Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -




Gara Worra Filiphisiiyusii 2:19 - Waadaa Haarawa

19 Ani Waayee keessan dhagayu'uun akka jajabaadhuuf, Ximotewosiin dadafaan gara keessan ergu'uuf, akka ana danddeessisu Gooftaa Yesusiin abddii ni taasisa.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac

WAADAA LAMMATAA

19 Haata'uu ammoo anillee akkasuma waan jireenna keessanii beekee akka gammadu, daddafee Ximotewosiin isinii ergu'uuf Gooftaa Yesuusitti abdii godha.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac

Kitaaba Woyyuu

19 Haa ta'uu ammo anillee akkasuma waan jireenna keessanii beekee akka gammadu, daddafee Ximootewoosiin isinii ergu'uuf Gooftaa Yesuusitti abdii godha.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac




Gara Worra Filiphisiiyusii 2:19
22 Iomraidhean Croise  

Ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne'llee, isa abddii ni taasfatan.»


Phaawulos gara Darbee fi Lisxiraa ni deeme, Lisxiraa'llee nama Ximotewos jedhamu amanaa tokkotu jiraata ture, haati isaa'llee Kristaana Yihudittii turtte, abbaan garuu Giriikicha hin amanne ture.


Akkuma kana'llee Isaayaas, «Fiixaa Iseyiitii irraa ka dhalatu ni dhufa, durssaa ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amannee ta'u'uuf ni ka'a, isaan'llee abddii isaanii isa irra ni kaayatan» jedha.


Hirmmaataan hujii kiyyaa Ximotewos'llee nagaya isiniif ni dhiyeessa, akkuma kana Yihudonni firoota kiyya ka ta'an, Luuqiyoosii fi Iyaason, Sosiiphaaxrosin'llee nagaya isiniif ni dhiyeessan.


Waan kanaan kanaaf jaalatamee fi ka amaname Goofta'aan ilma kiyya ka ta'e Ximotewosiin isinii ergee jira, bakka maraa fi woldayoota amanti'ii marattuu akkuma barsiisu, Kristosiin ka argadhe qajeelcha jireenna haarawaa isin yaadachiisa.


Isin'llee fayyina keessaniif oduu mishaa ka ta'e dubbii dhuga'aa yeroo dhageettanitti Kristostti amanttanii jirttan, akkuma kana inni isinii kennu'uuf abddii ka isiniif taasise, Hafuura Qulqullu'uun chaapofttanii jirttan.


Tajaajiltoota Yesus Kristosii ka ta'an, Phaawulosii fi Ximotewosiin irraa, Magaalaa Filiphisiiyusii worra jiraataniif, Yesus Kristosiin qulqullaawota ka ta'an maraaf, akkuma kana worra itti gaafatamittootaatii fi gargaartota woldaya amanti'iitiif,


Akkuma kanaan'llee isin gammaddanii ana'llee qoodamaa gammachuu keessan ana taasfittan.


Kanaaf isin isa laalu'uun akka gammaddanii fi gaddi kiyya'llee akka salphatuuf, isa gara keessan ergu'uuniif caala'atti ni barbaade.


Obboleessa keennaa fi tajaajilaa Waaqaa ka ta'e, gammachuu oduu misha'aa Kristosii lallabu'uun waahelli hujii keennaa ka ta'e Ximotewosiin isinii erginee jirra, ka isinii ergine'llee akka isin jajabeessuu fi amanti'iin'llee akka jajabaattan, akka isin gorssu'uuf,


Waayee kanaan ammaa achitti obissaan eeguu dadhabuu kiyyaan waayee amantii keessan beeku'uuf barbaadee Ximotewosiin gara keessan ni ergeen, isa'llee sababaan ergeef qorataan yookiin karaa tokkoon isin qormaatee ni ta'a, hujiin keenna'llee tasa ta'ee hafee jira jechu'uun sodaadheeti.


Yaa obboleeyyan! Waayee keessaniin Waaqa yeroo maraa ni galateeffanna, galateeffachuun'llee barbaachisaa keenna, ka galateeffannuuf'llee amantiin keessan caala'atti guddata'aatii fi jaalalitti tokkoo tokkoo keessan ufii woliif, dabala'aa deemuu isaatiin.


Rakkinna kana ka fudhadhuuf'llee waayee kanaan, garuu eennuun akka amane waan beekuuf itti hin saalifadhu, yaboo natti kenname'llee haga guyyaa sanii titti, eegu'uuf akka danda'u hubadhee jira.


Kana irra isin jedhuun ka malu, «Gooftaan yoo eeyyameef yoo jiraanne kana yookiin san ni raawwanna» jechu'u.


Amantiin keessan fi abddiin keessan Waaqaan akka ta'uuf karaa Yesusiitiin isa du'aa ka kaasee fi ulfinna ka isaa kenneen, Waaqaan ni dhaadattan.


Lean sinn:

Sanasan


Sanasan