Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -




Gara Worra Filiphisiiyusii 4:8 - Waadaa Haarawa

8 Sammuun keessan kanniin ka mara caalanii fi wonittoota mishaa nama galateeffachiisaniin ka guuttame haa ta'u, muumme'etti'llee yaa obboleeyyan! ulfinna dhugaalessa, ka sirrii ta'e, qulqulluu, gammachisiisa'aa fi wonittoota galateeffamaa ta'an, maraa yaadaa.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac

WAADAA LAMMATAA

8 Waan hafeen obboleeyyan tiyya, waan dhugaa ta'e maraa, waan ulfinna qabu maraa, waan qajeellummaa ta'e maraa, waan qulqulluu ta'u maraa, waan jaalala uf keessaa qabu maraa, ka oduu mishaa uf keessaa qabu maraa, waan mishaa ta'e ka galata qabu kanniin mara yaadaa'a.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac

Kitaaba Woyyuu

8 Waan hafeen obboleeyyan tiyya! waan dhugaa ta'e maraa, waan ulfinna qabu maraa, waan qajeellummaa ta'e maraa, waan qulqulluu ta'u maraa, waan jaalala uf keessaa qabu maraa, ka oduu mishaa uf keessaa qabu maraa, waan mishaa ta'e ka galata qabu kanniin mara yaadaa'a.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac




Gara Worra Filiphisiiyusii 4:8
67 Iomraidhean Croise  

Farisoonni'llee barattoota isaanii namoota Heerodisii woliin'llee gara Yesusii erganii, «Yaa barsiisaa! Ati dhugaalessa ta'uu keetii fi karaa Waaqaa'llee dhuga'aan akka barsiifttu ni beekinna, nama'llee sodaachu'uun wonitti raawwatu hin jiru, namaaf'llee hin dalittu» eega isaan jedhaniin duubatti, akkana jedhanii ni gaafataniin.


Heerodis jalqaba Yohaannis qulqullaayomichaa fi Qulqulluu ta'uu isaa waan beekuuf, ni sodaataanii fi ni eegaanii'llee ture. Heerodis haasaya Yohaannisii adaduma dhagayuun ni raafama ture. Haa ta'u malee gammachu'uun ni dhageeffataan ture.


Inni garuu akkana isaaniin ni jedhe, «Isin namoota duranatti mataa keessan qulqullaayomaa ni fakkeesitan, Waaqinni garuu onnee keessan ni beeka, nama duranatti ulfinna qaba fakkaatee ka muldhatu, Waaqaa duranatti ka jibbame.»


Yeroo sanitti Yerusaalemitti Simoon ka jedhamu nama tokkotu jira ture, inni'llee jireenna isaa Waaqaaf ka kenne nama qulqullaayome ture, fayyinna abddii Israa'eelii'llee ni eeggata ture, Hafuurri Qulqulluun'llee isa irra ni jira ture.


Magaalaa Yihudotaa ka taate Armaatiyaasiin keessa ka jiraatu Yooseef nama jedhamu tokkotu jira ture, inni'llee qulqullaayomaat fi nama mishaa ni ture, inni'llee miseensa yaa'ii Yihudotaa ni ture.


Mataa isaa irraa ka dubbatu ulfinna mataa isaa ni barbaada, ulfinna ka isa ergee ka barbaadu garuu inni dhugaalessa, sobinni'llee keessa hin jiru.


Isaan'llee, «Nu'u ajajaa dhibbaa Qorneelewosiin bira dhufnne, inni nama ummanni Yihudotaa marrinuu kabajuun, nama mishaa Waaqa Waaqeffatu, si'llee gara mana isaa si waamsisee waan ati jettu akka dhagayuuf, maleyikkichi Qulqulluun ibisee itti himee jira» jedhaniin.


«Achi'llee nama Ananiiyaas jedhamu tokkotu jira ture, naminni kun'llee Yihudota Damaasqoo jiraatan mara birattuu ka galateeffame, Seera kabajaa fi nama hafuurayaa ture.»


Eegaa yaa obboleeyyan kiyya, amala mishaa isaaniitiin ka galateeffatan, Hafuura Qulqullu'uu fi ogumma'aan ka guuttaman namoota torbaa, jidduu keessan filadhaa, isaaniif'llee itti gaafatama kanaaf aangoo ni kenninaaf.


