Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Wongeela Yohaannis 6 - WAADAA LAMMATAA


Yesuus Nama Kuma Shanii Nyaachise
( Mat. 14:13-21 ; Mar. 6:30-44 ; Luq. 9:10-17 )

1 Achiin maayessa Yesuus gara galaana Xibiriyaadoos jedhamuu ka Galiilaa gamaa ceeye.

2 Maalalee dhibamtoota irratti inni godhe waan arganiif baniin hedduu isa faana deeme.

3 Yesuusillee gara gaaraa ol bayee darasoota ufii woliin achi taa'e.

4 Hennaa san Faasikaan Yihuudotaa dhiyaatee ture.

5 Yesuus ijaan ol jedhee baniin hedduu gara isaa uduu dhufu argee, Filiphoosiin, «Xoroshoo namoonni kunniin nyaatan eessaa binnaaf?» jedheen.

6 Inninuu waan godhu'uuf ta'u waan beekuuf, waan inni godhu laalu'uuf kana jedhe.

7 Filiphoos isaan martinuu diqqo diqqoo akka afaaniin qaban uduu binnee, «Xoroshoon saantibii dhibba lamaatuu hin gayuuf» jedhee deebiseef.

8 Darasoota keessaa tokko obboleessi Simi'oon Pheexroos Indiriyaas,

9 «Mucaan xoroshoo garbuu shanii fi qurxumii lamaan qabateeru tokko asi jira jedhe. Haata'uu ammoo namoota haganaa maraaf hin gayu» jedheen.

10 Yesuusillee, «Namoota akka taa'an godhaa'a» jedhe. Hulee san marga gudda'atu jira. Worri dhiiraa ka taa'an laakkofsi isaanii haga kuma shanii gaya.

11 Yesuusillee xoroshoo ol fuudhee galateeffatee, darasootatitti kenne. Darasoonnillee worra taa'aniif kennan. Akkasuma qurxummiillee haga isaan barbaadan hireef.

12 Innillee haga quufaniin maayii darasootaan, «Wonti tokko uduu hin hafin hambaa hafe marumaa wolitti qabaa'a» isaaniin jedhe.

13 Kanaafuu wolitti qaban. Xoroshoo garbu'uu shanan nyaatan keessaa hambaan hafe gindoo kudha lamaa guutan.

14 Sababa Kanaaf namoonni maalalee Yesuus godhe haga arganiin maayii, «Kun dhugama raaga gara adunyaa kanaa dhufe!» jedhan.

15 Sababa kanaaf Yesuus, akka isaan hunnaan isa qabanii, mootii isa godhachu'uuf itti dhufa'aaran beekeeti hojja ufii gara gaaraa ol baye.


Yesuus Galaana Irra Deeme
( Mat. 14:22-33 ; Mar. 6:45-52 )

16 Hennaa dhiye darasoonni gara galaanaa gad bu'anii yabala keessa seenanii gara gama Qifirnaahomii uduu dhaqa'aaran,

17 Lafti dukkanaaye. Yesuusillee haga hennaa sanii gara isaanii hin dhufne.

18 Bubbeen jabaan waan guddisee bubbiseef galaanni raafame.

19 Haga meetira diddamii shanii yookiin soddomaa haga keessa deemaniin maayii, Yesuus galaana irra deema'aa gara yabala isaanii hennaa dhiyaate arganii isa sodaatan.

20 Inni ammoo, «Anaa hin sodaatinaa'a!» isaaniin jedhe.

21 Kanaaf yabala isaaniitiin isa fudhachuu barbaadan. Yoma san yaballi isaaniillee gara lafa qarqara bisaanii geette.


Baniin Yesuusiin Barbaaddan

22 Baniin haga lafti bari'e galaana gama dhaabatanii turan. Yabala takkatti'ii achi Yaballi biraa akka achi hin jirree fi darasoonni isaallee ufumatti waan deema'aaraniif, Yesuus darasoota woliin gara yabalaa akka hin seenne argan.

