Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -




Gara Worra Filiphisiiyusii 3:19 - Waadaa Haarawa

19 Isaaniif Waaqinni isaanii garaa isaaniiti, wonitti saalfachiisaa ta'e isaaniif ulfinna isaaniiti, yaadinni isaanii'llee ka xiyyeeffatu waan arddiilessa irratti, kanaaf muummeen isaanii badi'i.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac

WAADAA LAMMATAA

19 Dhumti isaanii badi'i. Waandhi isaanii garaa isaaniiti, ulfinni isaanii shiingaa isaaniiti; yaanni isaanillee woma lafaatti.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac

Kitaaba Woyyuu

19 Waandhi isaanii garaa isaaniiti, ulfinni isaanii shingaa isaaniiti; yaanni isaanillee woma lafaati; dhumti isaanii badi'i.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac




Gara Worra Filiphisiiyusii 3:19
52 Iomraidhean Croise  

Yesus garuu ufi irra garagalee Phexirosiin, «Ati sheexana nana! Waan namaa malee ka Waaqaa waan hin yaadinneef, ati anaaf gufu'u» jedheen.


«Kanaan duubatti gara bira'aatiin worra jiraniin'llee, akkana ni jedha, ‹isin worri abaaramttan nana! Ana irraa garas fagaadhaa! Sheexanaa fi maleyikkootaa horddofttoota isaatiif gara bakka qophaayee, gara ibidda bara baraa deemaa!


Kanaan duubatti'llee mataa kiyyaan, kunoo woggaa baayi'e'eef ka gayu qabeenna baayi'ee ni qabdda, eegaa boqannaa taasisu'uun bashannan! Nyaadhu! Dhugi! Gammadi'lle'e! ni jedhaan› jedhe.


Itti aansee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Uffata goga'aa diima'aa fi uffata haphii ka uffatu, nama dureessa tokkotu jira ture, inni'llee guyyama guyya'aan jireenna qanani'iin ni jiraata ture.


Inni'llee murtii uduu isi'ii hin kennin yeroo baayi'ee ni ture, maa'ii garuu akkana jechu'uun ni yaade, ‹yoma Waaqa'llee sodachuu, nama'llee saalfachuu yoo dhabaadhe,


Namoonni bifa kanaa kunniin mataa isaanii malee Gooftaa keenna Kristosiin hin tajaajilaniin. Jechoota lallaafaa ta'an ka nama jajaniin onnee namoota gara laafeyyi'ii ni soban.


Eegaa, yeroo sanitti faayiddaa maal argattan ree? waan amma isin saalfachiisu malee faayiddaa woyiituu hin ariganne, muummeen waan kanaa'llee du'a.


Isin amma'llee namoota fooniit, ufii keessan waan wolitti hinaafttanii fi waan wol mormmitaniif, namoota foonii ta'uu keessanii mitii ree? Ka hojjattan'llee akka nama akkanumaan jiruu tittii mitii ree?


Eegaa wonitti qaanessaan akkanaa kun jidduu keessan uduu jiru, maali'iif ufi jajan ree? Kana irraa waan kanaan gadduun isin irra hin jiru moo? Hujii akkanaa kana nama raawwatu jidduu keessan dhabamisiisaa.


Eegaa ufi dhaaduun keessan misha'aa miti, shiishaan diqqoon miciqaa mara akkuma bukeessuun ni beekkittanii mitii ree?


Ergamoota bira'aa sunniin, «Nu'llee akka isaanii titti ni hojjanna» jedha'aa, dhimma ittiin dhaadatan isaan dhabsiisu'uuf amma, waan raawwadhu ufi durana'llee ammoo ni raawwadha.


Kanaaf kunniin tajaajiltoonni sheexanaa tajaajilttoota qulqullumma'aa fakkachu'uuf, mataa isaanii yoo jijjiiran hin maalalchiisu, dinqisiisu, muummee irratti gatii hujii isaanii ni argatan.


Isaan foon keessaniin dhaadachu'uuf jedhanii akka gadoomittaniif barbaadan malee, worrummaan gadooman mataan isaanii'llee Seera hin raawwatan.


Kuunniin garuu faayidama mataa isaanii qofa ari'an malee, waayee hujii Yesus Kristositiif dhiphama hin qaban.


Yeroo maraa ol samii waayee wonittoota jiranii yaadaa malee, waayee wonittoota arddii irra jiranii, hin yaadinaa.


Isaan'llee Gooftaa duranaa fi ulfinna isaa ol aanaa irraa fooyamanii, balleessaa bara baraatiin ni adabaman.


Kun'llee ka ta'u dhuga'tti hin amannu jedhanii cubbu'uun worri gammadan marrinuu, akka isaanitti murtteeffamuuf.


