Wongeela Maatewos 23 - WAADAA LAMMATAAYesuus Barsiisota Seeraatii Fi Fariisota Irraa Uf Eeggachiise ( Mar. 12:38-39 ; Luq. 11:43-46 ; 20:45-46 ) 1 Achiin maayessa Yesuus Gumi'ii fi darasoota ufiitiin akkana jedhe, 2 «Barsiisonni Seera Muuse'eetii fi Fariisonni teessoo Muuse'ee irra taa'aniiran. 3 Maarre waan isaan isin ajajan maraa godhaa'a, eega'alle'e; haata'uu ammoo, isaan waan barsiisanuu waan hujii irra hin oolchineef, akka isaan hujan hin hujinaa'a. 4 Isaan ba'aa ulfaataa fi ka baadhachuuf hin danda'amne hidhanii gurmuu nama biraa irra kaayan; ufii ammoo qubaanuu tuquu hin fedhan. 5 Namatti uf mudhisu'uuf jedhanii hujii isaanii maraa hojjatan. Qudhaama jechoonni barreeffama Woyyuu keessa jiru, ka addaa fi irree ufii irratti hidhatan babadhisanii qudhaamatan; handaara uffata uffatanii faateffatanillee hin dheereffatan. 6 Lafa cidhaatitti hulee ulfinnaa, mana woyyuu Yihuudotaa keessatti barcumaa ulfinaa, 7 Hulee gabaya'aatitti nagaya ulfinnaa akka isaan gaafatanii fi gumiin ‹Barsiisaa'a› jedhanii akka isaan waaman jaalatan. 8 Isin barsiisaa tokko waan qabdanii fi isin martinuu obboleeyyan waan taataniif, ‹Barsiisaa'a› jedhamtanii hin waamaminaa'a. 9 Isin Abbaa tokkocha Sami'itti waan qabdaniif, biyya lafaa irratti eennuunillee ‹Aabbaa› jettanii hin waaminaa'a. 10 Hayyuun keessan Kiristoosii tokkocha waan ta'eef, ‹Hayyuu› jedhamtanii hin waamaminaa'a. 11 Isin keessaa isin maraa ka caalu hojjataa keessan haa ta'u. 12 Namni boonu maruu hin salphata. Namni gad uf qabu maruu hin kabajjama.» Yesuus Kijiba Isaaniitiif Yakka Itti Mure ( Mar. 12:40 ; Luq. 11:39-42 , 44 , 52 ; 20:47 ) 13 Yesuus, «Barsiisota seera Muuse'eetii fi Fariisota fakkeessitoota! Isin balbala jeennata sami'ii namatti waan cuftaniif isin aanne'e! Isin hin galtan, worra itti galanillee akka itti hin galle dhooggitan. [ 14 Isin fakkeessitota barsiisota Seera Muuse'eetii fi Fariisoota faatee dheeressu'uun sababdanii mana haadha hiyyeeyyi'ii irraa waan nyaattaniif isinii aanne'e! Kanaafuu murtii guddaa argattan.] 15 Isin barsiisoota Seera Muuse'eetii fi Fariisoota fakkeessitoota! Isin aanne'e! Nama tokko amantii Yihuudotaa fudhachiisu'uuf galaanaa fi lafa irra asii fi achi deddeemtan, isin nama fudhate san dachaa lama isin caalaa ilma asaabaa waan isa gootaniif isin aanne'e! 16 «Bulchoota balloota, isin aanne'e! Isin, ‹Namni tokko yoo mana woyyu'uutiin kakate, kakuun sun isa hin geettu, namni tokko yoo worqii mana woyyu'uutiin kakate, kakuun sun isa geetti› jettan. 17 Isin gowwootaa fi balloota! Worqi'i moo mana woyyuu ka worqii woyyoomsutu caala? 18 Isin, ‹Namni mi'a kennaa Rabbii ittiin dhiyeessuun yoo kakate, kakuun sun isa hin geettu; haata'uu ammo, namni kennaa irra jiruun yoo kakate, kakuun sun isa geetti› jettan. 19 Isin ballaa attamii ti! kennaa mo'o mi'a kennaa woyyoomsutu caalaa? 20 Maarre namni mi'a kenna'aatiin kakatu marti, mi'a kenna'aatii fi waan isii irra jiru maraan kakata; 21 Ka mana woyyu'uun kakatu isaa fi ka isa irra jiruun kakata. 