Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Wongeela Yohaannis 2 - WAADAA LAMMATAA


Fuudhaa Fi Heeruma Qachaa Qaana'aa

1 Guyyaa saddaffa'aatitti Galiilaa qachaa Qaana'aatitti cidhatu ture. Haati Yesuusiillee achi turte.

2 Yesuusii fi darasoonni isaallee cidha sanitti waamamaniiran.

3 Hennaa daadhiin woyni'ii isaan jalaa dhumate, haati Yesuusii, «Daadhii woyni'ii hin qabanii bee» jettee Yesuusitti himte.

4 Yesuusillee, «Aayyii, waan ani huju ati natti hin himini; hennaan kiyya hin geenne» isi'iin jedhe.

5 Achiin maayessa haati Yesuusii, «Waan inni isinitti himu godhaa'a» jettee worra ansaadanitti himte.

6 Yihuudonni aadaa ufi qulqulleessu'uu waan qabaniif, gaanii dhaga'aa jaha achii qaban. Gaaniin martinuu waabaa lama yookiin sadi qabata.

7 Yesuusillee worra cidha galchuun gaanii sanniinitti bisaan guutaa jedhe. Isaanillee haga afaanii guutan.

8 Amma buusa'aatii worra cidha galchutti kennaa'a jedheen. Isaanillee isaanitti kennan.

9 Ka cidha galchullee bisaan daadhii ta'e hennaa afaaniin qabu eessaa akka dhufe hin beenne. Hojjattoonni bisaan woraaban ammoo hin beekan. Ka cidha galchu Abbaa cidhaa waamee,

10 Akkana jedheen, «Namni maruu duraan dursee daadhii mishaa namaa kenna. Haga machaayaniin maayii ammoo booruu namaa kenna. Ati ammoo daadhii mishaa haga ammaa tursiifte!» jedheen.

11 Yesuus maalalee jalqabaa qachaa Qaanaa Galiila'aatitti godhe. Ulfinna ufiillee mudhise, darasoonni isaallee isatti amanan.

12 Kanaan maayii, Yesuus haadha ufii, Ilmaan haadhaatii fi darasoota ufii woliin gara Qifirinaahomii gad bu'anii; guyyaa hago'oof achi taa'an.


Yesuus Gara Mana Woyyu'uu Dhaqe
( Mat. 21:12-13 ; Mar. 11:15-17 ; Luq. 19:45-46 )

13 Hennaa Ayyaanni Faasika'aa ka Yihuudii dhiyaate, Yesuusillee gara Yeruusaalemii dhaqe.

14 Mana woyyuu keessatti worra sangoota, hoolotaa fi handarii gurgurataniif, worra birrii sharafan ka taa'aniiran argee,

15 Innillee xurqaayyee dhayatee, sangootaa fi hoolota mana woyyuu keessaa baasee; worra birrii jijjiiratu waan isaan birrii irra kaayataniiran garagalchee birrii isaaniillee jalaa bittinneesse.

16 Worra handarii gurgurataniinillee, «Kana asii kaasaa'a; mana Abbaa kiyyaa mana daldalaa hin godhinaa'a» isaaniin jedhe.

17 Darasoonni isaallee, «Hinaaffaan mana keetii, akka ibiddaa na guba» jedhamee ka barreeffame qaabatan.

18 Kanaaf, «Yihuudonni kana godhu'uuf malkata maali'iin nutti mudhifta?» jedhaniin.

19 Yesuusillee deebisee, «Mana Woyyuu kana diigaa'a! Ani ammoo guyyaa sadihitti deebisee ijaara» isaaniin jedhe.

20 Kanaaf Yihuudonni, «Manni Woyyu'uu kun hojjatamu'uuf woggaa afurtamii jahaa fixe, ati ammoo guyyaa sadi keessatti ijaaree fixa jettaa?» jedhaniin.

21 Inni ammoo waan mana woyyuu qaama ufii dubbate.

22 Kanaaf haga du'aa ka'een maayii, darasoonni isaa kana akka dubbate qaabatanii, kitaaba Woyyu'uu fi waan Yesuus dubbate amanan.


Yesuus Yaada Namaa Mara Beeka

23 Uduu Yeruusaalem jiru hennaa ayyaana Faasika'aa malkata inni godhe haga argan, namoonni hedduu maqaa isaatitti amanan.

24-25 Haata'uu ammoo Yesuus namoota maraa hin beeka. Waan namaa eennullee isaa raguu hin barbaachisu, Inninuu waan nama keessa jiru waan beekuuf.

Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.

Bible Society of Ethiopia
Lean sinn:



Sanasan