Boha 1:9 - KITAABA WAAQA9 T'urini isi iti marate, ammo isiini waan iti deemtu iyyaalle. Isiini gaafa jidde aka hama lafa d'oofte; nami tokoleeni ka iraa hafi jed'eeni injiru. Nyaapi yayu isi dabsate, duuba isiini naasu AABBO Waaqaati booti. Faic an caibideil |
Ee Waaqa, Waaqa keenna, guddinni kanke waan akami! Jabeenni kanke akami nama naasise nama mudamsiisa! Atini kara d'ugaatini kakhu duri nu kakhate ch'ufa guuta. Haguma duri bara hayyooti Ashuru nu dabsite haga arrale, nu akasuma gaargala qamna! Hayyootafi jaaroleefi qaaloleefi raagootafi ababootafi gumiini teennaleeni ch'ufti la guddo gaargalte; gaargala keenna gudda suni qaabad'i!