Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -




Gara Worra Filiphisiiyusii 2:11 - Waadaa Haarawa

11 Afaan isaaniitiin'llee, «Yesus Kristos Goofta'a» jedhanii ragaa bayu'uun, Waaqa Abba'aaf ulfinna ni kennan.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac

WAADAA LAMMATAA

11 Arrabni maruu, ulfinna Rabbii Abba'aatiif, Yesuus Kiristoos Gooftaa akka ta'e, ragu'uuf.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac

Kitaaba Woyyuu

11 Arrabni maruu, ulfinna Rabbii Abba'aatiif, Yesuus Kiristoos Gooftaa akka ta'e ragu'uuf.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac




Gara Worra Filiphisiiyusii 2:11
30 Iomraidhean Croise  

«Nama duranatti ka ragaa naa bayu maraaf, ani'llee Abbaa kiyya ka samii jiru duranatti, ragaa ni bayaaf.


Kunoo, adha magaalaa Daawiitii titti Fayyisaan isiniif dhalatee jira, Inni'llee Gooftaa Kristos.


Ta'u'llee itti gaafatamoota Yihudotaa keessaa'llee baayi'eewwan Yesusitti amananii jiran, garuu Fariisonni bakka wolgayii isaaniitii akka isaan hin baafinneef sodaachu'uun, ifaan ragaa isaa hin baaneef.


Isin ‹barsiisa'aa fi Gooftaa› naan jettan, ani barsiisa'aa fi Gooftaa waan ta'eef ka isin jettan sirri'i.


Eegaa ani barsiisa'aa fi Gooftaa keessan ta'ee uduu jiru miila keessan yoo miice, isin'llee ufii keessan miila keessan wolii miicuu qabddan.


Waaqinni Abbaan waayee Ilmaatiin akka kabajamu, waan maqaa kiyyaan kadhattan maraa isinii ni raawwadha.


Yesus'llee akkana jechu'uun ni deebiseef, «Ka ana jaalatu dubbii kiyya ni eeggata, Abbaan kiyya'llee ni jaalataan, nu'llee gara isaa dhufinnee isa woliin, ni jiraanna.


Yesus kana eega dubbateen duubatti ol jedhee gara sami'ii laala'aa akkana ni jedhe, «Yaa Abbaa! Kunoo saa'aatiin gayee jira, Ilmi kee akka si kabajuuf Ilma kee kabajiin,


Toomaas'llee, «Gooftaa kiyyaa fi Waaqa kiyya!» jechu'uun, ni deebiseef.


Kana'llee ka raawwate namoonni marrinuu akkuma Waaqa Abbaa kabajjan, akkuma kana Ilma'llee akka kabajaniif, Ilma ka hin kabajine, Ilma ka erge Waaqa Abbaa hin kabajuun.


Waaheloonni isaa kana ka jedhan Yesus, «Masihi'i» naminni jedhu yoo jiraate, namoonni aangoo qaban ka worra Yihudotaa bakka woligayii isaaniitii isa baasu'uuf waan woliigalanii jiraniif, san sodaachu'uun ture.


Waaqinni ummata Israa'eeliitiif dubbii isaa erguun isaa ka beekkame, Gooftaa maraa karaa Yesus Kristositiin, nagaya lallaba'aa, ka dhufeef'llee isaaniif.


«Eegaa kana ka isin fannifttan Yesusiin, Waaqa Goofta'aa fi Masihicha akka isa taasiseen, ummanni Israa'eelii marrinuu qajeelatti haa beeku!»


Sababinni'llee, «Ani jiraata'a jedha Waaqinni, naminni marrinuu jilbba isaatiin ana duranatti ni jilibbiiffata, arraba isaatiin'llee ani Waaqa ta'uu kiyya ragaa ni baya» jedhamee, barreeffamee jira.


Kanaaf Kristos du'ee du'aa ka ka'e, Gooftaa jiraattotaatii fi worra du'aanii'llee ta'u'uuf.


Kristos tajaajilaa Yihudotaa ka itti ta'e sababinni bira'aa'llee, ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne Waaqa waayee dhiifama isaatiif akka isa galateeffataniif, kun'llee, «Kanaaf ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanne jiddu'utti si ni galateeffadha, maqaa keetiif'llee faarfanna'aan galata ni dhiyeessa» jedhamee, akkuma barreeffame.


Kanaaf Hafuura Waaqaatiin eemaramee Yesusiin ka abaaru eennu'llee hin jiru, akkuma kanaan'llee Hafuura Qulqullu'uun eemaramee yoo ta'e malee, «Yesus Goofta'a!» ka jedhu, eennu'llee akka hin jirre isinitti ni hima.


Naminni jalqabaa Addaam ka uumame lafa irraa waan ta'eef ka lafaat, Naminni lammaffaa ka dhufe samii irraayyi.


Waaqinni keenna garuu uumaa waan maraatii fi nu'llee ka isaa worri taane Waaqa Abbaa tokko qofa, akkuma kana wonitti marrinuu ka isaan uumamee fi nu'llee ka isaan jiraannu, Gooftaan tokkochi Yesus Kristosiin qofa.


Amantiin keessan fi abddiin keessan Waaqaan akka ta'uuf karaa Yesusiitiin isa du'aa ka kaasee fi ulfinna ka isaa kenneen, Waaqaan ni dhaadattan.


Yesus Ilma Waaqaa akka ta'e nama amanu keessa Waaqinni ni jiraata, inni'llee Waaqa keessa ni jiraata.


Hafuura Waaqaa addaan baafittanii ka beekittan kanaan, Yesus Kristos nama ta'ee fooniin mulidhachuu isaa hafuurri amanu marrinuu, Hafuura Waaqati.


Yesus Kristos nama ta'ee fooniin mulidhachuu isaa ka hin amanne dogoggorstoonni baay'een, biyya lafaa irratti ka'aanii jiran. Naminni akkanaa kun soba'aa fi mormmataa Kristositi.


Injifatee ka moo'u akkuma isaanii uffata adii ni uffata, maqaa isaanii'llee Abbaa kiyyaa fi maleyikkoota isaa duranatti ni beekisisaaf, maqaan worra jiraattotaa itti galmeeffamu kitaaba jireennaa irraa isa hin dhabamsiisuun.


Lean sinn:

Sanasan


Sanasan