Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Wongeela Yohaannis 4 - WAADAA LAMMATAA


Yesuusii Fi Dubartii Samaariya'aa

1 Fariisonni Yesuus Yohaannisiin caalaa'a, darasoota akka eda'atee fi akka cuuphaaru akka dhagayan Yesuus haga beeke,

2-3 Yihuudaa dhiisee gara Galiila'aa deebi'e. Haata'uu ammoo, darasoota isaatituu cuupha'aa ture malee Yesuus ufii hin cuuphne.

4 Karaa Samaariya'aatiin lufuun waan isa barbaachisuuf.

5 Kanaaf gara qachaa Samaariyaa ta sikaar jedhamtuu dhufe, qachaan sunillee lafa Yaaqoob ilma isaa Yooseefii kennetti dhiyo'o.

6 Bisaan boolla Yaaqoobiititu achi ture. Yesuusillee waan deema'aa oolee dadhabeef boolla bisaan sanii bira taa'e, hennaan sunillee guyyaa keessaa gara sa'aatii jahaati.

7 Dubartiin Samaariya'aa takka bisaan woraabbatu'uuf dhufte, Yesuus isi'iin, «Bisaan na obaas!» jedheen.

8 Hennaa san darasoonni Isaa waan nyaatan bitu'uuf gara qacha'aa deemanii turan.

9 Hennaa tana dubartiin Samaariya'aa sun, «Ati Nama Yihuudii taatee, attamitti ana dubartii Samaariya'aatiin bisaan na obaas jetta?» jetteen, waan Yihuudonni worra Samaariya'aa woliin wolii hin galleef.

10 Yesuus deebisee, «Kennaa Rabbiitii fi ka bisaan na obaas siin jedha'aaru eennuun akka ta'e uduu beettee, silaa situ na kadhata. Innillee silaa bisaan jireennaa sii kenna» isi'iin jedhe.

11 Dubartittiin sunillee akkana jetteen, «Gooftaa kiyya, ati waan woraabbattuun hin qabdu; boollillee gad fago'o, eegasuu bisaan jireennaa kana eessaa argatta ree?

12 Ati horomaa abbaa keenna Yaaqoobiin ka boolla bisaanii kana nuu kenne, ka inninii fi ijoolleen isaa, horiin isaa maruu bisaan kana irraa dhugan caaltaa?» jetteen.

13 Yesuus deebisee, «Ka bisaan kana irraa dhugu maruu deebi'ee dheebota;

14 Ka bisaan Ani kennu irraa dhugu maruu ammoo baraa haga bara baraatitti hin dheebotu. Bisaan Ani kennu isa keessatti burqaa jireennaa ka bara baraan isa keessaa burqu ta'a» isi'iin jedhe.

15 Dubartittiinillee, «Gooftaa kiyya, deebi'ee akka hin dheebonnee fi bisaanillee woraabu'uuf akka as hin deebine bisaan kana naa kenni» jetteen.

16 Yesuus, «Deemiitii, abbaa manaa kee waamii koottu» isi'iin jedhe.

17 Dubartittiin ammoo deebiftee, «Ani abbaa manaa hin qabu» jetteen. « ‹Abbaa manaa hin qabu› jechuun kee dhuga'a.

18 Ati abbaa manaa shan waan qabduuf, ammumaa ka si woliin jirullee abbaa manaa keetii miti. Kanaaf dhugaa dubbatte» isi'iin jedhe.

19 Dubartittiin, «Gooftaa kiyya, akka ati raagaa taate arga.

20 Abbootiin teenna gaara kanatti sagadan. Isin ammoo Yihuudonni namni ka itti sagadu barbaachisu Yeruusaleemitti jettan» jetteen.

21 Yesuusillee akkana isi'iin jedhe, «Dubartii nana na amani; gaara kana gubba'atti yookiin Yeruusaaleemitti hennaan isin Abba'aaf hin saganne hin dhufa.

22 Isin waan hin beennee sagaddan; nu ammoo fayyinni karaa Yihuudotaatiin waan ta'eef, ka beennuuf saganna.

23 Haata'uu ammoo worri dhuga'aan sagadan hennaan Aabba'aaf Ayyaana dhuga'aatiin sagadan hin dhufa. Amumaa ta'eera. Abbaan akka isaa sagadaniif worra akkanaa kanniin waan barbaaduuf.

24 Rabbi Ayyaana, worri Isaa sagadanillee Dhuga'aa fi Ayyaanaan sagadu'utu isaan barbaachisa » jedheen.

25 Dubartittiin ammo, «Kiristoos ka jedhamu Masihiin akka dhufu hin beeka, inni yoo dhufe waan maraa nutti hima» jetteen.

26 Yesuus deebisee, «Ka amma si woliin qaaqa'aaru Ani isaa bee» isi'iin jedhe.

27 Hennaa darasoonni isaa deebi'anii dhufan; Yesuus dubartii woliin ka qaaqa'aaru arganii maalalfatan; haata'uu ammoo ka isi'iin «Maal barbaadda?» yookiin, «Maaf isii woliin qaaxxa?» namni isaan jedhe hin jiru.

