Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -




Gara Worra Filiphisiiyusii 3:10 - Waadaa Haarawa

10 Sababaan bira'aa Kristosii fi huminna du'aa kaiinssa Kristosii beeku'uuf, qoodamtoota rakkinna isaa ta'uu fi du'aan'llee isa fakkaachu'uuf.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac

WAADAA LAMMATAA

10 Isaa fi hunna du'aa ka'iinsa isaa akka beeku, rakkoo isaallee akka qoodamuuf.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac

Kitaaba Woyyuu

10 Isaa fi hunna du'aa ka'iinsa isaa akka beeku, rakkoo isaallee akka qoodamuuf.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac




Gara Worra Filiphisiiyusii 3:10
34 Iomraidhean Croise  

Yesus'llee, «Qajeelumaan duloo ani dhugu ta rakkinnaa ni dhugiddan, garuu namoota mirga kiyyaa fi bitaa kiyyaan akka taa'an ka taasisu anaa miti, bakkeen kun ka kennamu namoota Abbaan kiyya isaanii qopheessef.»


«Lubbuu kiyya fedhii kiyyaan ni kenna malee, ana irraa ka fudhatuun eennu'llee hin jiru, lubbuu kiyya Kennu'uu fi deebisee'llee fudhachu'uuf aangoo ni qaba, ajaja kana'llee ka fudhadhe Abbaa kiyya irraayyi.»


Jireenni bara baraa'llee si qofa, ati qoftti Waaqa dhuga'aatii fi Yesus Kristosii ergite'llee, beeku'u.


Eega Ijoollee Waaqaa taane dhaalttota isaati, Kristosiin woliin'llee ni dhaalla, amma qoodamtoota rakkinna Kristosii yoo taane, maai'ii ammoo qoodamtoota ulfinna isaa ni taana.


Kun'llee sababaan ta'eef durssee worra isaan beeke ijoollee isaa akka fakkaatanii fi obboleeyyan isaa baayi'ee jiddu'utti'llee hangafa akka ta'uuf, Waaqinni durssee waan murtteesseef.


Kun'llee, «Waayee keetiif guyyama maratti ni ajjeeffaminna, akka hoolota qalamanii titti'llee ni laakkayamnne» jedhamee, akkuma barreeffame.


Kanaaf inni galttee haga du'aatiin nu gayuu irraa nu fayyisee jira, nu fayyisa'lle'e, dabalee akka nu fayyisuuf'llee, abddiin keenna isaan.


Rakkinna Kristosii baay'innaan akka qoodamuu keennaa titti, akkuma kanaan'llee Kristosiin jajabeenna baay'innaan ni arganna.


Inni fannoo irratti fannifamee ka du'e dadhabaa ta'uu isaatiin yoo ta'e'llee, amma huminna Waaqaatiin lubbu'uun ni jiraata, nu'llee isa woliin dadhabddoota taanee jirra, wolitti dhufeenna isin woliin qabnnuun garuu isa woliin, huminna Waaqaatiin ni jiraanna.


Ani Kristosiin woliin akkuma waan fannifamee titti waan laakkayuuf ammaa achitti Kristos ana keessa ni jiraata malee lubbuu kiyyaaf ka jiraadhuu miti, amma'llee qaama kiyya ka fooniitiin ka jiraadhu ka ana jaalatee fi waayee kiyyaaf'llee mataa isaa dabarssee ka kenne, Ilma Waaqaa titti amanu'uun jireenna argamuun.


Qaama kiyya irra ka jiru malkanni dhaanamu'uu tajaajilaa Yesusii ta'uu kiyya waan mulidhisuuf, ammaa achitti eennu'llee ana hin rakkisin.


Akkuma kana Ilma Waaqaa beeku'uun gara tokkummaa amanti'iin argamuu geennee, akkuma bifa Kristos muda maleessa guutuu ta'etti, nu'llee nama guutuu akka taanuuf.


Kana malee'llee Gooftaa kiyya Yesus Kristosiin beeku'uun alatti womaayyuu akka waan hin jirree titti waan amanuuf, waan maraa akka kasaara'aa titti ni lakkaaya, waayee isaatiif'llee waan maraa dhabee jira. Kristosiin argachu'uuf jecha waan maraa akka balffaa manaa haramee titti ni lakkaaya.


Amma'llee waayee rakkinna isiniif fudhadhuutiin ni gammada; waayee qaama isaa ka taateetii fi waayee woldaya amanti'iitiif'llee, rakkinna Kristosii qoodamu'uuf ka narraa dhidhate, foon kiyyaan ni guuta.


Cubbuu hojjachuu keessan fi foon keessan cubbamaan sababa Kristostti amanu'uu dhabuu isaatiin waan hin gadoominiif isin du'oota ni turttan, amma garuu Waaqinni Kristosiin woliin jiraattota isin taasisee jira, cubbuu keessan maraaf'llee dhiifama isiniif taasisee jira.


Eegaa Kristosiin woliin du'aa eega kaatan, bakka Kristos mirga Waaqaatiin ta'ee jiru ol samii, wonittoota jiran barbaadaa.


Yesus Kristosii sababaa du'aa ka'uu isaatiin abddii jiraataa ta'e ka nuuf kenne, dhiifama isaa ol aana'aan dhalata haarawaan ijoollee isaa ka nu taasise, Waaqaa fi Abbaan Gooftaa keenna Yesus Kristosii haa galatteeffamu,


Jireenna kanaan haga yeroo ittiin jiraadhuu titti isin yeroo maraa kakaasuun, sirrii ta'eeti natti mulidhata.


Ajajoota Waaqaa ka raawwannu yoo taane, isaa ka beekinnu ta'uu keenna kanaanuu ni mirkaneessina.


Garuu dubbii Waaqaatiif ka ajajamu marrinuu jaalallitti inni Waaqaaf qabu muda maleessa, dhugaamaanuu ka isaan jiraannu ta'uun keenna'llee ka beekkamuun kanumaan,


Ani'llee jiraata'a! du'ee ture, garuu kunnoo, bara baraaf jiraata'a, du'aa fi siiooliin irratti'llee aangoo ni qaba.


Lean sinn:

Sanasan


Sanasan