Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Wongeela Maatewos 27 - WAADAA LAMMATAA


Yesuusiin Gara Philaaxoosii Fidan
( Mar. 15:1 ; Luq. 23:1-2 ; Yoh. 18:28-32 )

1 Haga lafti bari'e bulchoonni gadootaatii fi manguddoonni gumi'ii maruu Yesuusiin ajjeesu'uuf mari'atan.

2 Yesuusiin hidhanii gara bulchaa Philaaxoos Pheenxanichaatitti dabarsanii kennan.


Du'uu Yihuudaa Yesuusiin Dabarsee Kennee

3 Hennaa san Yihuudaan isa dabarsee kenne akka isatti murteeffame argee gaabbee, birrii soddomaa san bulchaa gadootaatii fi manguddootaa deebisee,

4 «Ani dhiiga nama Woyyu'uu dabarsee waan kenneef yakkeera» isaaniin jedhe. Isaan ammoo, «Maaltu nu dhibe ree? Hajaa keeti!» jedhaniin.

5 Yihuudaan birrii mana woyyuu keessatti gatee, deemee uf hudhee du'e.

6 Bulchoonni gadootaa birrii san fuudhanii, «Birriin kun gatii dhiigaa waan ta'eef, kennaa Mana Woyyu'uutitti makuun seeraa miti» jedhan.

7 Isaan mari'atanii namicha faara dhayu irraa lafa awwaala keessummootaa bitaniin.

8 Sababa kanaaf lafti sun haga adhaa, «Lafa dhiigaa» jedhamte.

9 Hennaa san wonti dubbii Ermiyaasiitiin isaan birrii soddoma akka gatii isaa taatuuf ijoolleen Israa'elii gariin salla'anii fuudhanii,

10 Akkuma Gooftaan ajajetti gatii lafa namicha faara dhayuuti jedhee dubbate sun raawwatame.


Yesuus Philaaxoosiin Afoo Dhiyaate
( Mar. 15:2-5 ; Luq. 23:3-5 ; Yoh. 18:33-38 )

11 Yesuusillee bulchaa afoo dhaabate; bulchaanillee, «Ati mootii Yihuudotaatii?» jedhee isa gaafate. Yesuus, «Maarre atuu jette» jedheen.

12 Bulchoonni gadootaatii fi manguddoonnillee hennaa isa himatan womaa isaanitti hin deebifne.

13 Hennaa san Philaaxoosi namni hagamii akka sitti rageesse hin dhageettuu? jedheen.

14 Inni waan tokkollee hin deebifneef; Kanaafuu bulchaan guddisee maalale.

15 Hennaa ayyaanaa san mootiin biyyaa nama hidhame ka baniin jaalatu tokko isaanii hiikuu aadaa qaba.

16 Hennaa san nama dharaan beekkamu ka Baarbaan jedhamu tokko mana hidha'aa keessa jira.

17 Isaan walgayanii uduu jiran Philaaxoos, «Eennuun isinii hiika? Baarbaaniin moo Yesuusii Kiristoos jedhamu?» isaaniin jedhe.

18 Inni akka hinaaffa'aan dabarsanii isa kennan waan beekuuf.

19 Uduu inni teessoo murti'ii irra taa'eeru, haati manaa isaa waan isaatiif adha eebju'uun rakkoo gudda'atu narra gayeera. Nama qajeelaa kana womaa hin godhin jettee isatti ergite.

20 Bulchoonni gadootaatii fi manguddoonni Baarbaaniin akka isaanii hiikaniif Yesuusiin ammoo akka ajjeessisaniif gumii shelatan.

21 Bulchaanillee deebisee, «Lamaan keessaa eennuun akka isinii hiiku feetan» isaaniin jedhe. Isaanillee, «Baarbaaniin nuu hiiki!» jedhan.

22 Philaaxoos eegasuu, «Yesuus Kiristoos ka jedhamu maal haa godhu ree?» isaaniin jedhe. Isaan martinuu, «Inni haa fannifamuu!» jedhan.

