Wongeela Maatewos 22 - WAADAA LAMMATAAMammaaka Waan Fuudhaa Fi Heerumaa ( Luq. 14:15-24 ) 1 Yesuus ammallee deebisee mammaakaan akkana jedhee isaanitti hime. 2 «Jeennanni sami'ii mootii ilma ufiitiif cidha godhe tokko fakkaatti. 3 Worri gara cidha fuudhaa fi heerumaa waamame akka dhufu itti himu'uuf, mootiin sun hojjattoota ufii erge; Isaan ammo dhufuu didan. 4 Deebi'ee hojjattoota biraa erge; ‹Worra waamamaniin: Kunoo, cidha kiyya ka fuudhaa fi heerumaa qopheesseera, kormaa fi horiin coomnillee qalameera. Maruu qophaayeera gara cidha fuudhaa fi heerumaa koottaa jedha'aatii itti himaa'a› jedhe. 5 Worri waamaman sun ammoo lash jedhanii, tokko gara qonna ufii, kuun gara daldala ufii deeme; 6 Worri hafan ammoo hojjattoota isaa qabanii akka malee rakkisanii isaan ajjeesan. 7 Mootiinillee lolee, loltoota ergee worra lubbuu namaa ajjeese sanniin fixe. Qachaa sanillee hin gube. 8 Achiin maayessa hojjattoota ufiitiin, ‹Ciini qophaayeera, worri waamaman ammo worra cidha kanaaf malee miti. 9 Eegasuu gara karaa qaxxaamuraa dhaqa'aatii, nama argitan maraa gara cidhaa waama'a› jedhe. 10 Hojjattoonni isaa sunniin gara kara'aa bayanii nama argan maraa worra hama'aa fi mishaallee wolitti qaban. Namnillee mana cidhaa ol guute. 11 «Mootichi namoota taa'an laalu'uuf hennaa seene ammoo, nama uffata cidhaa hin uffanne tokko achitti arge. 12 Namichaan, ‹Jaalalloo kiyya attamitti uffata cidhaa uduu hin uffanne asi seente?› jedheen. Innillee hin cadhise 13 Mootiin sun hennaa san tajaajiltoota ufiitiin, ‹Harkaa fi luka isaa hidha'aatii gara dukkanaatitti gad baasaa'a. Achi booyu'uu fi ilkaan qaru'utu jira› jedhe. 14 Worri waamaman heddu, worri filataman ammo hago'o» jedhe. Gaafii Waan Kaffaltii Gibiraa ( Mar. 12:13-17 ; Luq. 20:20-26 ) 15 Kanaafuu Fariisoonni deemanii attam godhanii dubbi'iin akka isa qaban mari'atan. 16 Darasoota isaallee worra gosa Heroodisii woliin itti ergan. Isaanillee, «Barsiisaa'a, akka ati dhugaa taate dhugamaan karaa Rabbii akka barsiiftu hin beenna. Fuula namaa laala'aa eennuunillee wol hin caalchiftu. 17 Eeganaa Maal sitti fakkaata? Mootii Qeesaariitiif gibira kaffaluun seera moo seeraa miti? mee nutti himi!» jedhaniin. 18 Yesuus ammoo, hammeenna isaanii beekee, «Isin fakkeessitoota maaf haga kiyya na laaltan? 19 Birrii gibiraa mee natti mudhisaa'a» jedhe. Isaanillee santibii tokko itti fidan. 20 Innillee, «Fakiinii fi maqaan kun ka eennuu ti?» jedhee isaan gaafate. 21 Isaan deebisanii, «Ka mootii mootota biyya Rooma'aa ti» jedhaniin. Achiin maayessa inni, «Kanaaf, waan mootii moototaa mootii moototaatiif, waan Rabbii Rabbiif kennaa'a» isaaniin jedhe. 