Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -




Gara Worra Filiphisiiyusii 2:25 - Waadaa Haarawa

25 Akkuma kana waan ana barbaachisu maraanuu akka ana gargaaruuf ergitaniinii ka turttan obboleessi kiyya Ephaafroditusiin, gara keessan erguun barbaachisaa ta'ee argadhee jira, inni'llee ana woliin ka hiriire lolttu'uu fi waahela hujii kiyya ta'ee, hojjata'aa ka ture.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac

WAADAA LAMMATAA

25 Akkasuma Obboleessa kiyya ka na woliin hojjata'aa fi loltuu ta'e, isiniif ammoo ka ergamaa ta'eef, ka waan na barbaachisuun na tajaajilu Afirodiixiin isinii erguun giddi'i.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac

Kitaaba Woyyuu

25 Akkasuma obboleessa kiyya ka na woliin hojjata'aa fi loltuu ta'e, isiniif ammo ka ergamaa ta'eef, ka waan na barbaachisuun na tajaajilu Ephafrodixosiin isinii erguun giddi'i.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac




Gara Worra Filiphisiiyusii 2:25
19 Iomraidhean Croise  

Dhugaa isiniin jedha, tajaajilaan Gooftaa isaa hin caalu, ergamaan'llee ka isa erge hin caalu.


Akkuma ati gara biyya lafaa ana ergitetti, ani'llee isaan gara biyya lafaa titti isaan ni erge.


Hujii Yesus Kristositiin hirmmaattota kiyya ta'uuf Phrisqiila'aa fi Aqiilaa, nagaya naa dhiyeessaa.


Hujii Kristositiin hirmmaataa keenna ka ta'e, Urbaanoosii fi Isxaakisii jaaladhuuf'llee, nagaya naa dhiyeessaa.


Nu'u tajaajilttoota Waaqaaf woliin hojjannu, isin'llee qonna Waaqaatii fi gamoo Waaqaati.


garuu obboleessa kiyya Tiitoosiin waan hin argatiniif, qalbbiin tiyya hin boqanne, kanaaf kristaanota achi jirantti nagaya dhaamee, gara Maqedooniya'aa ni deeme.


Isa gara keessan ka ergu'llee mara keessanuu argu'uuf yaaduu isaatii fi isaan'llee dhukkubsachuu isaa dhagayu'uun waan sarddameef.


Ka ana barbaachisuu fi ka ana barbaachisuu oltti'llee kennaan naaf ergitan, harka Ephaafroditusiitii fudhadhee jira, kennaan keessan kun'llee akka waan kitimaa foolii misha'aan guuttamee titti, ka Waaqinni ufitti fudhatuu fi ka gammachiisu.


Ati'llee ka achi jirttu waahelli amanamaan hujii kiyyaa, dubarttoota kanniin akka isaan gargaartuuf si ni kadhadha, dubarttoonni kunniin anaan woliin Kleeminxoosii fi worra maqaan isaanii kitaaba jireennaa irratti barreeffaman kaaniin waahellan hujii kiyyaa woliin ta'u'uun, karaa wongeela itti woliin gayu'uutiin qabssaayanii jiran.


Kana'llee bakka keenna tajaajilaa amanamaa Kristosii ka ta'ee fi nu'uun'llee woliin ka hojjatu, jaalatamaan Ephaafraas isinitti himee jira.


Iyosxoos jedhamee'llee ka waamamu Iyyaasuun nagaya isinii ni dhiyeessa. Waayee Mootummaa Waaqaatiif anaan woliin namoota hojjatan jiddu'uu worra Yihudotaa ka ta'an kanniin qofa, ana'llee jajabeessanii jiran.


Obboleessa keennaa fi tajaajilaa Waaqaa ka ta'e, gammachuu oduu misha'aa Kristosii lallabu'uun waahelli hujii keennaa ka ta'e Ximotewosiin isinii erginee jirra, ka isinii ergine'llee akka isin jajabeessuu fi amanti'iin'llee akka jajabaattan, akka isin gorssu'uuf,


Akkuma kana Maarqoosiin waahellan hujii kiyyaa ka ta'an Maarqoos, Arisxaarkos, Deemaasii fi Luqaas nagaya si ni dhiyeessan.


Kanaaf qoodamtoota waamicha samii ka taatan yaa amanttoota qulqulloofttan nana! ergamittichi amantii keennaatii fi itti gaafatamaa qeesotaa Yesusiin yaadadhaa.


Lean sinn:

Sanasan


Sanasan