Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -




Boha 4:16 - KITAABA WAAQA

16 AABBO Waaqi worra firfirse, deebie qaabachu dide. Ammalle dubbi qaaloleefi raagoota, tufate.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac




Boha 4:16
20 Iomraidhean Croise  

Dallansuuni worraa guddo hamtu, miri worraa diqa, naasule inqabani. Waaqi ha worra abaaru. Anini gosa Yakobo keesa worra gargari qoode, lafa Israeli keesa gargari firfirsa.


Tanaafi AABBO Waaqi hayyu Babiloni had'iisa worraati erge. Hayyuuni suni, Mana Waaqa keesaleti, kaima Yuda heddu, hobaase. Inni nama tokole, diqaafi gudda, d'iirafi nad'eeni, jaarsafi jaarti tokole naasu d'abeefi bahu d'owe.


d'aloota keesani gosa d'ibi keesati firfirsa, duuba worri lafa d'ibi keesati hobaa.


Ammo ha taatuti, worri AABBO Waaqati boonnani inni gaargala worra arge.


Wonti kunini nama ch'ufa woliqit'eesite akuma taka qabatti — qaaloleefi gumi, tisseleefi abbooti, ka wo bituufi ka wo gurguru, ka wo ergisufi ka ergifatu, dureesafi hiyyeesale.


Anini gumi tiyyati dallane, isani deebitani na ind'aaltani jed'eeni. Anini harka kanke keesa worra buuse atini diqole worraa nahu didde; atini jaaroleele aka hama gaargalchite.


Anini gumi tana waan nama lafa ch'ufaa rifachiisa tolcha, maro waan duri Manaseeni, ilmi Hezekia, gaafa inni hayyu Yuda, Yerusalemu keesati tolcheetifi.


Anini badii hamtu akana tana worratiini d'ufe, gosa lafa keesa jirtu ch'ufa mudamsiisa. Nami worrati tabate, worra goyeese tufate, fulla anini worra iti firfirsu ch'ufa maqa worraatini nama abaara.


Tana male Nebusaradanini, ka gudda askarti, qaallicha gudda Seraya jed'anifi Sefania ka isati aanufiufi ammalle jara gugurda Mana Waaqa keesa hojatu nama sadi qaqabe Babiloni geese.


Ee AABBO Waaqa, worra atini gaargalchite kana laali! Nad'eeni ilmaani ufi ta d'alte fooni nyaachu ya malte? Qaaloleefi raagootale Mana Waaqa keesati ya fit'u malani?


Inni mana nu isa keesati kad'anne ya ch'abse butuche; guyya jilatifi ka Sabato ya balleese, ammalle hayyufi qaallule aka hama iti dallane, akuma takaa.


Worra keenna gugurdale yayu fafannisani, jaarole teennale yayu ch'eeraafi foko d'abanifi.


Maro waan kanatifi worri Yerusalemu ilmaani ufi nyaate, ilmaanileeni worra isaani nyaati. Anini isani gaargalche, nama keesani ka lubbuuni baheele lafa ch'ufa keesa gara ch'ufa firfirsa.


AABBO Waaqi harka nyaapa keesaniti isani kenne, nyaapi keesani isani dabsata. Isani qajeela toko d'uftani worra haatani, qajeela torba duraa baqattani, ammalle gochiti lafa ch'ufti, yo waan isani tolchani kana agarte, mudamte isani ira naati.


Anini sila worra hobaase aka nami tokoleeni worra inqaabanne.


Aka wold'aqisa anini ababoota worraa woliini tolchetiiniti, gaafa anini worra harka qabe lafa Misiri keesaa baase. Worri wold'aqisa anini worra woliini tolche injabeesine; tanaafi anini waan worraa iyaalle, Tunini dubbi Aabbo Waaqi jed'e.


Lean sinn:

Sanasan


Sanasan