Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Wongeela Yohaannis 3 - WAADAA LAMMATAA


Yesuusii Fi Niqoodimoos

1 Namicha Gosa Fariisotaa bulchaa Yihuudotaa ka maqaan isaa Niqoodimoos jedhamu tokkotu ture.

2 Innillee halkaniin gara Yesuusii dhufee, «Barsiisaa'a, yoo Rabbi isa woliin ta'e malee, maalalee ati hojjattu kanniin ka hojjatuu danda'u waan hin jirreef, barsiisaa taatee Rabbiin biraa akka dhufte hin beenna» jedheen.

3 Yesuusillee deebisee, «Dhugama dhuga'aatiin siin jedha, namni lammaffaa deebi'ee yoo dhalate malee, jeennata Rabbii galuu hin danda'u» jedheen.

4 Niqoodimoosillee namni haga jaareen maayessa deebi'ee attamitti dhalatuu danda'a? lammata hormaata haadhaatitti deebi'ee dhalatuu danda'aa? jedheen.

5 Yesuusillee akkana jedhee deebiseef, «Dhugama dhuga'aatiin siin jedha, namni bisaanii fi Ayyaana Woyyuu irraa yoo dhalate malee, jeennata Rabbii galuu hin danda'u.

6 Ka foon irraa dhalate foon; Ka Ayyaana irraa dhalate Ayyaana.

7 Waan ani lammaffaa dhalachuu isin barbaachisa jedheef hin maalalfatin.

8 Bubbeen gara fedhetti bubbisa atillee huursaa isaa dhageetta malee, eessaa akka dhufee fi eessa akka deemullee hin beettu. Namni Ayyaana irraa dhalate maruu akkasuma.»

9 Niqoodimoosillee deebisee kun attamitti ta'uu danda'a? jedheen.

10 Yesuusillee deebisee akkana jedhe, «Ati barsiisaa Israa'eelii taatee kana hin beettuu?

11 Ani dhugama dhuga'aatiin siin jedha, nu waan beennu dubbanna. Waan arginellee ragaa baana. Isin garuu ragaa keenna hin fudhattan.

12 Hennaa ani waan lafaa isinitti hime yoo hin amanne, waan sami'ii yoo isinitti hime attamitti amantan ree?

13 Ka sami'ii bu'e malee eennullee ka gara sami'ii ol baye hin jiru. Innillee Ilma Rabbii ka samii keessa jiraatu.

14-15 Akkuma Muuseen lafa udume'ee keessatti bofa fannisee, Akkasuma ka isatti amanu maruu jireenna bara baraa haa argatu'uuf, akka hin banne, Ilmi Namaa fannifamuu woyya.

16 Namni isatti amanu maruu akka hin banne, jireenna bara baraa haa argatu'uuf, Rabbi adunyaa kana akkanumaan jaalatee, tokkicha Ilma ufii kenneef.

17 Wonti Rabbi Ilma ufii gara adunya'aa ergeef, adunya'atti murteessu'uuf uduu hin taane, Ilma isaatitti amanu'uun adunyaan haa fayyitu'uuf.

18 Nama isatti amanu itti hin murtaayu. Ka isatti hin amanne ammoo, maqaa tokkicha Ilma Rabbiititti waan hin amanneef ammaa itti murtaayeera.

19 Murtiin sunillee kana. Ifni gara biyya lafaa dhufe, namoonni garuu hujiin isaanii waan hamaa ta'eef ifa caalaa dukkana jaalatan.

20 Namni hamaa hojjatu maruu ifa jibba. Hujiin isaa akka jalaa ifa hin baaneef gara ifaa hin dhufu.

21 Namni dhugaa hojjatu ammoo hujiin isaa akka ajaja Rabbiititti hojjatamuun isaa akka mudhatuuf gara ifaa dhufa.»


Yohaannisiin Cuuphaan Waan Yesuusii Ragaa Baye

22 Achiin maayessa Yesuus darasoota ufii woliin gara biyya Yihuuda'aa dhaqe. Achitti isaan woliin taa'ee cuupha'aa ture.

23 Yohaannisillee akkasuma naannoo Saaleemii bakka heenoon jedhamtuutitti bisaan guddaan waan jiruuf achitti cuupha'aa ture. Namoonnillee achi dhaqanii cuuphaman.

24 Wonti kun uduu Yohaannis hin hidhamne ta'e.

25 Kanaafuu darasoota Yohaanisiitiif Yihuudota jiddu'utti waan qulqullumma'aatiif mormiin ka'e.

26 Isaanillee gara Yohaannisii dhufanii, «Barsiisaa'a, namichi Yoordaanosiin gamatti si woliin jiru, ka ati waan isaa ragaa baateef sun cuupha'aa waan jiruuf, namni maruu gara isaa dhaqa'aara!» jedhanii itti himan.

27 Yohaannis deebisee akkana isaaniin jedhe, «Yoo samii irraa kennameef malee, namni waan tokkollee argatuu hin danda'u.

28 ‹Ani Kiristoosii miti; haata'uu ammoo isaan dura ergameera› akka ani jedhe isinuu ragaa naa baatan.

29 Ka idaayyittiin jette inni Idaayya'a. Jaalli dhaabatee dhagayu ammoo laagaa Idaayyichaatitti guddisee gammada. Eeganaa gammachuun kiyya raawwatame.

30 Inni guddatee, ani diqqaachuu woyya.


Ka Samii Gubba'aa Dhufu

31 Ka olii dhufu maraa caala. Ka lafaa ammoo kama lafaati. Woma lafaa dubbata; ka sami'ii dhufu maraa caala.

32 Inni waan argeef waan dhagaye ragaa baya; ka ragaa isaa dhagayu ammoo hin jiru.

33 Namni ragaa kana dhagayu ammoo akka Rabbi dhugaa ta'e dhugoomse.

34 Namni Rabbi erge dubbii Rabbii dubbata; Rabbi Ayyaana ufii bikkee waan hin kennineef

35 Abbaan Ilma ufii hin jaalata, waan maraa isatti kenneera.

36 Namni Ilma isaatitti amane jireenna bara baraa qaba. Namni ilma isaatitti hin amanne dheekkamsi Rabbii waan isa irra jiruuf jireenna hin argatu» jedhe.

Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.

Bible Society of Ethiopia
Lean sinn:



Sanasan