Wongeela Yohaannis 9 - WAADAA LAMMATAAYesuus Namicha Ballaa Fayyise 1 Uduu karaa san irra lufa'aaru nama urga dhalate irraa jalqabee ballaa ta'e tokko arge. 2 Darasoonnillee, «Barsiisaa'a, akka namni kun ballaa ta'ee dhalatuuf ka cubbuu hojjate eennu? Isa moo worra isaati? jedhanii isa gaafatan. 3 Yesuusillee akkana isaaniin jedhe, akka hujiin Rabbii isa irratti mudhatuuf malee, inni yookiin maatiin isaa cubbuu hin hojjanne. 4 Uduu hin halkanoofne hujii ka na ergee huja. Halkan eennullee hojjachuu hin dandeenne waan dhufuuf. 5 Ani adunyaa tana irra haga jiru, ifa adunya'aati» 6 Kana jedhee lafatti gadi tufee hancufaan biyyee dukkuuseeti dhoqqee ija ballichaa dibee, 7 «Gara haroo Salihoomiititti dhaqiitii dhiqadhu» jedheen, «Salihoom» jechuun ka ergame jechu'u. Kanaaf dhaqee dhiqatee, arga'aa deebi'e. 8 Ollaan isaatiif achiin dura worri hennaa inni kadhatu arga'aa turan. «Kun ka taa'ee kadhatu sanii mii?» jedhan. 9 Gariin, «Isuma» jedhan; Kuuwwan ammoo, «Waa, isa fakkaata malee, isaa miti» jedhan. Inni ammoo, «Anuma» jedhe. 10 Eeganaa, «Ijji tee attamiin sii banamte ree?» jedhaniin. 11 Innillee deebisee, «Namichi Yesuus jedhamu biyyee jiisee ija tiyya dibee, gara haroo Salihoomii dhaqiitii dhiqadhu naan jedhe. Anillee dhaqee dhiqadhee, arge» jedhe. 12 Isaan, «Inni amma eessa jira?» jedhanii isa gaafatan. «Hin beeku» jedhe. Fariisonni Namicha Ijji Isaa Fayyiteef Qoratan 13 Namicha duraan ballaa ture gara Fariisotaa fidan. 14 Yesuus biyyee dhoqqeessee guyyaan ija isaa itti bane sun Sambata diqqa'a. 15 Kanaaf Fariisonni ammoo attamitti akka arge ammallee isa gaafatan. «Inni dhoqqee ijatti naa godhe hin dhiqadhe ijji tiyyallee hin argite!» isaaniin jedhe. 16 Fariisota keessaa gari gariin, «Namni kun Sambata waan hin kabajjineef Rabbiin irraa hin dhufne» jedhan, kuuwwan ammoo «Namni cubbamaan maalalee akkanaa kanniin godhuu attamitti danda'a?» jedhanii wol fooyan. 17 Sababaa kanaaf namicha ballaa sanniin, «Ati waan namicha ija tee banee maal jetta?» jedhaniin. Innillee, «Raatticha» isaaniin jedhe. 18 Yihuudonni namichi kun akka dura ballaa ta'e, maayessa ammoo akka ijji isaa argite haga worra isaa waamanii gaafatanitti hin amanne. 19 Isaannillee Ilmi keessan ka ballaa ta'ee dhalate jettan kanaa? Eegasuu amma attamitti arguu danda'e ree? jedhanii isaan gaafatan. 20 Maatiin isaallee isaaniin, «Kun mucaa keenna ta'uu ballaa ta'ee dhalatuu isaa hin beenna. 21 Haata'uu ammoo amma attamiin akka arge hin beennu yookiin ija isaa eennu akka bane nu hin beennu isa gaafadhaa'a inni nama gudda'aa, inninuu waan ufii hin dubbataa» jedhan. 22 Maatiin isaa waan Yihuudota sodaataniif kana jedhan, ka inni Kiristoos jedhee ragu yoo jiraate, Yihuudonni mana sagada Yihuudotaatii akka isaan hin baafneef Yihuudonni waan woliigalaniiraniif. 23 Kanaaf maatiin, «Inninuu nama uf danda'ee isa gaafadhaa'a!» jedhan. 24 Kanaaf namicha ballaa ammallee isa waamanii, «Rabbiin kabajji namni kun cubbamaa ta'uu isaa nu hin beenna» jedhaniin. 25 Innillee deebisee, «Ani cubbamaa ta'uu isaa ammoo hin beeku, ani ballaa akka ture, amma ammoo arguu kiyya callaa beeka» jedhe. 26 Ammallee deebisanii, «Maal sii godhe? Attamitti ija tee bane?» jedhaniin. 27 Innillee deebisee, «Qaraa isinitti himeera, isin ammoo na hin dhageenne, maaf lammaffaa dhagayuu feetan? Isinillee akkasuma darasaa isaa ta'uu feetanii?» isaaniin jedhe. 28 Isaan ammoo isa arrabsaniiniiti, «Situ darasaa isaa ti, nu ammoo darasoota Muuse'ee ti. 29 Rabbi akka Muuse'etti dubbate nu hin beenna. Namni kun ammoo, inni eessaa akka dhufe hin beennu!» jedhaniin. 30 Namichillee deebisee akkana isaaniin jedhe, «Eessaa akka dhufe wollaaluun keessan kun waan maalalchiisa'a! Waa maraafuu inni ija tiyya baneera. 31 Ka Rabbiin sodaatu, fedha isaallee ka hojjatu yoo jiraate, isa sanii Rabbi dhagaya malee, cubbamoota akka hin dhageenne hin beenna. 32 Ka ijji isaa ballaa ta'ee dhalate, urga adunyaan uumamte irraa jalaqabee, ka ija ballaa fayyise dhagayamee hin beeku. 33 Namni kun uduu Rabbiin irraa dhufuu dhabaatee silaa womaa godhuu hin danda'u.» 34 Isaan ammoo deebisanii, «Nafti kee hoomaanuu cubbu'uun dhalate. Situ nu barsiisaa?» jedhanii gara diidaa isa baasan. Qalbifannaa Ayyaanaatiin Ballaa Ta'uu'u 35 Yesuusillee akka gara diidaa isa baasan hennaa dhagaye, «Ati Ilma Namaatitti amantaa?» jedheen. 36 Innillee deebisee, «Gooftaa kiyya, ani isatti amanu'uufuu inni eennu?» jedhe. 37 Yesuusillee, «Ati isa argiteerta innillee isuma si woliin qaaqa'aaru kana» jedheen. 38 Innillee, «Gooftaa kiyya! Hin amana» jedhee sagadeef. 39 Yesuusillee, «Worri hin argine akka argan, worri argan akka jaaman, ani gara adunyaa tanaa murti'iif dhufeera» jedhe. 40 Fariisota keessaa worri isa woliin jiran ammoo kana dhagayanii, «Nu balla'aa?» jedhaniin. 41 Yesuusillee akkana isaaniin jedhe, «Ballaa uduu taatanii silaa cubbuu isinitti hin ta'u, amma ammoo hin argina jettan, cubbuun teessan ammoo akkasumatti jiraatti» jedhe. |
Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.
Bible Society of Ethiopia