Wongeela Maatewos 20 - WAADAA LAMMATAAMammaaka Waan Hojjattoota Maasaa Woyni'ii 1 «Jeennanni sami'ii nama maasaa woyinii ufiitiif hojjattoota qaxaru'uuf obboro'oon baye fakkaatti. 2 Saantimii guyyaa tokkootiin haga wolii galeen maayessa gara maasaa woyinii ufiititti isaan erge. 3 Sa'aatii sadihitti bayee worra hujii hin qabne namoota biraa ka raasaa dhaabata'aaran arge; 4 Innillee isaaniin, ‹Maasaa woyinii kiyyaa dhaqa'aatii hojjadhaa'a! Waan isin barbaachisu ani isinii kennaa.› isaaniin jedhe. Isaanillee achi dhaqan. 5 Inni gara sa'aatii jahaatii fi gara sa'aatii sagaliitittillee bayee akkasuma godhe. 6 Gara sa'aatii kudha tokkootitti bayee namoota biraa ka dhaabataniiran argee, ‹Guyyaa guutuu hujii malee maaf as dhaabattan?› isaaniin jedhe. 7 Isaanillee ‹Nama nu qaxaru waan dhabneef as dhaabata'aarra› jedhaniin. ‹Inni ammo gara maasaa woyinii kiyyaa dhaqa'aa hujaa'a; waan isin gayu argatanii.› isaaniin jedhe. 8 Hennaa aduun dhiite, Abbaan maasaa woyinii sanii, ajajaa hojjattootaatiin, ‹Hojjattoota waamiitii, worra maayessa qaxarame irraa haga worra dura qaxarameetitti, mindaa isaanii kaffaliif.› jedheen. 9 Worri gara sa'aatii kudha tokkoffa'aatitti hujii galanillee dhufanii, marti isaaniituu mindaa guyyaa tokkoo fudhatan. 10 Worri duraan qaxaraman hennaa dhufan, isaan caalaa guddaa waan fudhatan seeyanii; isaanillee ammo mindama guyyaa tokkoo fudhatan. 11 Haga fudhataniin maayessa abbaa maasaa woyini'ii irratti guunguman. 12 ‹Hojjattoonni duubarra qaxaraman sa'aatii tokko calaa hujan, ati ammoo nu worra aduu keessatti gubbata'aa dadhaba'aa oolleen nuun wolqixxeessita› jedhanii abbaa maasaa woyini'iititti guunguman. 13 Inni deebisee isaan keessaa tokkochaan akkana jedhe, ‹Jaalalloo kiyya si hin yakkine, gatii guyyaa tokkootiin wolii hin gallee? 14 Ani ka maayessa kanaallee akkuma sii kenne kennu'uufii fedha; gayaa kee fudhadhuutii deemi; ani horii kiyyaan waan fedhe godhuu hin danda'uu? 15 Yookiin ati waan ani arjoomeef hinaaftaa?› jedhe. 16 Achiin maayessa Yesuus, «Worri maayessaa afoo, worri afo'oo maayessa ta'an worri waamame heddu, worri filatame ammo hago'o.» jedhe. Yesuus Waan Du'aa Fi Du'aa Ka'uu Ufii Hennaa Sadaffaa Dubbate ( Mar. 10:32-34 ; Luq. 18:31-34 ) 17 Yesuusillee gara Yeruusaaleemii uduu deema'aaru karaa irratti hojja isaanii darasoota gara ufii waamee, 18 «Kunoo, nu gara Yeruusaaleemii baya'aarra. Ilmi namaa bulchoota gadootaatii fi barsiisota seeraatitti dabarfamee kennama. Isaanillee murtee du'aa itti murteessan. 19 Achiin maayessa isaan itti baldan, hin dhaanan, akka isa fannisaniif worra Yihuudota hin ta'initti dabarsanii isa kennan. Guyyaa saddaffa'aatitti du'aa hin ka'a.» isaaniin jedhe. Kadhaa haadha Ilmaan Zabdewoosii ( Mar. 10:35-45 ) 20 Achiin maayessa haati ijoollee Zabdiwoosii ijoollee ufii woliin gara Yesuusii dhuftee, isa afo'otti jilbiiffattee, waan tokko akka godhuuf isa kadhatte. 21 Yesuus, «Maal barbaadda?» jedhe. Isiinillee, «Ijoollee tiyya lamaan tanniin jeennata kee keessatti tokko mirgaan tokko bita'aan akka taa'an naa godhi.» jetteen. 22 Yesuus ammo deebisee, «Isin waan kadhattan hin beettan. Mijuu rakko'oo ta ani dhugu'uuf ta'u dhuguu, cuuphama ani cuuphamu'uuf ta'u cuuphamuu dandeettuu?» jedhe. Isaanillee, «Ee hin dandeenna.» jedhaniin. 23 Yesuusillee, «Mijuu ani dhugu ima dhuddan, cuuphaa ani cuuphamullee ima cuuphamtan. Haata'uu ammoo mirga kiyyaa fi bitaa kiyya ka teessisu anaa miti; huleen kun ka worra qophaayeef kennamu.» isaaniin jedhe. 24 Darasoonni kudhanii waan kana hennaa dhagayan, obboleeyyan lamaan sanitti aaran. 25 Yesuus ammo gara ufii isaan waamee akkana isaaniin jedhe, «Bulchoonni worra Yihuudota hin taane worra bulchan irratti guggurdonni worra isaan bulchan irratti baallii qaban akka mudhisan hin beettan. 26 Isin biratti akkasii mit. Haata'uu ammoo isin keessaa guddaa ta'uu ka fedhu hojjataa keessan haata'uu. 27 Isin keessaa afoo ta'uu ka fedhu, hojjataa keessan haa ta'uu. 28 Akkasuma Ilmi Namaa lubbuu ufii kennee nama maraa furu'uuf dhufe malee, isaaf haa hojjataniif hin dhufne» jedhe. Yesuus Ballaa Lamaan Fayyise ( Mar. 10:46-52 ; Luq. 18:35-43 ) 29 Yesuus Iyyaariko'oo bayee hennaa deemu, gumiin hedduu isa faanaa deeman. 30 Namoonni ballaan lamaan uduu karaa irra taa'aniiran, Yesuus karaa san irra akka lufa'aaru dhagayanii, «Gooftaa, Ilma Daawitii nu fayyisi» jedha'aa iyyan. 31 Gumiin akka isaan cadhisan teedeffatan; isaan ammoo ittuma caalchisanii laagaa gudda'aan, «Gooftaa'a, Ilma Daawitii, nu fayyisi» jedha'aa iyyan. 32 Yesuus dhaabatee isaan waamee, «Maal akka isinii godhu barbaaddan?» jedhe. 33 Isaan deebisanii, «Gooftaa'a, ijji teenna akka banamtu barbaanna» jedhaniin. 34 Yesuus waan isaan garaa isa nyaataniif, ija isaanii qaqqabe. Yoma san ijji isaanii banamtee, isaanillee isa faanaa deeman. |
Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.
Bible Society of Ethiopia