Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -




Gara Worra Filiphisiiyusii 2:12 - Waadaa Haarawa

12 Yaa waaheloota! Ani yeroo isin woliin turetti yeroo maraa ajajamoota akka turttan, gonkumaa amma yeroo isin irraa fagaadhee jirutti caala'atti ajajamoota akka taataniif isin ni yaadachiisa, Kanaaf tokko tokkoon keessan fayyinna keessan muda maleessa taasisu'uuf, soda'aa fi kabajaan hisadha'aatii hojjadhaa.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac

WAADAA LAMMATAA

12 Kanaafuu jaalatamtoota tiyya! Hennaa ani isin bira jiru callaa uduu hin taane, hennaa maraa worra ajajamu, kabajja'aa fi soda'aan fayyinna keessan raawwadhaa'a.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac

Kitaaba Woyyuu

12 Kanaafuu jaalatamtoota tiyya! Hennaa ani isin bira jiru callaa uduu hin taane, hennaa maraa worra ajajamu, kabajja'aa fi soda'aan fayyinna keessan raawwadhaa'a.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac




Gara Worra Filiphisiiyusii 2:12
41 Iomraidhean Croise  

Bara Yohaannisii cuupha'aatii jala qabee haga adhaa titti Mootummaan Sami'ii haalaan ni dhiibamitti, worri ciminnaan woldhaanan'llee ni argataniin.»


Qambara kiyya ufi irratti baadhadhaa, ana irraa'llee baradhaa, ani'llee gara laafessaa fi kaso'o, lubbuu teessaniif'llee boqannaa ni argattan.


Yeroo kana woriddiyyichi ibisaa fichisiisee, fiigaa gara keessaa ni aseene, hollataa'llee, miila Phaawulosii fi Siilaasii jalatti, kallachaan ni jige.


amma garuu ka'iitii gara magaala'aa aseen, wonitti raawwachuu qabddu achumatti sitti ni himama» jedheen.


Hujii misha'aan jabaachuun galataa fi ulfinna, jireenna hin banne'llee worra barbaadaniif, Waaqinni jireenna bara baraa isaaniif ni kenna.


Kanaaf yaa obboleeyyan jaalatamttan! Jabaadha'aatii dhaabadhaa, womaanuu hin raafaminaa, hujii Goofta'aatiif ka dadhabddan tasaan akka hin ta'in beekittanii, uduu addaan hin kutin yeroo maraa hujii Goofta'aa hojjachu'uuf hisadhaa.


Kanaaf isin woliin yeroo turetti dadhabaa ta'ee soda'aa fi hollata baayi'ee irra ni ture.


Ani kana ka isiniif barreessu akka ijoollee tiyya ka jaalatamttanii taasisee isin gorssu'uuf yaadeeti malee, isin saalfachiisu'uuf jedheetii miti.


Marri keessanuu ajajamoota akka taatanii fi soda'aa fi hollataan'llee akka isa ufitti fudhattaniin Tiitoos yoo yaadatu, jaalalitti inni isiniif qabu haalaan ol aanaa ta'ee jira.


Isin yaa tajaajiltoota nana! worra fooniin gooftota keessan ta'aniif soda'aa fi hollataan isaaniif ajajamaa, akkuma bifa Kristosiin tajaajilttanii titti qajeeluma onne'eetiin isaaniif ajajamaa.


Eegaa waan maraayyuu olitti jireenni keessan wongeela Kristosii ka galteeffachiisu haa ta'u, kun'llee ani dhufee yoo isin laale'llee yookiin isin irraa yoo fagaadhe'llee kaayyoo tokkoon jabaattanii dhaabachuu keessan fi wongeela tokkummaan woliin gayuuf tataafachuu keessan ni dhagaya.


Carraan Kristosiin tajaajiluuf ka isiniif kenname isa qofatti akka amantaniif uduu hin ta'in, waayee isaatiin'llee rakkinna akka fudhattaniif'le'e.


Guyyaa jalqabaatii kaasee haga ammaa titti wongeela lallabu'uuf, hirmmaatotaa hujii kiyyaa waan taataniif, Waaqa ni galateeffadha,


hujii mishaa kana jireenna keessan keessatti Waaqinni jala qabe, Yesus Kristos murti'iif deebi'ee guyyaa dhufutti gara muumme'eetiin akka isa gayu ni amana.


Ani Waayee keessan dhagayu'uun akka jajabaadhuuf, Ximotewosiin dadafaan gara keessan ergu'uuf, akka ana danddeessisu Gooftaa Yesusiin abddii ni taasisa.


Ka isin jaaladhuu fi ka isin yaadu, gonfaan gammachuu kiyyaatii fi hujii kiyyaa ka taatan, obboleeyyan kiyya! Goofta'aan jabaadha'aatii jiraadhaa.


Kanaan malee'llee wongeela lallabu'uuf yeroo jala qabetti, Maqedooniya'aa yoo bayu, isin amanttoota Filiphisiiyuustti argamittan malee, kennu'uun ta'ee fudhachu'uun'llee ana woliin ka hirmmaate, woldeenni amanttootaa ka bira'aa akka hin turin isin mataan keessanuu ni beekittan.


Waaqa keennaa fi Abbaa keenna duranatti amantiin keessan ka hojjatu, jaalalaaf ka raawwattanii fi Gooftaa keenna Yesus Kristositiin abddii qabddan obissaan eeggachuu keessan, nu'u uduu addaan hin kutin ni yaadanna.


Kanaaf isaan'llee karaa Yesus Kristositiin fayyinniissa argamuu fi ulfinna bara baraa akka argataniif, namoota Waaqinni isaan filateef jecha waan maraa ni obissa.


Akka duumessaa naannaya keennatti ka nu marrssan ragoota kanniin mara waan qabnnuuf, nu'u waan akka ba'aa nutti ta'e maraa fi nu'u irratti maxane cubbuu dhabamisiifnnee, fuun dura keennaan ka jiru wol durssoo fiigichaa obissaa fi jabaachu'uun haa fiiginnuu.


Kanaaf gara bakka boqanna'aa ka inni nuuf kennuu galu'uuf abddiin fudhanne amma'llee ka eeggame waan taateef, isin keessaa eennu'llee gara bakka boqanna'aa kana galu'uuf carraa uduu hin argatin akka hin hafinneef, marri keennaa ufi haa eeggannuu.


Kanaaf eennu'llee ajajamuu dhabuu namoota sanniinii horddofee akka hin kufnneef, gara bakka boqannaa Waaqaa titti galu'uuf, haa hisannuu. Dammaqinnuu.


Muda maleessa ta'ee eega argameen duubatti'llee worra ajajaman maraaf, sababaa fayyiinsa bara baraa isaaniif ni ta'e.


Yaa waahellan! Biyya lafaa kanatti keessummootaa fi galttoota waan taataniif lubbu'uun woliin ka wol woraanan, gubatoota hawwa foonnii irraa akka fagaattaniif, yaboo isiniin jedha.


kana irra Gooftaa keennaatii fi qoricha Yesus Kristosiin kennaa isaa ka bilisaatii fi isa'llee beeku'uun ol ol jedhaa, isaaf amma'llee, baraa baratti'llee ulfinni haa ta'u! Ameen.


Lean sinn:

Sanasan


Sanasan