23 Haata'uu ammoo Yaballan biraa gara hulee Gooftaan buddeena itti eebbisee nyaatan san gara Xibiriyaadosii dhufan.

24 Baniinillee Yesuus yookiin darasoonni achi akka hin jirre haga argan, ufumaa yabala keessa seenanii Yesuusiin soqa'aa gara Qifirinaahoomii dhaqan.


Yesuus Nyaata Jireennaa ti

25 Isaanillee galaana gamatti hennaa isa argan «Barsiisaa'a, yoomiin garana dhufte?» jedhaniin.

26 Yesuus deebisee, «Ani dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha, wonti na barbaaddaniif waan buddeena nyaattanii quuftaniif malee, maalalee waan argitaniifii miti.

27 Nyaata baduuf hin hojjatinaa'a. Haata'uu ammoo nyaata jireenna bara baraa ka Ilmi Namaa isinii kennuuf hujaa'a, isa san Rabbi Aabbaan chaapaa ufii waan irra kaayeef.»

28 Eeganaa, «Hujii Rabbii hojjachu'uuf maal haa goonnu?» jedhaniin.

29 Yesuus deebisee, «Hujiin Rabbii kun, ka inni ergetti akka amantaniif» isaaniin jedhe.

30 Eeganaa, «Arginee akka amannuuf maalaleeni ati gootu maali'i? Maal hojjattalle'e?

31 ‹Akka nyaataniif samii irraa xoroshoo kenneeraaf› jedhamee akkuma barreeffame, Abboonni teenna lafa udume'eetitti nyaata sami'ii nyaatan jedhaniin.

32 Yesuusillee, «Ani dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha! xoroshoo dhuga'aa samii irraa ka isinii kennu Abbaa kiyya malee, Muuse'ee miti.

33 Xoroshoon Rabbii ka sami'ii bu'u ka adunya'aaf jireenna kennu» isaaniin jedhe.

34 Kanaafuu, «Gooftaa'a, nyaata kana hennaa maraa nuu kenni» jedhaniin.

35 Yesuusillee akkana isaaniin jedhe, «Xoroshoon jireennaa Ana; ka gara kiyya dhufu horomaa hin beelawu, kanatti amanu hennaa maraa horomaa hin dheebotu.

36 Haata'uu ammoo na argitanii waan hin amanneef kana isiniin jedhe.

37 Ka Aabba naa kennu maruu gara kiyya dhufa. Anillee gara kiyya ka dhufu maraa sirimaa gara diidaa hin baasu.

38 Sami'ii wonti bu'eef, fedha kiyya hojjatu'uuf uduu hin taane, fedha ka na ergee raawwatu'uuf.

39 Fedhiin ka na ergee, worra inni naa kenne maraa keessaa tokkochallee akka hin balleessine guyyaa dhumaa akka isa kaasuuf.

40 Namni Ilma isaa argee itti amanu maruu jireenna bara baraa haa argatuuf fedhiin abbaa kiyyaa kana. Anillee guyyaa dhumaa san hin kaasaan.

41 Eeganaa Yihuudonni, «Xoroshoon sami'ii bu'e ana» waan jedheef isatti guunguman.

42 «Kun Yesuusii ilma Yooseefii ka haadhaa fi abbaa isaa beennu mii? Eeganaa attamitti, ‹Sami'ii bu'e› jedha ree?» jedhan.

43 Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe, «Ufii wolitti hin gururi'inaa'a.

44 Abbaan na erge yoo ufitti waame malee, ka gara kiyya dhufuu danda'u hin jiru. Anillee guyyaa dhumaa san isa kaasa.

45 Isaan martinuu worra Rabbiin irraa baratan ta'an jedhamee raattotaan barreeffameera. Eeganaa ka Abbaa irraa dhagayeef ka barate maruu gara kiyya dhufa.

