Anini amma seera baasa: Yo nami gosafi d'alootafi afaani tateefu Waaqa Shadrakatifi ka Meshekitifi ka Abednego tufate arabse, nama suni ha harkaafi miila iraa ch'irani mana isale onsani balleesaniti. Waaqi d'ibiini tokoleeni ka dandae akana nama baasu injiru.
Gaafasi Yoshuani seera gudda baase waan jed'e, Nama iti deebie dira Yeriko kana ammalle injaara jed'e, abaarsa Waaqati qabata. Nami yayaba dira kana jaare ilma ufi ka angafa d'abe, ka fullo jaarelleeni ilma ufi maand'icha d'aba.