Wongeela Maatewos 19 - WAADAA LAMMATAAYesuus Abbaan Manaatii Fi Haati Manaa Akka Wol Hin Hiinne Barsiise ( Mar. 10:1-12 ) 1 Yesuus waan kana haga raawwateen maayessa Galiilaa deemee, gara godina Yihuuda'aa Yoordaanosiin gama dhaqe. 2 Gumiin hedduu isa faana deeman, Innillee achumatti isaan fayyise. 3 Worri Fariisotaa gariin gara Yesuusii dhufanii, isa qoru'uuf, «Namni tokko sababaa kamiinuu haadha manaa ufii gadi dhiisuun seeraa?» jedhanii isa gaafatan. 4 Yesuus deebisee, «Rabbi jalqaba, ‹Dhiiraa fi dubartii› taasisee isaan uume.» 5 « ‹Kanaafuu namni abba'aa fi haadha ufii hin dhiisa, haadha manaa ufiitiin wol ta'a; lamaanuu foon tokko ta'an› ka jedhu hin dubbifnee? 6 Maarre isaan ammaa achi foon tokko malee, lamaa miti. Kanaaf waan Rabbi tokko godhe namni addaan hin baasin.» jedhe. 7 Isaanillee, Eegasuu Muuseen, «Abbaan manaa woraqata hiikka'aa kenneefii akka isii hiiku, maaf ajaje ree?» jedhaniin. 8 Yesuus deebisee, «Sababa mata-jabeenna keessaniitiif Muuseen akka isin haadha manaa teessan hiittan isin hoffolche malee, Duri ammoo akkasii miti jedheen. 9 Ani ammoo akkana isiniin jedha, yoo isiin seebarte malee, namni haadha manaa ufii hiikee ta biraa fuudhu maruu, hin seebara» isaaniin jedhe. 10 Darasoonni isaa deebisanii, «Wonti abbaa manaatii fi haadha manaa akkana yoo ta'e, fuudhaa fi heeruma dhiisuu woyya.» jedhaniin. 11 Yesuus deebisee, «Wonti kun worra kennameef malee, nama maraafii miti.» 12 «Gadaamessa haadhaa keessatti hormaata dhalootaa uduu hin qabaatin worri dhalatan hin jiran. Gariin ka harka namaatiin muramellee hin jira. Worri jeennata sami'iitiif jedhanii akka hormaata dhalootaa hin qabnee uf godhanillee hin jiran. Ka akkas ta'uu barbaadu haa ta'uu» isaaniin jedhe. 13 Achiin maayessa harka isaan irra kaayee akka kadhatuuf daa'imman gara isaa fidan. Darasoonni isaa ammoo daa'imman teedeffatan. 14 Yesuus ammoo, «Jeennanni sami'ii ka worra akkasii waan taateef ijoolleen gara kiyya haa dhufanii hin dhoogginaa'a» jedhe. 15 Innillee harka ufiitiin ijoollee qaqqabee achii ka'ee deeme. 16 Achiin maayessa namni tokko gara Yesuusii dhufee, «Barsiisaa'a, jireenna bara baraa argachuuf, wonti mishaan ani godhuu na barbaachisu maali'i?» jedheen. Gaafii Dargaggeessa Dureessaa ( Mar. 10:17-31 ; Luq. 18:18-30 ) 17 Yesuus deebisee, «Waan hujii misha'aa maaf na gaafatta? Mishaan tokkochuma; jireenna sanitti galuu yoo feete ammoo, ajaja eegi» jedheen. 18 Dargaggeessillee, «Ajaja kamiin?» jedheen. Yesuus deebisee, « ‹Hin ajjeesin; hin seebarin; hin hatin; dharaan ragaa hin bayin; 19 Abbaa fi haadha tee kabajji; goshoo kee akka uf jaalattutti jaaladhu› ka jedhu sanniin fa'a» jedheen. 20 Dargageessillee deebisee, «Ani seerota kana maraa daa'imummaa kiyya irraa jalqabee eegeera. Amma ammoo maaltu narraa dhidhata? jedheen. 21 Yesuus deebisee, guutuu ta'uu yoo feete, deemii, waan qabdu maraa gurgurii birrii hiyeeyyi'ii kenni; samii irratti durummaa argattaa; achiin maayessa koottuu, na faana deemi» jedheen. 22 Dargaggeessi sun dubbii kana hennaa dhagaye, qabeenna hedduu waan qabuuf, gadda'aa deeme. 23 Achiin maayessa Yesuus darasoota ufiitiin, «Ani dhugamaan isiniin jedha, dureeyyiin jeennata sami'iititti galuun guddisee rakkisa'a. 24 Ammallee ani isinitti hima, dureessi jeennata Rabbii galuu irra, gaalli qaawa Limmo'oo keessa hulluuqu'utu salphata» jedhe. 25 Darasoonni isaa hennaa waan kana dhagayan, guddisanii maalalanii, «Eegasuu eentu fayyuu danda'a ree?» jedhan. 26 Yesuusillee gara isaanii laalee, «Wonti kun namaaf hin danda'amu, Rabbiif ammoo maruu hin danda'ama» isaaniin jedhe. 27 Achiin maayessa Pheexroos deebisee, «Kunoo nu woma maraa dhiifnee si faanaa deemneerra, eegasuu nu maal arganna ree?» jedheen. 28 Yesuusillee akkana isaaniin jedhe, «Ani dhugama isinitti hima, isin worri na faanaa deemtan biyya lafaa ta haarawa dhuftutti, Ilmi Namaa teessoo ulfinna ufii irra hennaa taa'u, isinillee ammoo teessoo ulfinnaa kudha lama irra teettanii gosa Israa'elii kudha lamatti murteessitan. 29 Namni maqaa kiyyaaf jedhee mana yookiin obboleessa yookiin obboleettii yookiin Abbaa yookiin haadha yookiin Ijoollee yookiin qonna ufii dhiise maruu, dachaa dhibbaa hin argata; jeennatallee hin gala. 30 Haata'uu ammoo hedduun isaanii ka duraa duuba, ka maayessaa ammoo dura ta'a. |
Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.
Bible Society of Ethiopia