22 Namni sami'iin kakatullee, teessoo Rabbiitii fi ka teessoo san irra taa'eeruun kakatan. 23 Isin, Barsiisota Seeraatii fi Fariisota fakkeessitoota! Isin aanne'e! Isin urgoo gurraattii, daalattii, Sokorataa fi daraaraa caarotaa keessaa kurnaffaa hin kennitan, haata'uu ammoo waan ijoo Seera keessatti argamu hin dhiiftan; wonti kunniinillee murtii dhuga'aa, dhiifamaa fi amanamumma'a; isin kaawwanillee uduu hin dhiifne, waan kanniinillee godhutu isin barbaachisa. 24 Isin bulchoota balloota! Isin waan dhuddan keessaa bookee hin dhimbiibdan, gaala ammo hin liqimsitan. 25 Barsiisota Seeraatii fi Fariisota fakkeessitoota! Isin aanne'e! miju'uu fi qorii gubbaa hin qulqulleessitan, keessi ammo saamichaa fi dondhumma'aan guuttameera. 26 Ati Fariisicha ballaa'a! gubbaan isaa akka bareedu, dura dursiitii keessa qori'iitii fi sabaree qoraasi. 27 «Isin Barsiisota Seeraatii fi Fariisota fakkeessitoota! gubbaan keessan bareedee mudhata, keessi keessan ammo awwaala noora'aan dibame, lafee worra du'eetii fi waan battii maraan guuttame waan fakkaatuuf isin aanne'e! 28 Akkasuma isinillee gubba'aan worra biraatiif qajeellota fakkaattan, Keessi keessan ammo uf tuulumma'aa fi hammeennaan guuttameera. Yesuus Waan Adaba Isaan Irra Gayu Dubbate ( Luq. 11:47-51 ) 29 «Barsiisota Seeraatii fi Fariisota fakkeessitoota! Isin aanne'e! Waan awwaala raattotaa ijaartanii fi awwaala qajeellotaallee bareechiftaniif. 30 Isin, ‹Bara abbootii teennaa uduu jiraannee, nu dhiiga raattotaa dhangalaasuu keessatti isaan woliin hin hirmaanne waan jettaniif›, isin aanne'e! 31 Akkasiin isin ilmaan worra raattota ajjeesee akka taatan uf irratti ragaa baatan. 32 Isinillee akkasuma hujii cubbuu abbootii teessanii guuta'aa fixaa'a. 33 Isin bofa, ijoollee buuti'ii murtii asaabaa jalaa attamiin baatan? 34 Kanaafuu Raattotaa fi ogeeyyii barsiisota Seera Muuse'eellee gara keessan erga. Isin isaan keessaa garii hin ajjeeftan, kaan hin fanniftan, worra kaawwanillee mana Yihuudonni wolitti qabaman keessatti dhaantanii qachaa irraa gara qacha'aa ariitan. 35 Dhiiga Aabeelii nama qajeela'aa irraa jalqabee haga dhiiga Zakkaariyaasii ilma Baraakiyuu isa isin mana woyyu'uu mi'a kenna'aa irratti ajjeeftan, dhiiga qajeellotaa ka lafatti jige maraafuu hin gaafatamtan. 36 Ani dhugamaan isiniin jedha, wonti kun maruu dhaloota bara kanaa irratti hin ta'a» jedhe. Yesuus Yerusaalemiif Gadde ( Luq. 13:34-35 ) 37 Yesuus ammallee, «Ee! Yeruusaalem, Yeruusaaleem, qachaa raattota ajjeeftuu fi worra gara kee ergame dhaka'aan tumtu! Akka lukkuun ilmoolee ufii koola ufii jalatti wolitti qabattu, anillee hennaa meeqa ijoollee tee wolitti qabuu barbaade; isin ammo hin diddan. 38 Kunoo, manni keessan ona ta'ee hafe. 39 Ani akkana isiniin jedha, ‹Ka maqaa Goofta'aatiin dhufu, ka eebbifame› haga jettanitti ammaa achi deebitanii na hin argitan» jedhe. |
Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.
Bible Society of Ethiopia