23 Bulchaan wonti inni godhe, balleessaan isaa maali'i? jedhe. Isaan ammoo haa fannifamuu jedha'aa iyya'aa guddisanii wocan.

24 Philaaxoos booressuu ta'a malee womaa godhuu akka hin dandeenne haga arge, bisaan fudhateeti, dhiiga nama qajeela'aa kana irraa ani qulqullu'u; isintu itti gaafatama jedhee, gumii afo'otti harka ufii dhiqate.

25 Gumiin martinuu deebisanii, «Dhiinni isaa nu'uu fi ijoollee teenna irra haa ta'uu» jedhan.

26 Achiin maayessa inni Baarbaaniin isaanii hiikee, Yesuus ammoo tumamee akka fannifamu dabarsee kenneen.

27 Hennaa san hidhattoonni bulcha'aa, Yesuusiin gara dallawa bulcha'aa geessanii, hidhattoota maraa isa biratti wolitti qaban.

28 Uffatallee isa irraa mulqanii uffata diimaa itti uwwisan.

29 Gaalee qoree irraa Korbobboo maranii mataa isaa irra kaayan. Ulee harka mirgaatiin qabsiisanii, afoo isaatitti jilbiiffatanii, «Mootii Yihuudi'ii, nageenni siif haata'u!» jedha'aa itti balda'aa,

30 Itti tufan, uleellee harkaa fuudhanii mataa keessa dhayan.

31 Haga itti baldaniin maayessa, uffata diimaa irraa mulqanii uffata isaa itti uwwisanii fannisu'uuf achi fidan.


Yesuus Fannifame
( Mar. 15:21-32 ; Luq. 23:26-43 ; Yoh. 19:17-27 )

32 Hennaa bayan namicha Simoon jedhamu ka biyya Qareena'aa arganii, fannoo Yesuusii akka baatu hunnaan isa giddisiisan

33 Isaan hulee golgootaa jedhamtu dhufan; «Golgootaa» jechuun «Hulee buqqee mata'aa» jechu'u.

34 Daadhii woyini'ii ka hadhooftu'uun makame haa dhugu'uuf kennaniif. Afaaniin qabee dhuguu jibbe.

35 Haga fannisaniin maayessa uffata isaatitti hiree hixaa buusanii qoodaman.

36 Achuma taa'anii eega'aa turan.

37 Isaan barreeffama ittiin isa himatan, «Yesuusiin kun mootii Yihuudi'iiti» jedhu, mataa isaa gubbaa kaayan.

38 Hennaa san shiftoonni lamaa tokko mirgaan, tokko bita'aan isa woliin fannifaman.

39 Worri isa bira lufanillee mataa ufii sochoosa'aa arrabsa'aanii turan.

40 «Ati ka mana woyyuu diiddee guyyaa sadihitti ijaartu, mee uf fayyisi. Ilma Rabbii yoo taate mee fannoo irraa gadi bu'i.» jedhaniin.

41 Akkasuma bulchoonni gadootaa, barsiisonni Seeraatii fi manguddoota woliin itti balda'aa akkana jedhan.

42 «Inni kaawwan fayyiseera; uf fayyisuu hin danda'u. Inni mootii Israa'elii yoo ta'e, mee amma fannoo irraa gadi haa bu'uu; nullee itti amannaa.

43 Rabbitti amanateera, ‹Ani Ilma Rabbiiti› waan ufiin jedheeruuf, yoo jaalateen mee amma Isa haa oolchuu» jedhan.

44 Akkasuma shiftoonni isa woliin fannifamanillee isa arrabsan.


Du'uu Yesuusii
( Mar. 15:33-41 ; Luq. 23:44-49 ; Yoh. 19:28-30 )

45 Sa'aatii jahaa irraa jalqabee haga sa'aatii sagalii biyyi martuu hin dukkanoofte.

46 Gara sa'aatii sagaliititti Yesuus, «Elohee, Elohee, lamaa sabaktanii?» jedhee laagaa gudda'aan iyye. Akkas jechuun, «Rabbii kiyya, Rabbii kiyya, maaf na dhiifte?» jechu'u.

