Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Wongeela Yohaannis 7 - WAADAA LAMMATAA


Yesuusii Fi Ilmaan Haadhaa Isaa

1 Achiin maayii Yihuudonni Yesuusiin ajjeesu'uuf soqa'aa waan turaniif, Yihuudaa keessa deddebi'uu waan hin feeneef, Galiilaa keessa deddeema'aa ture.

2 Ayyaanni Yihuudotaa ka daasee keessatti kabajjan dhiyaatee ture.

3 Eeganaa Obboleeyyan, «Darasoonni teellee ammoo hujii ati hojjattu akka arganiif asii ka'iitii gara Yihuuda'aa deemi.

4 Ka uf mudhisuu barbaadu ka dhossa'atti hojjatu waan hin jirreef, yoo waan kanniin gootu adunyaa tanatti uf mudhisi» jedhaniin.

5 Obboleeyyan isaatuu isatti amananii waan hin jirreef.

6 Yesuusillee akkana isaaniin jedhe, «Yeroon kiyya waan hin geenneef, hennaan keessan ammoo yoo maraa ka tole.

7 Adunyaan isin jibbuu hin dandeettu; ani ammoo waan hujiin isi'ii dhara ta'uu isi'itti raguuf ana na jibbiti.

8 Isin gara ayyaana kanaa bayaa'a, ani ammoo hennaan kiyya waan hin raawwatamneef, gara ayyaana kanaa hin bayu.»

9 Kana isaaniin jedhee Galiila'atti hafe.


Yesuus Ayyaana Daasii Keessatti Kabajjamu Irratti Argame

10 Obboleeyyan isaa ammoo gara ayyaanaa haga bayaniin maayii hennaa san innillee akkasuma addaataa uduu hin taane dhokatee baye.

11 Yihuudonnillee, «Inni eessa jira?» jedha'aa Ayyaana irratti soqa'aa turan.

12 Banii jiddu'utti waan isaatiif guungummii heddutu ture. Gari gariin isaanii, «Inni nama mishaa» gariin ammoo, «Banii dogogorsa'aara» jedhan.

13 Haata'uu ammoo, Yihuudota waan sodaataniif eennullee waan isaa addaataa hin dubbatu.

14 Ammallee uduu ayyaanni hin dhumanne wodhakka'aan, Yesuus gara mana woyyu'uu dhaqee barsiisa'aa ture.

15 Yihuudonnillee, «Namni kun uduu hin baranne kitaabbilee attamitti beeka?» Jedha'aa maalalfatan.

16 Kanaaf Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe, «Barumsi kiyya ka na erge biraa malee, ana irraa mit.

17 Ka fedhii isaa raawwatuu jaalatu yoo jiraate, inni barumsi kun Rabbiin irraa yoo ta'e yookiin ka ani ufi irraa dubbadhu yoo ta'e hin beeka.

18 Ka ufirraa dubbatu ulfinna ufii barbaada. Ulfinna ka ergee ka barbaadu ammoo inni nama dhuga'aati. Isa keessa hammeenni hin jiru.

19 Muuseen seera isinii hin kenninee? Isin keessaa ammoo tokkochillee ka seera raawwatu hin jiru. Maaf na ajjeesuu barbaaddan?

20 Baniin deebisee, «Jinnii qabda! Eentu si ajjeesuu barbaada?» jedhaniin.

21 Yesuusillee akkana jedhe isaanii deebise, «Hujima tokko hojjadhee jennaan, isin maruu maalalfattan.

22 Kanaafuu Muuseen gadoomuu isinii kenne, seerri kun abboota irraa malee Muusee irraa miti, Sambataanillee nama gadoomsitan.

23 Namni Sambataan gadoome yoo seera Muusee hin dinee, Ani Sambataan nafa namaa guutuu fayyise'eef naan loltanii?

24 Fuula namaa laalaa murteessuu dhiisaa'a, murtii qajeelaa murteessaa'a.»


Yesuus Kiristoosii?

25 Kanaafuu namoonni Yeruusaaleemii gari gariin akkana jedhan, «Ka ajjeesu'uuf soqa'aaran kanaamii?

26 Kunoo addaataa dubbata'aara isaan ammoo isaan womaa hin jenne. Bulchoonni namni kun dhuga'aan Kiristoosiin akka ta'e beekinnuu?

