Danieli 3:1 - KITAABA WAAQA1 Hayyu Nebukadrezani akheekha woi ka worqi, ka d'eerinni isaa d'und'uma jaatama, ka ballinni d'und'uma jaa, mid'aase, lafa Babiloni keesa dira Dura jed'ani keesa old'aabe. Faic an caibideil |
Atini Waaqa gubbati wollaalte, muduunufi qori mana isaa guurte d'ufteeni, duuba siifi jara kanke gugurdafi nad'eeni teetifi gaarayooti tanteleni daad'iini d'uddani, waaqa worqifi qarsifi sibiila diimafi sibiila guraachafi mukhaafi d'akhaani mid'aasani faarsitani — waaqa woma ingarre, ka woma ind'ageenne, yokhaani ka woma imbeenne. Ammo atini Waaqa duafi jireenna kanketifi ammalle waan atini tolchitu ch'ufa harkaa qabu guddisu didde.