7 Ilmaani hayyoota teennaleeni duri qulqullo adi ch'aama aka aananiti, gagabbo jajabdu, nafi fayya qabu.
Ammalle worqi dansaafi d'akhayeeni ch'ulut'uleeni haga isa woma imbaatu.
Qaroomi d'akha adiifi d'akha ch'uluqafi, d'akhaa diima ch'ulkichale ira jira.
Ilmaani teenna ta d'iira ha kaimoma ufi keesa mukha bahe jabaatu taatu. Ilmaani teenna ta dubraleeni ha utuba mana hayyu jala d'ad'aabani taatu.
Daba kiyya naraa fuud'i, duuba inqulqullaa; na d'iqi duuba anini aka dansa qulqullae, addaad'e haama fakaad'a.
artiti Waaqa Israeli argani. Miila isaa jalati waan ballo aka d'akha bule ch'uluqa jira, bule aka garaa Waaqaa, argani.
Jaali kiyya mid'aaga jaba; d'iira kuma kud'anile inch'aala.
Gudeedi isaaleeni aka utuba hilint'o, ka worqi keesa d'ad'aabani fakaata. Inni guddo qajeela, aka hind'eesa d'ed'eera gaareeni Lebanoni.
Bultiini kud'annani taani hobaate jennaani worri, worra sagale hayyu nyaatu kaani ira, gabbate mid'aage.
Wonti akanatiifi inni Aabbo durati nama gudda taha, daad'iifi farso ind'ugu, Lubbu Qulqullooni guutama akuma garaa haad'a keesaa buuni.
eegi gurbaani sii d'alate rifeensa mata isaa inhaadini, wonti akanatiifi isa haguma inni d'alate asi eebisani, aada worra Naziri gula Waaqaa kennani. Nami qara worra Israeli harka Filisti keesaa baasu isuma.
Ammo wonti inni nani jed'e, Atini garaachoofte ilma d'alta: tanaafi daad'ifi farso ind'ugini, yokhaani sagale lagu tokole insooratini; wonti akanatiifi gurbaani sunini yo d'alate haga jiru ch'ufa eebisanifi aada Naziri gula Waaqaa kennani.
d'uga iti hime waan jed'e, Rifeensa kiyya taka nami inhaane, Haguma d'alanaani na eebisani aada Naziri gula Waaqaa na kennani. Ammo yo rifeensa kiyya naraa haadani, anini irre d'abe akuma biyya d'ibi taha.
Duuba Yeseni nama erge isa yaame. Inni diima gabba mid'aaga, ilti qanqurti qabdi. Jennaani AABBO Waaqi waan Samuelini jed'e, Ka fed'ani, kana kai, muudi!