Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -




Danieli 4:1 - KITAABA WAAQA

1 Hayyu Nebukadrezani qonqo tana nama gosa ch'ufatiifi ka d'aloota ch'ufatiifi ka afaani afaani dubbatu, ka lafa keesa jiru ch'ufa iti erge bultiini isani nagaya? Nageenni isani bad'aad'a? jed'e nagaya fuud'e.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac




Danieli 4:1
16 Iomraidhean Croise  

Jennaani lubbuuni Waaqa jara keesa, namicha Amasai jed'ani toko, ka eege jara sodoma kaani mata iti tahe, ira buute, jennaani inni waan jed'e, Daudi ilma Yese, nu goli tanteeti! Waaqi siifi goli tante ch'ufa qarqaare eebisinna, inni gamuma kanke jira, Daudini worra fud'ate goli ufiiti dare askarti isa keesa guddinna kenneefi.


Hayyichi qonqo tana worraa deebise waan jed'e. Namicha tatabe t'aafu ka Shimshai j ed'ani wahela worra, ka dira Samariatifi ka lafa Efraimu ila adu tau, nagaya isani fuud'a.


Ee hayyicha, Dario, nu nagaya si fuuna.


Jennaani guyya kud'ani sadeeso, ka jia qara, Hamaniini hojattu hayyuu ta wo t'aaftu wolti yaame, dubbi sila nama ch'ufati himani iti haasae. Dubbi tana t'aafifi afaani gosa gosaa, ta gochiti lafa hayyuuni fidu keesa jirtu dubbatuuni t'aafani, worra gugurda ch'ufa ka hayyu jala hojattuti ergani. Ammalle maqa hayyu Ahasuerotiini ergani, beesisa qube isaa ira kayani.


Wonti kunini guyya diddami sadeeso, ka jia sadeeso, ka Siwani jed'ani, taate. Guyya suni Mordekaiini worra tatabe hayyu t'aafu wolti yaame, tatabe t'aafsise gara Yahuditiifi hojattu ch'ufa, ta hayyu jala hojattu, ta lafa hayyuuni fidu d'ibbafi diddami torba, ta haga lafa Hinditi ejite lafa Kushiti geetuti erge. Tatabe suni t'aafi aka akatiifi afaani gosa gosatiini t'aafani, arda ch'ufati ergani, ammalle afaanifi t'aafi Yahuditileeni t'aafani ergani.


Anini amma seera baasa: Yo nami gosafi d'alootafi afaani tateefu Waaqa Shadrakatifi ka Meshekitifi ka Abednego tufate arabse, nama suni ha harkaafi miila iraa ch'irani mana isale onsani balleesaniti. Waaqi d'ibiini tokoleeni ka dandae akana nama baasu injiru.


nami magalata d'au lalabe, biyya yaame waan jed'e, gumi gosa gosa, ta d'aloota d'aloota, ta afaani afaani dubbatu!


Jennaani hayyu Darioni tatabe nama gosafi d'alootafi afaani afaani dubbatu ch'ufa, ka lafa ch'ufa keesa jiruti t'aafe waan jed'e, Nageenni isani bad'aad'a?


Inni nama baase badile d'owa, lafafi gubba irati akheekha jabaafi waan mama tolcha. Nami afaani nyeench'a keesaa Danieli baase isuma.


Jennaani jabeennafi ulfinnaafi irre inni woini fiddu isaa kennani, aka nami gosafi d'alootafi afaani afaani dubbatu ch'ufti isa hojatu. Jabeenni isaa haga jiru jireenna taa, finna isaa muumme inqabu.


Gaafasi nama kud'ani, ka gosa gosa, nama Yahudi tokoti d'ufe waan jed'uuni, Waan nu d'ageenne, Waaqi isani woliini jira, tanaafi isani woliini yau feena.


Qonqo tana d'ageennaani biyyiti guddo mamte wolti baate, nami ch'ufti ergattu afaani worraa dubbattu d'agaye.


Tanaafi anini gara gumi Rumi keesa jirtu ta Waaqi jaalate nama ufi tolfateti t'aafa: Waaqa Abba keennatiifi Aabbo Yeso Kristoni nagaya isanii kennina.


Waaqa Abbaafi Aabbo Yeso Kristoni eebafi nagaya isanii kenniina.


Gara Timotheo, ilma kiyya ka d'uga d'ugefacha keesa: Waaqa Abbaafi Kristo Yesoni, Aabbooni keenna, eebafi naasufi nagaya si kenninna.


Maro fed'i Aabbo Waaqatiifi isani fohatani, aka Lubbu isaatiini gumi qulqullo taatani, Yeso Kristo ee jettani guuttani, d'iiga isatiini qulqulloftani. Eebafi nagaya guddisa argad'a.


Lean sinn:

Sanasan


Sanasan