22 Isaanillee kana dhagayanii maalalanii isa dhiisanii deeman. Gaafii Waan Du'aa Ka'iinsaa ( Mar. 12:18-27 ; Luq. 20:27-40 ) 23 Hennaa san worri Saduqootaa ka du'aa ka'insi hin jiru jedhan gara isaa dhiyaatanii akkana jedhanii isa gaafatan. 24 «Barsiisaa'a, Muuseen, ‹Namni tokko uduu hin uumanne yoo du'e, obboleessi isaa haadha manaa obboleessa du'ee san dhaalee, fiixaa obboleessa ufiitiif haa dabarsuu› jedhe. 25 Ilmaan haadhaa torbaa takkatu nu woliin ture. Ka hangafaa haadha manaa fuudhee uduu hin uumanne du'e, ka lammaffa'aallee isii dhaalee, uduu hin uumanne du'e. 26 Sadaffa'aa haga torbaffa'aatitti isii dhaalanii uduu ijoollee hin uumatin irraa du'an. 27 Kanniin maraan maayessa isiinillee hin duute. 28 Waan isaan martinuu isii fuudhaniiraniif gaafa du'aa ka'iinsaa torban keessaa kamiif haadha manaa taati?» 29 Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe, «Kitaabotaa fi hunna Rabbii waan hin beenneef, isin hin dogoggortan. 30 Du'aa ka'u'uun maayessa akka Maleekkota Rabbii ta'an malee, hin fuudhan hin heeruman. 31-32 Waan du'aa ka'uu worra du'ee, waan Rabbii isiniin jedhe isin hin dubbifnee? Inni, ‹Ani Waaqa Abrahaamii, Waaqa Yisihaaqiitii fi Waaqa Yaaqoobii ti› jedheera. Inni Waaqa worra jiraattotaati malee, Waaqa worra du'ootaatii miti.» isaaniin jedhe. 33 Gumiinillee barumsa isaa kana dhagayanii maalalan. Ajaja Guddicha ( Mar. 12:28-34 ; Luq. 10:25-28 ) 34 Fariisonni akka inni Saduuqota cadhisiise hennaa dhagayan wolgayan. 35 Isaan keessaa, namichi Seera Muuse'ee beeku tokko, isa qoratu'uuf jedhee, 36 «Barsiisaa'a, Seera keessaa ajanyi guddaan kam?» jedhee isa gaafate. 37 Yesuus deebisee, « ‹Waaqa Gooftaa kee, garaa kee guutu'uun, lubbuu tee guutu'uun, qalbii tee guutu'uun jaaladhu›. 38 Ajanyi guddaan duraa kana. 39 Lammaffaanillee kanuma fakkaata: ‹Obboleessa kee akka lubbuu teetiititti jaaladhu› ka jedhu. 40 Ajajuma lamaan kana irratti Seerrinii fi barsiifni raattotaa martinuu hundeeffamaniiran» jedhe. Gaafii Waan Kiristoosii ( Mar. 12:35-37 ; Luq. 20:41-44 ) 41 Uduu Fariisonni wolgayanii jiran. 42 Yesuus, «Wonti Kiristoosii maal isinitti fakkaataa? Inni ilma eennuuti?» jedhee isaan gaafate. Isaan, «Ilma Daawitiiti» jedhaniin. 43-44 Yesuus, «Attamiin Daawiti hunna Ayyaana Woyyu'uutiin masakkamee ‹Gooftaa'a› jedha'aa isa waama, ‹Rabbi Gooftaa kiyyaan, haga ani diinota kee luka kee jala sii galchutti, Mirga kiyya taa'i› jedheen yoo jedhu Ayyaanaan Gooftaa jedhee isa waama'aaraa? 45 Yoo Daawiti Gooftaa jedhee isa waame, attamitti Inni ilma isaa ta'a ree?» isaaniin jedhe. 46 Namni tokkochi deebii isaa deebise hin jiru. Gaafa san irraa kaasee lamuu eennullee uggee hin gaafanneen. |
Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.
Bible Society of Ethiopia