Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -




Danieli 4:3 - KITAABA WAAQA

3 Akheekhi Waaqi na garsiise akami gudda! Wonti mama ka inni tolche akami guddo! Waaqi hayyu haga jiru jireenna ch'ufa jiru; ka ammalle hojja ch'ufa jiru ka ammalle hojja ch'ufa lafa fidu.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac




Danieli 4:3
29 Iomraidhean Croise  

Waaqi jabeenna qaba; nami ch'ufti isa sodaachu male; inni gubba nagaya tolche, aka dansa fida.


Ee AABBO Waaqa, atini waan heddu uumte! Atini qarooma akamitiini waan kana ch'ufa uumte. Wonti atini uumte sunini ch'ufti ya lafa guute.


Worri waan Waaqaa ka mama jabdu lafa Misiri keesati tolche.


Finni kanke ka haga hegeriti, hayyumti tante haga jiru jireenna teeti. AABBO Waaqi kakhu ufi inguuta, wonti inni tolchu ch'ufti dansa.


Inni irre ufiitini haga jiru jireenna lafa fide, gosa ch'ufa ila ufiitini qorqorata. Nami tokoleeni isaani morku himmalle.


AABBO Waaqa Israeli ha faarsaniti! Waan mama kana ch'ufa isuma ch'allati tolcha.


Atini d'awa bisaani keesa deemte, baariini qile taakite, ammo faana tante nami ingarre.


Atini jaba, ammalle waan mama tolchita; siuma ch'allati Waaqa.


Ee AABBO Waaqa, hujiini tante akami jabdu! Heregi kanke akami gudda!


Ee AABBO Waaqa, atini Waaqa kiyya; anini si guddise maqa kanke faarsa. Atini yayu waan mama tolchite, waan duri malatte ch'ufa aka dansaa guute.


Qalbiini tunini ch'ufti garuma AABBO Waaqa guddati d'ufti; mali Waaqi namaa d'au dansa, hojja ch'ufa inuma guutama!


Jabeenni inni namaani fidu inhobau, lafti inni fidu yo ch'ufa nagaya qabdi. Inni barch'uma Daudi, ka hayyuma, ira tae nama fida; inni d'ugaafi qajeelumaani nama fida, haga ammatiifi haga hegerile. AABBO Waaqi guddaani waan suni guutu male illakisu.


Ammo AABBO Waaqa, atini Waaqa d'ugaa, atini Waaqa jirufi hayyu haga jiru jireenna jiru. Hojja atini dallantu, lafti inchochooti, gochitileeni dallansu tante dandeete inoobsitu,


Jennaani inni worra wohimufi falfaltufi nama murma baafatufi ka ayyaana heddu wolti yaame, waan oobjuuni tiyya d'ooftu nati hima jed'e. Worri isa dura d'ufe jennaani


Bara hayyooti suni lafa fiddu Waaqi gubbaa finna haga jiru jireenna ind'umanneeni d'ufa. Finna suni dandaani indabsatani, ammo inni finna d'ibi ch'ufa balleese haga jiru jireenna mohata.


Tunini dubbi malaikaani qulqullooni kurfo d'ufte taani ch'ufti dubbate buufate. Tanaafi nami lafa keesa jiru ch'ufti ha beekhu, aka Waaqi guddaani nama nama fidu ch'ufa fide abba fed'u finna suni kennu — nama woma keesa injirrele ch'ufa.


Jennaani jabeennafi ulfinnaafi irre inni woini fiddu isaa kennani, aka nami gosafi d'alootafi afaani afaani dubbatu ch'ufti isa hojatu. Jabeenni isaa haga jiru jireenna taa, finna isaa muumme inqabu.


Jabeennafi guddinna lafa hayyuuni fidu ch'ufa gumi Waaqa guddati kennani. Finni worra ka jiru jireennati, nami lafa mohate ch'ufti worraa hojate saalfatafi.


Duroomi Waaqaa waan gudda! Qalbifi hubachaani isaa waan guddo! Eentu waan inni muru beekha? Eentu kara isaa hubata?


Waaqi tokoleeni, ka taka deeme nama lafa d'ibi keesaa fuud'e nama ufii tolfate, aka AABBO Waaqi keesani isani lafa Misiri keesaa fuud'e injira? Ila teesani durati inni irre isaatiifi jabeenna isaatini gaargala lolaatiini d'ufe, waan taka nami arge ind'agayinifi waan mama tolche, waan nama sodaachisa heddu tolche.


Gara Hayyu haga hegeri tau, ka indoonefi ka imullanne, Waaqa tokocha, guddinnaafi ulfinni ha isaa tahu, ammafi hegerile! Amini.


Ammo waan Ilma, Waaqi waan jed'e, Hayyumti tante, Ee Waaqa, haga hegeri jirti! Anini d'ugaani nama fidda.


Waaqileeni d'uga ufi ta worrati dare, akheekhafi waan mamatiifi waan jabdu heddu tolche. Ammalle Lubbu Qulqullo fed'i ufi gula namaa qoode.


Nami wo barsiisu ha dubbuma Waaqaa barsiisuti; nami hojatu ha jabeenna Waaqi kennufiini hojatuuti; aka waan ch'ufa keesati Waaqa faarsani, Yeso Kristo, ka guddinnaafi jabeenna haga hegeri qabu keesa. Amini.


Jennaani malaikaani torbeeso magalata ufi d'oofte, qonqooni guddooni gubbaa baate waan jette, Jabeenni lafaani fidani amma ka Aabbo keennatiifi ka Kristo isaati, inni haga hegeri fida.


Lean sinn:

Sanasan


Sanasan