46 Namni Aabbaan arge eennullee hin jiru. Ka Rabbiin biraa dhufetu Aabbaan arge malee,

47 Dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha, ka natti amane jireenna bara baraa qaba.

48 Nyaanni jireennaa ana.

49 Abbootiin teessan lafa udume'ee keessatti nyaata mannaa jedhamu nyaatan; haata'uu ammo hin du'an.

50 Namni isa irraa nyaate akka hin duune, buddeenni amma sami'ii bu'e kana.

51 Nyaanni sami'ii bu'e jiraataan Ana. Namni buddeena kana irraa yoo nyaate, bara baraan jiraata. Anillee nyaanni jireenna adunya'aaf kennu foon kiyya» isaaniin jedhe.

52 Eeganaa Yihuudonni, «Namni kun attamitti foon isaa haa nyaannu'uuf nuu kennuu danda'a?» jedhanii wol morman.

53 Kanaafuu Yesuus akkana isaaniin jedhe, «Ani dhugama dhuga'aatiin isiniin jedha, foon Ilma Rabbii yoo nyaattaniif, dhiiga isaallee yoo dhuguu dhabaattan, ufitti jireenna bara baraa hin qabdan.

54 Ka foon kiyya nyaatuu fi ka dhiiga kiyyallee dhugu jireenna bara baraa qaba. Anillee guyyaa dhumaa du'aa isa kaasa.

55 Foon kiyya nyaata dhuga'aati, dhiinni kiyyallee dhuddoo dhuga'aa waan ta'eef.

56 Ka foon kiyya nyaatee fi dhiiga kiyyallee ka dhuge na keessa jiraata; Anillee isa keessa jiraadha.

57 Akkuma Aabbaan jiraataan na erge, anillee sababaa Abbaa kiyyaatiin jiraataa akkuma ta'u, akkasuma ka na nyaatullee sababaa kiyyaan jiraataa ta'a.

58 Nyaanni samii irraa bu'e kana. Akka Abbootiin teessan nyaata sami'ii ka mannaa jedhamu nyaatanii du'anii miti. Nyaata kana ka nyaate haga bara baraa jiraata.

59 Waan kana mana sagada Yihuudotaa Qifirinaahoomitti uduu barsiisu jedhe.


Jecha Jireenna Bara Baraa

60 Darasoota keessaa hedduun isaanii hennaa kana dhagayan, «Kun dubbii nama dhiphisuu, eentu isa dhagayu danda'a?» jedhan.

61 Yesuus ammoo darasoonni waan kanaaf akka gururi'an garaa ufii keessatti beekee, akkana isaaniin jedhe, «Kun isin gufachiisaa?

62 Eeganaa Ilmi Namaa gara hulee dura tureetitti hennaa ol bawu yoo argitan atta ta'ittu?

63 Ka Jireenna namaa kennu Ayyaana Rabbiiti. Foon womaa hin fayyadu, dubbiin ani isinitti hime Ayyaana, jireennallee.

64 Haata'uu ammo, isin keessaa worri hin amanne hin jiran» Yesuusillee worri hin amanne eennu fa'aa akka ta'an ka dabarsee isa kennullee eennuun akka ta'e durumaa waan beekuuf.

65 Kanaaf isiniin jedhe, «Yoo Aabbaan irraa kennameef malee, ka gara kiyya dhufuu danda'u hin jiru» jedhe.

66 Sababaa kanaaf darasoota keessaa heddu isaanii gara duubaa deebi'an; achiin maayessa isa woliin hin deemne.

67 Yesuusillee darasoota kudha lamaaniin, «Isinillee ammo deebitanii deemuu barbaaddanii?» jedhe.

68 Simi'oon Pheexroos, «Gooftaa kiyya, gara eennuu deemna? Ati dubbii jireenna bara baraa qabda.

69 Nullee ati Kiristoos Ilma Rabbii jiraata'aa akka taate amanneerra; beenneerralle'e» jedhee deebiseef.

70 Yesuusillee, «Ani kudha lamaan keessanii mii ka filadhe? isin keessaa tokko daabiloos» jedhee isaanii deebise.

71 Waan kana Yihuudaa ilma Simoonii biyya ka Asiqorotu'uutiif dubbate. Inni kudha lamaan keessaa ta'ullee, ka Yesuusiin dabarsee kennu'uuf ta'u isa waan ta'eef.

Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.

Bible Society of Ethiopia
Lean sinn:



Sanasan