, hayyu Yudatifi ka Yerusalemu tolche.


Inni Mana Waaqatifi miha isaatiifi waan dansa keesa jira ch'ufafi miha mana hayyutifi hojattu isaale ch'ufa boojie, lafa Babiloniti geese.


Inni miha worqitiifi ka qarsi, ka duri Nebukadrezani mana Waaqa isaa ka Babiloni jiruti geese, deebise, miha suni gudda lafa Yuda tolcheti kenne.


Gochiti ch'ufti isaafi ilma isaatifi akhaakhu isale jalati bulti, haga guyyaani lafti isaa baddu gahuti. Duuba gaafasi gochiti isaa gosa jabduufi hayyoota gugurdo jalati bulti.


AABBO Waaqi waan jed'u, Dooti ha lafa Babiloni qabatu! Dooti ha nama isiitiifi nama isi mohatufi worra isii qaqaro qabatuuti.


Ammalle worri waan worqifi qarsiini mid'aasani ch'ufa guure itiini d'aabate: qori didiqofi daboola ch'ile ibidatini fuud'anifi qori d'iiga sorio iti naqanifi eele daara iti haranifi waan ifse ira d'ad'aabanifi eele hit'aanatifi qori daad'iini d'ibaayu baasanile.


Aabbo Waaqi Yehoiakimu, hayyu Yuda, harka isaati kenne, ammalle inni miha Mana Waaqa haga toko boojie. Inni nama gari boojie, mana waaqoota isaa ka Babiloni jiruti geese, miha boojie kaanile mana waaqoota isaa keesati olkaye.


Lafa tante tana keesa nama tokoti jira, ka lubbu waaqoota qulqullo qabu. Gaafa abbaani kanke jiru inni aka qalbifi hubachafi qarooma waaqooti qabdu qabu ufi garsiise. Jennaani abbaani kanke, hayyu Nebukadrezani, gudda worra wo himutifi falfaltufi worra qaqaroofi worra ayyaana heddu isa tolche.


Jennaani hojuma suni Danieli fulla hayyutini d'ufani, hayyichi waan jed'eeni, Namichi gosa Yahudi, ka Danieli jed'ani, ka abbaani kiyya boojie armaani d'ufe sii?


Waaqi guddaani abba kanke Nebukadreza hayyu gudda tolche guddinnaafi ulfinna kenneefi.


Atini Waaqa gubbati wollaalte, muduunufi qori mana isaa guurte d'ufteeni, duuba siifi jara kanke gugurdafi nad'eeni teetifi gaarayooti tanteleni daad'iini d'uddani, waaqa worqifi qarsifi sibiila diimafi sibiila guraachafi mukhaafi d'akhaani mid'aasani faarsitani — waaqa woma ingarre, ka woma ind'ageenne, yokhaani ka woma imbeenne. Ammo atini Waaqa duafi jireenna kanketifi ammalle waan atini tolchitu ch'ufa harkaa qabu guddisu didde.


Hojuma suni muduunufi qori worqi taani d'ufaniini worri ch'ufti daad'iini d'uge,


Halkanuma suni Belshaza, hayyu Babiloni, ijeesani;


waaqa worqifi qarsifi sibiila diimafi sibiila guraachafi mukhaafi d'akhaani mid'aasani kaani faarse.


Lean sinn:

Sanasan


Sanasan