Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -




Boha 1:6 - KITAABA WAAQA

6 Mid'agumti Yerusalemu haguma dabre. Worri gugurdaani isi hiddi maraa d'abde haalate fakaata, ta humniti isii ch'ufti d'eeta nama adamootiini hobaate.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac




Boha 1:6
31 Iomraidhean Croise  

Wonti isaa ka AABBO Waaqi dubbate tana: Ee Senakeribu, diri Yerusalemu si koble si goyeese si tufata.


nami sagale nyaatule d'abe, naabo dira sunile ch'absani. Ato worri Babiloni dira suni marsele askartini ch'ufti halkaniini fullo naabo lamaani jiddu jirtu, ta d'aatu oobru hayyuutini baqatte gara bale Yordani iti d'aabatte.


Ammo askartini Babiloni hayyu Sedekia reebde diida Yerikoti d'aqabde jennaani askartini isaa ch'ufti biraa baqatte.


Waaqi dira Sioni, ka guddo mid'aagu keesa ifsa.


Hojja Waaqi qulqullooni d'ufu, isa durati ga jed'a; lafti ch'ufti ha isa durati hollatuuti!


Diri duri Waaqa jaalate saalfatuufi, ya aka sharmut'a tahe! Duri nama d'ugaati keesati gala, ammo amma tana, nama harka d'iiga ch'allati keesati hafe.


Nami Sioni keesa tahu ch'ufti ha lalabe, gammadaani isa faarsu! Waaqi, qulqullooni Israeli, gudda, inni gumi isaa keesa taha.


Duuba gaara Sionitiifi nama achiti wolti d'ufu AABBO Waaqi guyyaa dumansa iti erge halkanile aarafi ibida bobau iti erga. Guddinni Waaqaa dira suni dumansaani d'ossa.


AABBO Waaqi waan nani jed'e, waan atini hayyichaafi haad'a isaatini jettu: Barch'uma keesani ka guddinna iraa bua. Wonti akanatiifi sureeni teesani mid'aaduni ta hayyuma ya mata keesani iraa buute.


AABBO Waaqi, guddaani Israeli, waan nama ch'ufa ka Nebukadrezani Yerusalemu keesaa fuud'e Babiloni geesaani jed'u:


Worri kotte fardatifi dibbeesa gaaritiifi girreesa miila isale d'agaya. Abootini garagalte ilmaani ufi infud'attu; harki worraa akanumati naasuuni iraa jiga.


Dirafi maneeni jajabdu isale inqabani. Guyya suni askartini Moabu mudamte, lubbuuni d'ufte, niiti dauu jirtu fakaati.


Eegi suni isale ila keesaa guure, sansalatani hid'e Babiloniti geese. Sedekiani haga jiru ch'ufa hid'aansa keesa lafa Babiloni tae.


Inni Mana Waaqatifi mana hayyutifi maneeni nama gugurda ka Yerusalemu ch'ufa gube,


Waan atini worra Israelitini jettu, wonti AABBO Waaqi guddaani jed'u tana: Isani ijaarsa jajaba Mana Waaqa kanani guddo kortani. Isani mid'aaguma isaa laaltani jaalattani maro ch'ufa iti yaatani. Ammo anini t'ureese balleesa.


AABBO Waaqi waan jed'e, Namicha, anini Mana kiyya ka jabeesani jaarani, ka worri jaalate koreeni, mid'aaguma isaa jaalate maro ch'ufa iti yau kana, worra biraa fuud'a. Ammalle anini ilmaani worra ta d'iiratifi ta dubrale iraa fuud'a.


AABBO Waaqi harka nyaapa keesaniti isani kenne, nyaapi keesani isani dabsata. Isani qajeela toko d'uftani worra haatani, qajeela torba duraa baqattani, ammalle gochiti lafa ch'ufti, yo waan isani tolchani kana agarte, mudamte isani ira naati.


Nami toko akami nama kuma toko dabsata? Yokhaani nami lama akami nama kuma kud'ani dabsata? Yo AABBO Waaqi worraa worra lakise, Waaqi guddaani worra yalabahe male.


Lean sinn:

Sanasan


Sanasan