47 Namoonni achi dhaabatan dhagayanii, «Namichi kun Eliyaasiin waamata'aara» jedhan.

48 Yomasan isaan keessaa tokko fiigee dhufee, carqii qaccee ule'eetitti hidhee dhangaggooftuu keessatti cuuphee, akka afaan isaatitti coccophu godhe.

49 Kuuwwan ammoo dhiisanii, «Dhiisi mee! Eeliyaas dhufee akka isa fayyisu arginaa!» jedhan.

50 Yesuusillee lammaffaa laagaa gudda'aan iyyee lubbuu ufii kenne.

51 Golgi mana woyyuu olii haga gadii bakka lammatti biinxame Lafti hin sochoote, Dhagaanillee hin babbaqaqe;

52 Awwaallan hin banaman; worra amanta'aan woyyoomanii du'anii turan keessaa, hedduun isaanii fooniin ka'an.

53 Du'aa ka'insaan maayessa awwaallan keessaa bayanii, heddu isaanii gara qachaa woyyiti'ii galanii, namoota heddutti mudhatan.

54 Ajajaa loltoota dhibbaatii fi worri isa woliin Yesuusiin eega'aa turan, raafamaaf sochii ta'e arganiiti, «Kun dhugamaan Ilma Rabbiiti» jedhanii guddisanii sodaatan.

55 Worri Yesuusiin tajaajila'aa Galiilaa irraa isa faana deeman dubartoonni heddu fago'oo hennaa laalan isaan achuma jiran.

56 Isaan keessaa Maariyaam ta biyya Magidala'aa, Maariyaamii haadha Yaaqoobiitii fi haadha Yoosaa, Maariyaamii haadha ijoollee Zabdewoosii fa'atu ture.


Yesuus Awwaalame
( Mar. 15:42-47 ; Luq. 23:50-56 ; Yoh. 19:38-42 )

57 Hennaa galgalaaye, Namichi dureessi Yooseef jedhamu tokko qachaa Armaatiya'aatii achi dhufe; innillee akkasuma darasaa Yesuusii ture.

58 Innillee gara Philaaxoosii dhaqee reeffa Yesuusii kadhate. Philaaxoosillee akka kennaniif ajaje.

59 Yooseefillee reeffa isaa fuudhee woccuu qulqullu'uun sattare.

60 Awwaala dhaga'aa ka goda keessatti ufiif bocate keessa kaayee dhagaa gudda'aan balbala awwaalaa cufee deeme.

61 Maariyaamiin biyya Magidala'aatii fi Maariyaamiin lammaffaan achi kolba awwaalaa afoo taa'anii turan.


Worra Goda Awwaalaa Eegu

62 Ganama guyyaa qophi'iitiin maayessa bulchoonni gadootaatii fi Fariisoonni Philaaxoosiin biratti wolgayaniit,

63 «Gooftaa'a, dogoggorsaan sun uduu lubbu'uun jiru, ‹Guyyaa sadihiin maayessa hin ka'a› akka jedhe qaabanne.

64 Eegasuu darasoonni dhufanii halkan hatanii, gumi'iin, ‹Inni du'aa ka'e› akka hin jenne; dogoggorri maayessaa ka duraa caalaa hamaa waan ta'uuf awwaala haga guyyaa sadihii jabaatanii akka eegan ajaji jedhaniin

65 Philaaxoosillee, «Worra eegu hin qabdanii dhaqa'aatii akka beettanitti eessisaa'a» isaaniin jedhe.

66 Isaanillee deemanii worra eegan woliin dhaqanii dhagaa awwaalaa irratti chaappeessanii eessisan.

Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.

Bible Society of Ethiopia
Lean sinn:



Sanasan