Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -




Gara Worra Filiphisiiyusii 2:17 - Waadaa Haarawa

17 Waaqaaf amanti'iin kitimaan dhiyeessitanii fi tajaajila irratti, lubbuun tiyya'llee kitimaa dabalataa taatee yoma dhiyaatte'llee ni gammada, isin'llee qoodamtoota gammachuu kiyyaa ni taatan.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac

WAADAA LAMMATAA

17 Haata'uu ammoo ciincaa amantii keessaniitiif tajaajila keessanitti eda'amee, uduu lubbuun tiyyallee baatee hin gammada. Isin woliinillee gammadeera.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac

Kitaaba Woyyuu

17 Haa ta'uu ammo ciincaa amantii keessaniitiif tajaajila keessanitti eda'amee, uduu lubbuun tiyyallee baatee hin gammada. Isin woliinillee gammadeera.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac




Gara Worra Filiphisiiyusii 2:17
21 Iomraidhean Croise  

Wongeelaa kennaa Waaqaa ka bilisaa barsiisuuf Waaqa irraa ka fudhadhe, dirqama barsiisuu yoo raawwadhe, jireenna kiyyaaf gatii hin kennine, lubbuu kiyya'llee garaa ana hin nyaanne.»


Phaawulos garuu, «Akkanatti booyaa, waayee maaliif, onnee kiyya gaddaan cabsstan? Ani waayee maqaa Gooftaa Yesusiitiif, Yerusaalemtti hidhamuu qofaaf uduu hin ta'in, du'uuf'llee qophaaya'a» jechuun ni deebise.


Eegaa yaa obboleeyyan! Waaqa ka gammachiisu, jiraata'aa fi kitimaa qulqullaawome qabu taasfittanii gara qabddan mara akka dhiyeesitaniif, maqaa Waaqa dhiifama taasisa'aatiin isin ni kadhadha, kun'llee ka qajeelluma dhiyeessuun isin irraa malu qabu, dhugaalessa tajaajila Waaqaati.


Kennaan isaa ka bilisaa kun'llee ka naaf kenname dubbii Waaqaa ka gammachu'uu ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amannetti himu'uun akka qeesichaa ta'ee Yesus Kristosiin tajaajilu'uuf, kanaaf ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne Hafuura Qulqullu'uun ka Qulqullaawoma argatee fi kitimaa Waaqa'llee gammachiisu ta'anii akka dhiyaataniif ni tajaajila.


Waayee keessaniif qabeenna kiyya dhiisii mataa kiyya'llee dabarssee uduu kennee, haalaan ni gammada, eegaa ani hagana mara baayi'isee yoo isin jaaladhu, isin ka ana jaalattan akkuma kana muraasaan moo?


Kanaaf nu dedeebinee du'aaf yoo saaxilaminnu, isin garuu jireennaaf ni saaxilamittan.


Gaddi yoo nurra gayu'llee yeroo maraa ni gammadinna, hiyyeeyyii taanee uduu jirru, baayi'eewwan dureessota ni taasfnna, womaayuu ka hin qabnne yoo taanu, waan maraa ni qabnna.


Amanitiin isin irratti qabu ol aana'aa, dhaaduun isin irratti qabu'llee gudda'a, isiniin'llee ni jajabaadha, rakkinna keenna maraan'llee haalaan ni gammada.


Dhugamaanuu akka hin saalifachiifnneef abddi'iin ni eeggadha, garuu akkuma yeroo mara raawwdhuu fi adha lubbu'uun yoo jiraadhe yookiin yoo du'e, Kristos qaama kiyyatti ni kabajama jedhee, uggiinssaan ni dubbadha.


Akkuma kanaan'llee isin gammaddanii ana'llee qoodamaa gammachuu keessan ana taasfittan.


Isin dhiyeennatti argamittanii gargaarssa naaf raawwachuu hin danda'in inni guutu'uuf jedhee, waayee hujii Kristositiif lubbuu isaatiif uduu hin sodaatin haga du'uu titti dhiyaatee ture.


Ka ana barbaachisuu fi ka ana barbaachisuu oltti'llee kennaan naaf ergitan, harka Ephaafroditusiitii fudhadhee jira, kennaan keessan kun'llee akka waan kitimaa foolii misha'aan guuttamee titti, ka Waaqinni ufitti fudhatuu fi ka gammachiisu.


Amma'llee waayee rakkinna isiniif fudhadhuutiin ni gammada; waayee qaama isaa ka taateetii fi waayee woldaya amanti'iitiif'llee, rakkinna Kristosii qoodamu'uuf ka narraa dhidhate, foon kiyyaan ni guuta.


Akkuma kana haalaan waan isin jaalannuuf, wongeela Waaqaa isiniif lallabuu qofa uduu hin ta'in, lubbuma keenna'llee isinii kennu'uuf qophaayota turre.


Ain garuu kitimaa ta'u'uuf dhiyaadhee jira, biyya lafaa kana irraa fooyamee yeroon itti deemu'llee gayee jira.


Gara Gooftaa Yesusii ka dhiyaattan'llee, akka dhagaayyii jiraattotaa mana hafuuraa taatanii ijaaramu'uuf, bifa kanaan karaa Yesus Kristositiin ciinccaa ka gammachiisu ciinccaa Waaqaa dhiyeessu'uuf, qeesota Qulqulluuwwan ni taatan.


Jaalalli maal akka ta'e ka beekinnu Yesus Kristos lubbuu isaa nu'uuf dabarssee waan kenneef, nu'llee lubbuu teenna waayee obboleeyyan teennaatiif dabarssinee kennuun ni mala.


Lean sinn:

Sanasan


Sanasan