28 Dubartittiinillee ottee isi'ii dhiiftee gara qacha'aa deemtee,

29 Namootaan, «Kootta'aatii nama waan ani godhe maraa natti hime laalaa'a. Ani hin beeku inni Kiristoosiin ta'innaa laata?» Jette.

30 Namoonnillee qachaa keessaa yaa'anii gara isaa dhaqa'aa turan.

31 Uduu kun ta'aa jiru darasoonni isaa, «Barsiisaa'a, mee waa nyaadhu!» jedhanii kadhataniin.

32 «Ani waan nyaadhu ka isin hin beenne qaba» isaaniin jedhe.

33 Kanaaf darasoonni, «Waan nyaatu namni woyii fideefii jiraatinnaa?» woliin jedhan.

34 Yesuusillee akkana isaaniin jedhe, «Nyaanni kiyya, fedha ka na ergee raawwachu'uu fi hojii isaa fixu'u.

35 Isin haga ammaa haamaan hin geenne ‹Ji'a afurtu hafa; woliin jettanii mii ree?› Ani isinitti himaa, ija keessan ol kaasaa, midhaan amma gayee akka daalachate maasaa achi laalaa'a.

36 Namni haamu gatii argata; ka facaasuu fi ka haamullee akka woliin gammadan jireenna bara baraatiifillee daraaraa wolitti qabata.

37 ‹Tokko hin facaasa, tokko ammoo hin haama› jechi jedhu kanaan dhugaa ta'eera.

38 Anillee waan isin itti hin dadhabne akka haamtaniif isin erge, kuuwwan itti dadhaban, isin ammo dadhabbii isaanii keessaa faayidaa argattan» isaaniin jedhe.

39 Dubartittiin, «Ka waan ani godhe maraa natti hime» jettee waan ragaa isaa baateef namoonni qachaa Samaariya'aa hedduun isaanii itti amanan.

40 Namoonni Samaariya'aallee gara isaa hennaa dhufan, akka inni isaan woliin jiraatuuf kadhataniin. Innillee haga guyyaa lamaa achi oole.

41 Sababa dubbii isaatiif namoonni hedduun ka duraa caalaa isatti amanan.

42 Isaanillee dubartii saniin, «Amma nu wonti isatti amannuuf, waan ati jetteefii miti, nu'uu waan isa dhageenneef, innillee dhugamaan Kiristoos qoricha adunya'aa akka ta'e hin beenna» jedhan.


Yesuus Ilma Namicha Muudamaa Tokkoo Fayyise

43 Guyyaa lamaan maayii, achii bayee gara Galiila'aa deeme.

44 Inninuu, «Raanni biyya ufiititti akka hin kabajjamne» dubbateera.

45 Haata'uu ammo hennaa inni Galiilaa gaye; worri Galiila'aa haala misha'aan isa simatan. Kunillee wonti ta'eef ayyaana Faasika'aatiif gara Yeruusaalemii dhaqanii hennaa achi turan san waan inni achitti godhe mara waan arganiiraniif.

46 Yesuus deebi'ee, gara Qaanaa Galiila'aa hulee bisaan gara daadhii woyinii itti jijjiiree san dhaqe. Qifirinaahomittillee bulchaa mana mooti'ii keessaa, ka mucaan isaa jalaa dhibame tokkotu jira.

47 Innillee Yesuus Yihuuda'aa gara Galiila'aa akka dhufe dhagayee, mucaan isaa dhibamee waan lubbameeruuf, gara isaa dhaqee akka isaa fayyisuuf kadhateen.

48 Kanaafuu Yesuus, «Malkataa fi maalalee yoo argitan malee sirima hin amantan» jedheen.

49 Bulchaanillee, «Gooftaa kiyya, daa'imni kiyya uduu na jalaa hin duune naa dhaqqabi» jedheen.

50 Yesuusillee, «Deemi; mucaan kee fayyeera!» jedheen. Namichillee dubbii Yesuus itti hime amanee deeme.

51 Innillee uduu gala'aaru hojjattoonni isaa isa arganii, daa'imni bee hin fayyee jedhanii itti himan.

52 Innillee hennaa inni itti woyyate jara gaafate. Isaanillee, «Kaleessa sa'aatii torbatti oo'i dhiiseen» jedhaniin.

53 Abbaanillee, Yesuus, «Mucaan kee fayyeera» hennaan jedheen sa'aatii san akka ta'e qaabate. Kanaafuu innillee maatii ufii maraa woliin amane.

54 Kunillee akkasuma Yesuus Yihuuda'aa gara Galiila'aa haga dhufeen maayessa, kana woliin maalalee lammaffa'aa hojjate.

Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.

Bible Society of Ethiopia
Lean sinn:



Sanasan