Jennaani lubbuuni Waaqa jara keesa, namicha Amasai jed'ani toko, ka eege jara sodoma kaani mata iti tahe, ira buute, jennaani inni waan jed'e, Daudi ilma Yese, nu goli tanteeti! Waaqi siifi goli tante ch'ufa qarqaare eebisinna, inni gamuma kanke jira, Daudini worra fud'ate goli ufiiti dare askarti isa keesa guddinna kenneefi.