Wongeela Maatewos 7 - WAADAA LAMMATAANamarratti Murteessuun Hin Barbaachisu ( Luq. 6:37-38 , 41-42 ) 1 Yesuus, «Rabbi akka isinitti hin murteessine, isin namatti hin murteessinaa'a. 2 Murtima isin namatti murteessitaniin isinittillee murteeffama. Safartuma isin namaaf safartaniin isiniifillee safarama. 3 Huuba ija obboleessa keetii keessa jiru maaf laalta! utubaa ija tee keessa jiru maaf arguu dadhabde? 4 Uduu utubaan ija tee keessa jiru, attamitti obboleessa keetiin, ‹Huuba ija tee keessaa sii baasa› jettaan? 5 Ati nama fakkeessaa'a! duraan dursii utubaa ija tee keessa jiru baasi. Achiin maayessa huuba ija obboleessa keetii keessa jiru baasu'uuf, midhaassitee arguu dandeetta. 6 «Waan woyyoome sariinii hin kenninaa'a; isinitti garagalanii isin ciniinanii. Meeshaa keessan ka gatii mi'a'aa booyyota afoo hin buusinaa'a!» Kadhadhaa'a, Barbaadaa'a, Dhadhayaa'a ( Luq. 11:9-13 ) 7 «Kadhadhaa'a isinii kennamaa; barbaadaa'a hin argattanii; balbala dhadhayaa'a isin jalaa banamaa. 8 Ka kadhatu maruu hin fudhata, ka barbaadullee hin argata, Ka balbala dhadhayuufillee hin banama. 9 Isin keessaa ilmi isaa yoo xoroshoo kadhate, ka dhagaa kennuuf eennu? 10 Yookiin yoo qurxummii kadhate, bofa kennaafii? 11 Eegasuu isin hammeeyyii taatanii, ijoollee teessaniif kennaa mishaa kennuu yoo beettan, Abbaan keessan ka samii jiru worra kadhataniif, attamitti waan mishaa caalchisee hin kennine ree? 12 Eeganaa «Waan namoonni akka isinii godhan barbaaddan, isinillee akkasuma isaaniif godhaa'a. Seerrinii fi raattonnillee kanuma barsiisan.» Waan Karra Dhipho'oo ( Luq. 13:24 ) 13 «Karra dhipho'oon seenaa'a! Karaan gara badi'ii fidu badha'a; karrillee badhoo waan taateef, worri karra saniin seenu heddu. 14 Karaan gara jireennaa fidu qadho'o; karrillee dhiphoo waan taateef, worri karaa jiru'uu san argatu diqqa'a.» Mukaa Fi Daraaraa ( Luq. 6:43-44 ) 15 Yesuus ammallee, «Raattota dharaa irraa uf eeggadhaa'a; hoolaa fakkaachu'uuf gogaa hoola'aa uffatanii, gara keessan hin dhufan; keessi isaanii ammoo akka Yayyii beeloftee ti. 16 Daraaraa hujii isaaniitiin isaan beettan. Qoree irraa woyinii, qummuudduu irraa hurbuu hin guuranii? 17 Akkasuma munni mishaan maruu daraaraa mishaa daraara. Munni badaan daraaraa badaa daraara. 18 Munni mishaan daraaraa badaa daraaruu yookiin munni badaan daraaraa mishaa daraaruu hin danda'u. 19 Munni daraaraa mishaa hin daraarre martinuu muramee ibiddatti gatama. 20 Kanaaf daraaraa isaaniitiin isaan beettan.» Ani Sirimaa Isin Hin Beeku ( Luq. 13:25-27 ) 21 Yesuus, «Fedhii Abbaa kiyya ka samii jiruu nama hujutu jeennata sami'ii gala malee, ka, ‹Gooftaa, Gooftaa› jedhee na waamu marti hin galu. 22 Guyyaa san, namoonni hedduu, ‹Gooftaa, Gooftaa! maqaa keetiin raaga hin dubbannee? Maqaa keetiin jinnii hin baafnee? Maqaa keetiin baasa hedduu hin hunyee?› naan jedhan. Jara Lamaan Mana Ijaartu ( Luq. 6:47-49 ) 23 Ani ammoo, ‹Isin dhartoota sirimaa isin hin beeku; narraa fagaadhaa'a› jedhee isinitti rageessa.» 24 Yesuus, «Namni dubbii kiyya kana dhagayee hujii irra oolchu, namicha qaroo mana ufii dhagaa irratti ijaarate fakkaata. 25 Roobni roobee, lolaan lola'ee, bubbeen bubbisee, mana san dhiibe. Manni ammoo lafa qarsaa irratti waan ijaarameeruuf hin jinne. 26 «Namni dubbii kiyya kana dhagayee hujii irra hin oolchine, namicha gowwaa mana ufii shashareeirratti ijaarate fakkaata. 27 Roobni roobee, lolaan lola'ee, bubbeen bubbisee, mana san dhiibe. Manni sunillee jigee akka malee butute» jedhe. Baallii Yesuusii 28 Yesuus hennaa dubbii kana dubbatee fixe, gumiin barumsa isaa hin baaseffate. 29 Inni akka barsiisota seera Muuse'eetitti uduu hin ta'in, akka nama baallii qabuutitti waan isaan barsiiseef. |
Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.
Bible Society of Ethiopia