Gara Worra Filiphisiiyusii 1:27 - Waadaa Haarawa27 Eegaa waan maraayyuu olitti jireenni keessan wongeela Kristosii ka galteeffachiisu haa ta'u, kun'llee ani dhufee yoo isin laale'llee yookiin isin irraa yoo fagaadhe'llee kaayyoo tokkoon jabaattanii dhaabachuu keessan fi wongeela tokkummaan woliin gayuuf tataafachuu keessan ni dhagaya. Faic an caibideilWAADAA LAMMATAA27 Haata'uu ammoo dhufee uduu isin laalee yookiin uduu fagaadhee qalbii tokkoon waan amantaa Oduu Nagayaatiif falmata'aa Ayyaana tokkoon akka dhaabattan, waan jireenna keessanii akka dhagayuuf, Oduu Nagayaa ka Kiristoosiitiif akka ta'utti jiraadhaa'a. Faic an caibideilKitaaba Woyyuu27 Eeganaa Dubbii Nagayaa ka Kiristoosiitiif akka ta'utti jiraadhaa'a; yoo kana ta'e, yoo dhufee isin arge yookaan isin irraa yoo fagaadhellee kaayyoo tokkoon jabaattanii dhaabachuu keessanii fi akka tokkumma'aan Dubbii Nagayaa wol geessu'uuf tattaafattaniirtan hin dhagayaa. Faic an caibideil |
Kennaan isaa ka bilisaa kun'llee ka naaf kenname dubbii Waaqaa ka gammachu'uu ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amannetti himu'uun akka qeesichaa ta'ee Yesus Kristosiin tajaajilu'uuf, kanaaf ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne Hafuura Qulqullu'uun ka Qulqullaawoma argatee fi kitimaa Waaqa'llee gammachiisu ta'anii akka dhiyaataniif ni tajaajila.
Yaa waaheloota! Ani yeroo isin woliin turetti yeroo maraa ajajamoota akka turttan, gonkumaa amma yeroo isin irraa fagaadhee jirutti caala'atti ajajamoota akka taataniif isin ni yaadachiisa, Kanaaf tokko tokkoon keessan fayyinna keessan muda maleessa taasisu'uuf, soda'aa fi kabajaan hisadha'aatii hojjadhaa.
Amma garuu Ximotewos isin biraa gara keenna dhufee, waayee amantii keessaniitii fi waayee jaalala keessanii'llee odduu gammachiisu nutti himee jira, akkuma kana isin'llee yeroo maraa waan misha'aan akka nu yaadattanii fi nu'u isin argu'uuf, haguma isin yaadinnuun isin'llee nu argu'uuf akka yaaddan, nutti himee jira.