16 Tanaafi imimaani ila na guutani. Nami garaa na jabeese ira na hambisu tokoleeni injiru. Nyaapi yayu na had'e, wonti toko ka worra kiyyaa hafe injirtu.
AABBO Waaqi waan jed'u, Ee Yerusalemu, dira qarqaarsa inqamne, ka gaargala qabu, ka nami tokoleeni ka garaa si jabeesu injirre, anini yayaba kanke d'akha ch'uluqaani jaara.
Ilti ya bohaani na luluqaate, garaani kiyyaleni ya aka male gaargale, ammalle waan gosa tiyya balleesanifi laalalti ya garaa na yakite. Ijoolleefi daimi didiqaleeni gagagabe kara dira keesati jijige.