9 Belteshaza, gudda worra wohimu, anini imbeekha, aka lubbuuni waaqoota qulqullo si keesa jirtu, ammalle aka atini waan d'ossani ch'ufa beetu. Oobjuuni tiyya tana: Waan isiini d'ooftu naati himi.
Faraoni waan jed'eeni, D'iiro, nama Yusufu ira jiru, ka lubbuuni Waaqaa ke jirtu, inarganna?
Wonti isani duri sodaatani, nami damoosa nuraa guuru me? Nami doofi gubba eje nama eegu me? Jettani imbaddi.
D'ugaani si jabeesani, nama si dabse si mudamsiisu jalaa si baasani.
gaara ch'ufa ira d'eerati d'aaba. Duuba dameeni suni latte baate, bosonte mid'aani baafte hind'eesa gudda mid'aaga taati. Simpirreeni gosa ch'ufa irati mana jaaratte gaadisa isale boqotti.
Atini waan Danieli ira qaro ufi seeta waan wonti tokoleeni dandeete si duraa d'okhatu inseetu.
Waan tateefu ka hayyuuni gaafatu ch'ufa, waan qaroomatiifi yokhaani ka hubachale taanaani, jari afrani kunini nama wo himufi falfaltu lafa inni mohatu keesa jirtu ch'ufa maro kud'ani ira wo beekha.
Ammalle hayyichi waan Danielini jed'e, D'uguma Waaqi kanke Waaqa Waaqa ch'ufati, ka abba hayyoota ch'ufa ka waan d'ossani ch'ufa namaa mullisu, Tanaafi atini waan d'ossani kana dandeete nati himte.
Jennaani duuba hayyuuni Danieli ulfinnaafi waan heddu muumme inqamne kenneefi, gudda lafa Babiloni ch'ufa isa tolche, jara hayyu mala d'aule ch'ufa mataa iti tolche.
Oobjuuni, anini hayyu Nebukadrezani oobjad'e tana. Duuba amma Belteshaza, waan isiini d'ooftu nati himi jari kiyya qaqarooni, ka dandae nati himu injiru, si male; wonti akanatiifi atini lubbu waaqoota qulqullo qabda.
oobju na mudamsiiftu oobjad'e, hiriba keesa daayya naa naasiftu arge.
Jennaani Danielini d'ufe. (Isaa maqa waaqa kiyya gula maqa d'ibi Belteshaza iti baasani.) Inni lubbu waaqoota qulqullo qaba tanaafi anini oobju tiyya iti hime. Anini waan jed'eeni:
Lafa tante tana keesa nama tokoti jira, ka lubbu waaqoota qulqullo qabu. Gaafa abbaani kanke jiru inni aka qalbifi hubachafi qarooma waaqooti qabdu qabu ufi garsiise. Jennaani abbaani kanke, hayyu Nebukadrezani, gudda worra wo himutifi falfaltufi worra qaqaroofi worra ayyaana heddu isa tolche.
Eentu dandae harka Waaqa jaba ka irre qabu jalaa nu baasa? Waaqi kunini Waaqa worra Misiri lafa alooti hobaase!