Kanaan duubatti Gooftaan Yesus hafuura afaan isaatiin ka balleessuu fi gaachenni dhufuu isaa ka dhabamisiisuun naminni jeeqamaa ni mulidhata.


sammuun isaanii ka battaayee fi namoota dhugaan isaan jalaa badeen ka raawwatamu mormmii addaan hin cinne, namoonni akkana kunniin Waaqa waaqeffachuun isaaniif toofittaa qabeenna ittiin argatan fakkaatee, isaanitti ni muldhata.


ganttoota, ufi eeggannaa ka hin qabnne, ufi tuulummaan ka afuufaman, Waaqa jaalachuu irra gammachuu foonii isaanii ka jaalatan ni ta'an.


Isin garuu kana jechuu irra ufi tuulummaa keessaniin ni dhaadattan, ufi tuulummaan akkanaa kun marrinuu hama'a.


Garuu bara duraanii titti ummaticha jidduu nabiyyoonni dharaa akkuma turan, isin jidduu'llee nabiyyoonni dharaa ni jiraatan, isaan balleessaa ka itti aanssu barsiifnni dharaa dhossa'aan akka tamisa'u ni taasisan, Gooftaa isaa fayyise'llee waakkatanii badii ariiffachiisaa mataa isaanii irratti ni fidan.


Balleessaa waan raawwataniif gatii isaanii ni fudhatan, gammachuun isaanii'llee aduu saafayaatiin machaayu'uu fi haga malee fandalalu'u, fandalaluu isaanii ka haga dhabe kanaan isin woliin yeroo afeeramanitti, sobaa ka ta'e gocha isaanii ka fooniitiin, isaan heeybayoota fi qaanesstoota.


Barsiisonni dharaa tunniin qarshi'iif haafayuu irraa ka ka'een seennaa ufii isaaniitii qopheessan oddeessa'aa, isaan ni saaman. Bara baayi'e'een duranaa'llee jalqabee murttiin isaaniif qophaayee jira, badiin'llee dhugamaanuu isaan ni eeggata!


Namoonni kunniin garuu hubachuu waan dadhaban maraafuu nama ni arrabissan, akka beeyiladoota sammuu uumamaan hin qabnee titti'llee, waanuma miira isaanii ka uumamaan beekan yoo jiraate'llee, isaan ni badan.


Namoonni kunniin yeroo maraa ka guungumanii fi womaanuu ka hin gammanne, fedhii mataa isaanii hamaa ka horddofan, afaan isaanii jecha ufi tuulumma'aatiin ka guuttame, faayiddaa mataa isaanii barbaadu'uuf nama ni shelatan.


Ka isaanitti murteeffamu ta'uu yeroo baayi'een duranatti ka isaanitti barreeffame, namoonni tokko tokko gara keessan huluuqanii aseenanii jiran, isaan'llee kennaa Waaqaa ka bilisaa gad dhiifamammuma'aan ka jijjiiran, Waaqa worra hin waaqeffanne, inni qoftti bulichaa keennaa fi Gooftaa keenna ka ta'e, Yesus Kristosiin'llee ni waakkatan.


haguma isiin ulfinnaa fi itti toliinssa mataa isi'iitiif kenniteen, makkaraarnnaa fi gadda kenna'aafii, isiin onnee isi'ii titti, ‹akka mootitti'ii titti taa'ee jira, haadha hiyyeessaatii miti'llee gaddi'llee gonkumaa narra hin gayu› jechu'uun, ni dhaadatti.


garuu bineenssichi ni qabame, isa woliin'llee isa duranatti baasa baayi'ee ni taasisa ka ture nabiyyichi dharaa'llee ni qabame, inni malikanni bineenssichaa isaan irra ni jira worra turanii fi suuraa bineensichaatiif'llee ni sagadan ka turan, maalalee raawwata'aa isaan ni dogoggorssa ture, kunniin marrinuu gara ibidda garba ciisa'aa dinni'iin gubatuu titti, lubbuma isaanii woliin ni gataman.


garuu sodaattonni, amantii dhabeeyyiin, battiiwwan, lubbu-ajjeefttonni, sagaagalttoonni, worra asmmaa hojjattoonni, worri Waaqa harkaan hojjatame waaqeffattoonni, sobddoonni marrinuu carraan kutaan isaanii, ibiddaan ka gubatu garba ciisaa ibiddaa keessa ni ta'a, kun'llee du'a lammaffa'aat.»


Akka sare'ee worroota raatayan, ka asmmaa hojjattoonni, sagaagalittoota, lubbuu ajjeefttota, waaqolee harkaan hojjatame waaqeffatoota, soba worra jaalatanii fi karaa dharaatiin worri deeman marrinuu, magaalatti'iin ala ni ta'an.


Lean sinn:

Sanasan


Sanasan