Gammachuu haga dhabeen, machi'iin, sagaagalaa fi wiriqachu'uun, wol mormiinssaa fi hinaaffa'aan uduu hin ta'in, akka namoota ifa guyya'aatiin jiraatanii titti, ufi toowanna'aan haa dedeebinuu.


Bulchitoonni ka sodaachisan hamaa raawwattoota malee, worra mishaa raawwatoota ta'aniifii miti, nama aangoo qabu akka hin sodaanneef ni barbaaddaa ree? Eegasuu waan mishaa ta'e raawwadhu, isaan irraa'llee galata ni argatta.


Haala kanaan Kristosiin naminni tajaajilu Waaqa ni gammachiisa, nama biratti'llee ka galateeffame.


Yihudichi dhuga'aa ka keessa isaa Yihudicha ta'e, Gadoominni dhuga'aa ka Hafuura Waaqaatiin ka ta'u gadooma onne'ee ka dhuga'aatii malee, akkaataa seeraan barreeffameetiin, gadooma fooniitii miti. Naminni akkanaa kun'llee galata ka fudhatu Waaqa irraayyi malee, nama irraayyii miti.


Kanaaf yeroon uduu hin gayin, Gooftaan murti'iif uduu hin dhufniin duranatti eennuun irratti'llee hin murteessinaa, inni yeroo dhufutti dhossaa dukkana keessatti dhokate gara ifaa titti ni baasa, yaadinni onnee namoota keessatti dhokate'llee ni muldhisaan, yeroo sanitti tokkoon tokkoonuu Waaqa biraa galata barbaachisaa ni argata.


Waan hamaa akka hin raawwanneef gara Waaqaa ni kadhanna, ka kadhannu'llee yoma nu'llee worra gayeessota taanee uduu hin muldhatin yoo hafinne'llee, isin yeroo maraa waan mishaa ta'e akka raawwattaniif malee, nu'u gayuumissa keenna muldhisu'uufii miti.


ulfinnaaf yookiin salphinnaaf, gilndifamu'uuf yookiin galateeffamu'uuf nu'u ka qophoofnne, dhugaaleyyii yoo taanu sobddoota ni jedhamnne.


Lallaba isaa ka wongeelaatiin woldayoota amanti'ii maratti obboleessa galateeffatame, isaan woliin ni ergina.


Kaayyoon keenna Gooftaa durana qofatti uduu hin ta'in, namoota duranatti'llee waan mishaa ta'e raawwachu'u.


Firiin Hafuura Qulqullu'uu garuu jaalala, gammachuu, nagaya, obissa, mishummaa, amanammummaa,


Kanaaf soba hin dubbatinaa, marri keennaa kutaawwan qaama tokkoo waan taaneef, ufii keennaa dhugaa woliitti haa dubbannu.


Ka mishummaa maraa, firiin qulqullaayomutii fi firiin dhuga'aa ka argamu ifa irraayyii.


Eegaa dhugaa akka sinnara hidha keessantti hidhattanii, jireenna mishaa akka meeshaa woraanaa titti uffattanii,


Muummee irratti'llee yaa obboleeyyan! Goofta'aan gammadaa, waan asiin durana isiniif barreesse san irra deebi'ee uduu isiniif barreessee ana hin hifachiisu, isin garuu dogoggora irraa isin eegu'uuf ni danda'a.


Yeroo carraa kamii tittuu fayyadama'aa namoota hin amanne biratti, ogumma'aan jiraadhaa.


Bifa kanaan namoota hin amanne biratti ka bajamittan ni taatan, maxanaa eennuu'llee hin taatan.


Waaqa sodaachu'uu fi amala misha'aan eemarama'aa nagayaa fi tasgabbi'iin akka jiraannu, keesumaanuu nugusotaa fi worra aangoo ol aanaa irra jiran maraaf kadhadhaa.


Akkuma kana haawotiin worraa isaanii ka bajaman, nama ka hin hamanne, hagatti ka jiraatan, waan maraanuu amanamoota ta'utu isaan irra jira.


maatii mataa isaa seeraan bulichu'uuf ka danda'u, ka ijoolleen isaa akkaa fi kabajaan ajajamaniif, ta'uu qaba.


Dargaggeessa ta'uu keetiin eennu'llee si'i hin tuffatin, kana irra haasaya keetiin, jireennaan, jaalalaan, amanti'ii fi qulqullinnaan, amanttootaaf fakkeenna mishaa ta'i.


