Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -




Gara Worra Filiphisiiyusii 2:26 - Waadaa Haarawa

26 Isa gara keessan ka ergu'llee mara keessanuu argu'uuf yaaduu isaatii fi isaan'llee dhukkubsachuu isaa dhagayu'uun waan sarddameef.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac

WAADAA LAMMATAA

26 Inni isin maraa arguu waan yaadeeruuf akka dhibame waan dhageettaniirtaniif gaddeera.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac

Kitaaba Woyyuu

26 Inni isin maraa arguu waan yaadeeruuf akka dhibame waan dhageettaniirtaniif gaddeera.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac




Gara Worra Filiphisiiyusii 2:26
23 Iomraidhean Croise  

«Isin worri hujii huminnaatiin dadhabiddan nana! Ba'aan'llee ka isinitti ulffaate marrinuu gara kiyya koottaa! Ani'llee boqannaa isinii ni kenna.


Isa woliin Phexirosii fi ijoollee Zabdewoosii lamaan fudhatee ni deeme, gaddu'uu fi sarddamuu'llee jala qabee.


Phaawulos garuu, «Akkanatti booyaa, waayee maaliif, onnee kiyya gaddaan cabsstan? Ani waayee maqaa Gooftaa Yesusiitiif, Yerusaalemtti hidhamuu qofaaf uduu hin ta'in, du'uuf'llee qophaaya'a» jechuun ni deebise.


Amanti'iin akka jabaattan ka isin taasisu kennaa hafuuraa akka isinii qooduuf, isin arguu ni hawwa.


Worra gammadan woliin gammadaa, ka booyan woliin'llee booyaa.


Gaddi gudda'aa fi sarddaminni addaan hin cinne'llee, onnee tiyya keessa ni jira.


Kutaan qaama tokkoo yoo makkaraaru kutaawwan qaamotaa kaanniin marrinuu woliin ni makkaraaran, kutaan qaamaa tokkochi yoo kabajamu, kutaawwan qaamotaa kuunniin'llee isa woliin ni gammadan.


Isaan'llee Waaqinni ka isinii kenne caala'atti, sababa kennaa bilisaatiin waan isin jaalataniif, isinii ni kadhatan.


Isin keessaa tokkoon tokkoon ba'aa ulffaataa nama bira'aa haa baadhatu, bifa kanaan Seera Kristosii ni raawwattan.


Rakkinni ani waayee keessaniif fudhadhu ulfinna keessan, kanaaf waayee rakkinna kiyyaatiin abddii hin kutatnaa jedhee isin ni kadhadha.


Isin yeroo yaadadhu marattuu Waaqa kiyya ni galateeffadha,


Jaalala Yesus Kristositiin mara keessanuu hagam akka isin yaadu, Waaqinni ragaa kiyya.


Akkuma kana waan ana barbaachisu maraanuu akka ana gargaaruuf ergitaniinii ka turttan obboleessi kiyya Ephaafroditusiin, gara keessan erguun barbaachisaa ta'ee argadhee jira, inni'llee ana woliin ka hiriire lolttu'uu fi waahela hujii kiyya ta'ee, hojjata'aa ka ture.


Dhugamaanuu haalaan dhukkubsatee haga du'aa titti'llee dhiyaatee ture, garuu Waaqinni dhiifama isaa ni taasiseef, isa qofaaf uduu hin ta'in gaddi gadda irraan akka narratti hin dabalamnne, ana'llee dabalu'uun dhiifama naaf ni taasise.


Ka isin jaaladhuu fi ka isin yaadu, gonfaan gammachuu kiyyaatii fi hujii kiyyaa ka taatan, obboleeyyan kiyya! Goofta'aan jabaadha'aatii jiraadhaa.


Yoma qormaatonni adda addaa'llee yeroo muraasaaf ka isin rakkisan ta'an'llee, isaan gammadaa.


Lean sinn:

Sanasan


Sanasan