27 Nu ammoo namni kun nama eessaa akka ta'e beenneerra. Kiristoos hennaa dhufu eessaa akka ta'e eennullee hin beeku.»

28 Eeganaa Yesuus mana woyyuu keessatti uduu barsiisu, «Ana na beettan, eessaa akka dhufe ammoo hin beettan. Ani ufiin hin dhufne. Haata'uu ammoo inni na erge ka isin hin beenne sun ka dhuga'aati.

29 Laagaa isaa ol fudhatee ani isa biraa dhufe, inni waan na ergeef ani isa hin beeka» jedhe.

30 Kanaaf isa qabu'uuf soqa'aa turan. Haata'uu ammoo hennaan waan hin geenneef eennullee harkaan isa hin tundhe.

31 Banii keessaa namoonni heddu waan itti amananiif, «Kiristoos hennaa dhufe, maalalee kun godhe caalaa godha?» jedhan.


Yesuusiin Qabsiisu'uuf Eedduu Itti Ergan

32 Fariisonni baniin waan isaa akka guunguma'aaran dhagayan. Bulchaan gadootaatii fi Fariisonni isa qabu'uuf eedduu mana woyyu'uu itti ergan.

33 Yesuusillee, «Amma hennama diqqoo isin woliin tura, achiin maayessa gara ka na ergee deema, na soxxan ammoo na hin argitan.

34 Isin gara ani jiru dhufuu hin dandeettan» jedhe.

35 Eeganaa Yihuudonni, «Akka nu isa hin argine eessa deemu'uuf ta'aa? Gara worra Giriikiin jiddu'utti bittinnaawaniiranii deemee barsiisu'uuf ta'aa?

36 Innillee, ‹Na soxxan, ammoo na hin argitan, gara ani jirullee dhufuu hin dandeettan› jechi jedhu kun maali'i?» jedha'aa woliin qaaqan.


Yesuus Burqaa Jireennaa ti

37 Guyyaa guddaa gaafa dhuma ayyaana Yesuus dhaabatee, «Eennullee ka dheebote yoo jiraate gara kiyya dhufee haa dhuguu.

38 ‹Ka anatti amanu akkuma kitaabni jedhe, bisaan laga jireennaatituu gara'aa burqa› » jedhee laagaa ol qabatee dubbate.

39 Kana ammoo waan Ayyaana Woyyu'uu ka worri isatti amanan argatu'uuf ta'uu san dubbate. Waan Yesuus gara ulfina ol hin bayiniif Ayyaanni Woyyuun hennaa san hin kennamne ture.


Baniin Gargar Wol Fooye

40 Kanaafuu banii keessaa namoonni hedduu dubbii kana haga dhagayan, «Inni dhugamaan raaga» jedhan.

41 Kuuwwan ammoo, «Kiristoos» jedhan. Kuuwwan ammoo, «Kiristoos dhuga'aan Galiila'aa dhufaa?

42 Akka Kiristoos fiixaa Daawitii keessaa dhalatuu fi akka inni Beeteliheemii qachaa Daawitiitii dhufu kitaabni hin dubbatuu?» jedhan.

43 Achiin maayessa isa irraa ka sababaa isaatiif baniin wol fooye.

44 Isaan keessaallee gari gariin qabuunii barbaadan. Haata'uu ammoo eennullee harkaan isa hin tundhe.


Amanuu Diduu Yihuudota Baallii Qabanii

45 Worri mana sagadaa eegan gara bulchoota gadootaatiif fi gara Fariisotaa hennaa deebi'anii dhufan, Isaan, «Maaf isa fiduu diddan?» isaaniin jedhan.

46 Eedoonni mana sagadaa sun, «Eennullee akka nama kanaa horomaa hin dubbanne» jedhanii deebisaniif.

47 Eeganaa Fariisonni, «Isinillee akkasuma dogoggortanii?

48 Bulchoota yookiin Fariisota keessaa ka isatti amane jiraa?

49 Baniin seera hin beenne kun, abaarama'a!» isaan jedhan.

50 Isaan keessaa Niqoodimoos halkaniin firrisee gara isaa dhufee,

51 «Seerri keenna dura isa irraa uduu hin dhageenne maal akka godhe uduu hin beenne namatti murteessaa?» isaaniin jedhe.

52 Isaanillee deebisanii, «Atillee akkasuma nama Galiila'aatii? Raanni namoota Galiilaa keessaa akka hin kaane qorii laali» jedhaniin.

53 Achiin maayessa martinuu gara mana ufii deeman.

Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.

Bible Society of Ethiopia
Lean sinn:



Sanasan