Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -




Gara Worra Filiphisiiyusii 4:18 - Waadaa Haarawa

18 Ka ana barbaachisuu fi ka ana barbaachisuu oltti'llee kennaan naaf ergitan, harka Ephaafroditusiitii fudhadhee jira, kennaan keessan kun'llee akka waan kitimaa foolii misha'aan guuttamee titti, ka Waaqinni ufitti fudhatuu fi ka gammachiisu.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac

WAADAA LAMMATAA

18 Haata'uu ammoo maraa hin qaba, naa baayi'atalle'e; kennaa keessan ciincaa urgaaya'aa fi jaalatamaa ka Rabbiin gammachiisu Afirodiixiin irraa fudhadhee, gammachu'uun guuttameera.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac

Kitaaba Woyyuu

18 Haa ta'uu ammo maraa hin qaba; naa baay'atalle'e; kennaa keessan ciincaa urgaaya'aa fi jaalatamaa ka Rabbiin gammachiisu Afirodiixiin irraa fudhadhee gammachu'uun guuttameera.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac




Gara Worra Filiphisiiyusii 4:18
15 Iomraidhean Croise  

Guuttatee gara maleyikkichaa laaleeti nayu'uun, «Yaa Gooftaa! Maali'i?» ni jedhe. Maleyikkichi'llee akkana jedheen, «Kadhannaan keetii fi arjjoomnni hiyyeesotaaf taasfttu'llee yaadannoo mishaa ta'ee, gara Waaqaa ol deemee jira,


Eegaa yaa obboleeyyan! Waaqa ka gammachiisu, jiraata'aa fi kitimaa qulqullaawome qabu taasfittanii gara qabddan mara akka dhiyeesitaniif, maqaa Waaqa dhiifama taasisa'aatiin isin ni kadhadha, kun'llee ka qajeelluma dhiyeessuun isin irraa malu qabu, dhugaalessa tajaajila Waaqaati.


Isin tajaajilu'uuf woldayoota kristaanaa kaanniin irraa gargaarssa fudhuu kiyyaan, isaan saamee jira.


Tajaajilli arjjoomaa ka raawwata'aa jirttan kun rakkinna kristaanotaa dhabamsiisu'uun alatti'llee, namoonni Waaqaaf galata baayi'ee akka dhiyeessan isaan ni taasisa.


Kristos akka nu jaalatee fi foolii mishaa Waaqa gammachiisuu ka qabu kenna'aa fi kitimaa taasisee lubbuu isaa waayee keennaaf dabarssee akkuma kenne, isin'llee jaalalaan jiraadhaa.


Kanaaf argachuu'llee ta'ee dhabuu'llee ni beeka, bakka kamittuu taa'ee yeroo kamitti'llee waayee quufu'uutii fi beelayu'uu, dhossaa argachu'uu fi dhabu'uu'llee baradhee jira.


Yaa obboleeyyan! Waayee keessaniin Waaqa yeroo maraa ni galateeffanna, galateeffachuun'llee barbaachisaa keenna, ka galateeffannuuf'llee amantiin keessan caala'atti guddata'aatii fi jaalalitti tokkoo tokkoo keessan ufii woliif, dabala'aa deemuu isaatiin.


Waan mishaa raawwachu'uu fi waan qabddan kaanniiniif qooduu hin irraafatinaa, Waaqinni ka gammadu ciinccaa akkanaatiin.


Gara Gooftaa Yesusii ka dhiyaattan'llee, akka dhagaayyii jiraattotaa mana hafuuraa taatanii ijaaramu'uuf, bifa kanaan karaa Yesus Kristositiin ciinccaa ka gammachiisu ciinccaa Waaqaa dhiyeessu'uuf, qeesota Qulqulluuwwan ni taatan.


Lean sinn:

Sanasan


Sanasan