Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -




Gara Worra Filiphisiiyusii 1:20 - Waadaa Haarawa

20 Dhugamaanuu akka hin saalifachiifnneef abddi'iin ni eeggadha, garuu akkuma yeroo mara raawwdhuu fi adha lubbu'uun yoo jiraadhe yookiin yoo du'e, Kristos qaama kiyyatti ni kabajama jedhee, uggiinssaan ni dubbadha.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac

WAADAA LAMMATAA

20 Kun Hawwii kiyyaa fi abdii kiyya waan ta'eef, Waan tokkottillee hin saalfadhu. Haata'uu ammoo lubbu'uun yoo jiraadhe yookiin yoo du'e, Kiristoos jireenna kiyya irratti akka ulfaatu jabeenna guutuu qaba.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac

Kitaaba Woyyuu

20 Kun Hawwii kiyyaa fi abdii kiyya waan ta'eef, waan tokkottillee hin saalfadhu. Haa ta'uu ammo yoo lubbu'uun jiraadhe yookaan yoo du'e, Kiristoos jireenna kiyya irratti akka ulfaatu jabeenna guutuu qaba.

Faic an caibideil Dèan lethbhreac




Gara Worra Filiphisiiyusii 1:20
41 Iomraidhean Croise  

Phexirosiin kana jedhe'llee du'a attamiitiin Waaqa ulfeeffachuu akka qabu yoo muldhisu, kanaan duubatti Phexirosiin, «Ana horddof!» jedheen.


Wongeelaa kennaa Waaqaa ka bilisaa barsiisuuf Waaqa irraa ka fudhadhe, dirqama barsiisuu yoo raawwadhe, jireenna kiyyaaf gatii hin kennine, lubbuu kiyya'llee garaa ana hin nyaanne.»


Phaawulos garuu, «Akkanatti booyaa, waayee maaliif, onnee kiyya gaddaan cabsstan? Ani waayee maqaa Gooftaa Yesusiitiif, Yerusaalemtti hidhamuu qofaaf uduu hin ta'in, du'uuf'llee qophaaya'a» jechuun ni deebise.


Kadhanna'aa eega xumuraniin duubatti, bakki itti wol gayanii jiran ture ni raafame, marri isaaniituu Hafuura Qulqulluun ni guuttaman, dubbii Waaqaa'llee sodaa malee uggiinssaan ni dubbatan.


Eegaa yaa obboleeyyan! Waaqa ka gammachiisu, jiraata'aa fi kitimaa qulqullaawome qabu taasfittanii gara qabddan mara akka dhiyeesitaniif, maqaa Waaqa dhiifama taasisa'aatiin isin ni kadhadha, kun'llee ka qajeelluma dhiyeessuun isin irraa malu qabu, dhugaalessa tajaajila Waaqaati.


Ka nuuf kenname karaa Hafuura Qulqullu'uutiin jaalalli Waaqaa onnee teenna keessatti waan guuteef, abddiin isaa hin saalfachiisu.


Akkuma kana kutaalee qaama keessanii meeshaa hujii hama'aa taasfttanii, cubbu'uuf akka bitamu hin taasisinaa, garuu du'aa kaatanii jiraattota akka taatan taasisu'uun mataa keessan Waaqaaf dhiyeessaa, kutaalee qaama keessan maraa'llee meeshaa qulqullumma'aa taasfittanii, Waaqaaf bitamisiisaa.


Ani akkana namaaf afaan galuun ka dubbadhu dadhabbinna yaada keessan irraa ka ka'een, durssa kutaawwan qaamota keessan battumma'aa fi tajaajilaa marri hama'aa taasfttanii akkuma dhiyeessitan mara, akkuma kana kutaawwan qaama keessan akka qulqullaayan tajaajilttoota qulqullaayomaa taasisa'aatii dhiyeessa.


Uumaminni marrinuu muldhachuu ijoollee Waaqaa, hawwii ol aana'aan ni eeggatan.


