Yo ammo nama shantama ka ch'ubbu inqamne suni keesa nami shani keesaa hafe, worra shanani suni jette dira kana imballeesita? AABBO Waaqi waan jed'eeni, Yo nama afurtami shani achiti arge imballeesu.
Hayyuuni Ashuru yayu namicha gudda hojatu isaa, Waaqa gudda arabsi jed'e erge. AABBO Waaqi kanke ha araba kana d'agaye worra isa arabsu kana gaargalchuti. Tanaafi atini amma worra keenna ka hafe Waaqa kad'ad'i.
Anini si faarseti si guddisa, ee Waaqa ababoota tiyya; atini yayu qaroomafi jabeenna naa kennite kad'acha tiyyale d'ageete, waan nu hayyuti himnu nu garsiifte.