Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -




Boha 1:11 - KITAABA WAAQA

11 Nami isi keesa jiru waate waan nyaatu barbaade; worri hori qara olkeeyate waan nyaatuni aka indoone jijirate waan jed'e, Ee AABBO, badi teenna ilaali.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac




Boha 1:11
20 Iomraidhean Croise  

Maro dira suni marsani had'anifi sagale lafaa d'abani, lafti guddo beelofte, mata harreele qarsi saddeetamatini bitani, kille mid'aani diqo tokole qarsi shanini gurgurani.


Gochiti nu d'aatu jirtu nu arabsite nu kofalte nu goyeesite.


Dubbi suni gula AABBO Waaqi waan jed'e, Yo atini iraa deebite, anini si fuud'e deebise hojatu tiyya si tolcha. Yo atini dubbi woma keesa injirre lakifte dubbi d'uga dubbate, deebiteti raaga naa taata. Biyyiti siti deebiti, wonti atini worra barbaadufi injirtu.


Nyaapi dira marse, nama keesa jiru hobaasu fed'a. Duuba worri dira suni keesa jiru maro gaargala sunitifi fooni woli nyaate ilmaani ufile nyaata.


Ee hayyicha, worri kunini ya waan hamtu tahe, raaga Yeremia dabse, eela keesa buuse. Maro sagaleeni dira kana keesa injirreefi inni amma garaachumani dua.


Guyya sagaleeso, ka jia afreeso, ka ganna suni, ka beelti dira suni keesati guddatte, nami sagale nyaatule d'abe,


Amma gurri isi ya bade; isiini ya qulla buute ch'eerati hafte. Isiini waate ch'eeraafi fuula ufi d'ofatte. Yerusalemu ya daba hamani ufi t'ureesite.


T'urini isi iti marate, ammo isiini waan iti deemtu iyyaalle. Isiini gaafa jidde aka hama lafa d'oofte; nami tokoleeni ka iraa hafi jed'eeni injiru. Nyaapi yayu isi dabsate, duuba isiini naasu AABBO Waaqaati booti.


Ilti ya bohaani na luluqaate, garaani kiyyaleni ya aka male gaargale, ammalle waan gosa tiyya balleesanifi laalalti ya garaa na yakite. Ijoolleefi daimi didiqaleeni gagagabe kara dira keesati jijige.


Ijoolleeni tuni beelaa d'eebuu haawani worraa boote, kara keesati aka waan madeesani jijidde, harka haawani worraa keesati laanuma hobaati.


Ee AABBO Waaqa, worra atini gaargalchite kana laali! Nad'eeni ilmaani ufi ta d'alte fooni nyaachu ya malte? Qaaloleefi raagootale Mana Waaqa keesati ya fit'u malani?


Ee AABBO, waan nu tolchani qaabad'i, nu ilaali, ch'eera keenna argi.


Lean sinn:

Sanasan


Sanasan