Akkuma kana ijoollee akka ta'utti guddisu'uun, keessummaa simachu'uun, miila worra Qulqullu'uu miicu'uun, worra rakkatan gargaaru'uu fi hujii mishaa kamiin mara hojjachu'uun, hujii mishaa ta'e maraaf'llee, ta hisattu ta'uu qabddi.


Jaartolee akka haawwotaa keetii taasisii isaan laali, akkuma kana dubarttoota shamarranii akka oboleetiiwwan keetii taasfttee, qulqullummaa mudaa hin qabnneen isaan laali.


Kana irra keessummaa ka simatu, waan mishaa ta'e ka jaalatu, mataa isaa ka toowatu sirrii ka ta'e, tajaajila Waaqaatiif ka fooyame, ka hagatti jiraatu haa ta'u.


Kristos hammeennumaa mara irraa nu fayyisu'uu fi hujii mishaa hojjachu'uuf hisattootaa fi ummata qulqulluu isaaf adda baye akka taanu, nu qulqulleessu'uuf waayee keennaaf mataa isaa dabarssee ni kenne.


umri'iin ka ufi durana deeman worri dhiiraa ka hagatti jiraatan, ulfinna isaanii worra eegan, ufi eeggatoota, amanti'ii fi jaalalaan obissaan'llee fayyaaleyyii akka ta'aniif isaan gorssi.


Ati'llee waan mishaa ta'e raawwata'aa waan maraanuu fakkeenna isaaniif ta'i, dhugummaa barsiisa keetiitiin'llee, atoomessa ta'uu kee muldhisi,


Namoonni keenna'llee ammoo firii malee akka hin hafinnee fi rakkinna jireenna salphisuu akka danda'aniif, hujii mishaa hojjachuu haa baratan.


Namoonni duraanii ka galateeffaman waayee amanti'iitiin.


Nuuf kadhadhaa, sammuu qulqulluu akka qabnnu nu sirri'itti ni beekinna, karaa maraanuu amala misha'aan jiraachu'uuf ni hawwinaa,


Waaqa Abbaa duranatti qulqullu'uu fi amantii hin battaayin, «Ijoollee Abba'aa fi haati jalaa du'an, akkuma kana dubarttoota abbootiin worraa isaanii jalaa du'an rakkinna isaaniitiin isaan gargaaruu, mataa ufi'llee battaayinna biyya lafaa irraa eegu'u.»


Garuu ogummaan Waaqa biraa argamu jalqaba qulqullu'u, itti aanssee'llee nagaya jaalataa, misha'aa, ajajamaa, dhiifama taasisaa, ka firiin mishaan itti guute, dalo'oo fi fakkeessitummaa ka hin qabnne.


Amanttootaaf jaalala qajeelumaan guutamtte akka qabaattaniif dhuga'aaf ajajamu'uun lubbuu teessan qulqulleesitanii jirttan, kanaaf onnee teessan guutu'uun ufii keessan jabeessa'aatii, wol jaaladhaa.


Yookiin, «Hamaa raawwattoota» jedhanii yoma isin hamatan'llee, Waaqinni nu laalu'uuf guyya itti dhufutti, ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne hujii keessan mishaa laalanii Waaqa akka galateeffataniif, isaan jidduu yoo jiraattanitti amala mishaa qabaadhaa.


Jaalalli cubbuu baayi'ee waan haguugguuf maraa olitti, ufii keessan cimissa'aatii wol jaaladhaa.


Yaa waahellan! Kun ka isiniif barreessu ergaa lammaffa'aat, ergaa lamaanuu ka isiniif barreesse wonittoota kanniin yaadachu'uun yaada qajeelaa akka qabaattan, isin kakaasu'uuf jedheeti.


Yaa ijoolle! Jaalalli keenna dhugaalessaa fi ka huji'iin mulidhattu haa ta'u malee, jechaan yookiin haasaya qofaan hin ta'in.


Kun akka ta'uu Kristosiin abddii ka taasfatu marrinuu Kristos qulqullaawomaa akka ta'e, inni'llee mataa ufii qulqullaawomaa ni taasisa.


Yaa waaheloota! biyya lafaa irratti nabiyyoonni dharaa baay'een waan ka'aniif hafuura maraa hin amaninaa, kana irra hafuuronni ka Waaqaa ta'uu isaaniitii fi ta'uu dhabuu isaanii qoradhaa.


Lean sinn:

Sanasan


Sanasan