Kana'llee, «Kunoo, dhagaa namoota gufachiisu Xiyoon ni kaaya, dhagaan kun'llee namoota gufachiisu'uun, siidaa dhaga'aa ka kuffissu, ka isatti amanu garuu, hin saalfatu» jedhamee, akkuma barreeffame.


Yaa obboleeyyan! Ana guyyama guyyaan du'atu ana qunnama, kana'llee ka isinitti himu karaa Gooftaa keenna Yesus Kristositiin abddiin isin irratti qabu, dhugaa waan ta'eef.


Inni gati'iin isin bitee jira, kanaaf qaama keessaniin Waaqa kabajaa.


Haala kanaan yaanni bakka lamatti qoodamee jira jechu'u. Akkuma kana dubarttiin abbaa worraa titti hin heerumin yookiin durbbi duudaan, foon isi'iitii fi lubbuu isi'iitiin'llee ta Goofta'aaf Qulqullaayome qabddu ta'uuf waan barbaadduuf, yaanni isi'ii ka xiyyeeffatu hujii Gooftaa laalu irratti. Dubarttiin heerumtte garuu gammachiisuufka yaaddu, waayee biyya lafaati.


Waayee aangoo Gooftaan nuuf kenneetiif haalaan yoo dhaadadhe'llee itti hin saalfadhu, aangoon kun ka nuuf kennameef isin ijaaru'uuf malee, diigu'uufii miti.


Abddii akkanaa kana waan qabnnuuf uggiinsaan ni dubbanna.


jireenni Yesusii qaama keenna irratti akka muldhatu du'a Yesusiin irra gaye, qaama keenna irratti'llee yeroo mara, baannee ni naannofnna.


Lubbu'uun ka jiran marrinuu isaanii ka du'ee fi du'aa'llee ka ka'eef akka jiraataniif malee, ammaa achitti mataa isaaniitiif jedhanii akka hin jiraanneef, Kristos maraafuu ni du'e.


Dhaaduu isiniin ni qaba ture Tiitoostti himee jira ture, isin'llee ana hin saalfachiifnne, yeroo maraa dhugaa isinitti ni hima ture, kun'llee waayee keessaniif dhaaduun Tiitoostti himnne, dhugaa ta'uu isaatiin mirkanaayee jira.


Amanitiin isin irratti qabu ol aana'aa, dhaaduun isin irratti qabu'llee gudda'a, isiniin'llee ni jajabaadha, rakkinna keenna maraan'llee haalaan ni gammada.


Sababaa hidhamuu kiyyaatiin obboleeyyan amanttootaa ta'an baayi'eewwan caalmaya worra Goofta'atti abddii taasfatan ta'anii jiran, kanaaf dubbii Waaqaa sodaa malee lallabuuf, waan duraanii caalatti uggiinssa argatanii jiran.


Waaqaaf amanti'iin kitimaan dhiyeessitanii fi tajaajila irratti, lubbuun tiyya'llee kitimaa dabalataa taatee yoma dhiyaatte'llee ni gammada, isin'llee qoodamtoota gammachuu kiyyaa ni taatan.


Amma'llee waayee rakkinna isiniif fudhadhuutiin ni gammada; waayee qaama isaa ka taateetii fi waayee woldaya amanti'iitiif'llee, rakkinna Kristosii qoodamu'uuf ka narraa dhidhate, foon kiyyaan ni guuta.


Mataan isaatuu Waaqinni nagayaa waan maraanuu isin haa qulqullaawomssu, hafuurri keessan, lubbuun teessanii fi qaaminni keessan marrinuu, guyyaa Gooftaan keenna Yesus Kristos itti dhufuuf, ashaa malee eeggamee haa jiraatu.


Kristaana ta'uu isaatiin ka rakkinni isa irra gayu yoo jiraate garuu, waayee maqaa Kristositiif Waaqa haa galateeffatu malee, hin saalfatin.


Eegaa yaa ijoollee! Yeroo inni mulidhatutti uduu hin sodaatin ugiinssaan akka isa arginuu fi guyyaa itti dhufutti'llee isa duratti akka hin saalfanneef, isaan jiraadhaa.


Lean sinn:

Sanasan


Sanasan