Waan inni akasi guddinna argatefi nami gosa gosatifi ka d'aloota d'alootatifi ka afaani afaani dubbatuleeni ch'ufti sodaate isa durati hollate. Inni nama fed'u ijeese, ka fed'u lakisa, nama fed'u guddinna kenne ka fed'u iraa fuud'a.
Herodeni aka jari ilaboru d'ufe kaani isa sobe arginaani guddo dalane, nama erge ijoolle d'iira ta Bethlehemu keesa jirtuufi ta reera suni keesaa, ta ganna lama asi fit'a jed'e, aka ganna jara mirga d'ufe iraa hubate gula.