Wongeela Maatewos 13 - WAADAA LAMMATAAMammaaka Waan Namicha Sanyii Facaasuu ( Mar. 4:1-9 ; Luq. 8:4-8 ) 1 Guyyaa san Yesuus manaa bayee galaana Galiila'aa bira taa'e. 2 Gumiin hedduun isa biratti wolgayan; Yesuus yabala keessa seenee barsiisu'uuf taa'e; gumiin hedduu qarqara bisaanii dhaabataniiran. 3 Akkana jedheeti mammaakaan waan hedduu isaanitti himuu jalqabe, «Caqasaa'a! Namichi tokko sanyii facaasu'uuf baye. 4 Innillee uduu facaasu, sanyiin gariin karaa keessa bu'e. Simbirroonnillee dhufanii qocatanii nyaatan. 5 Sanyiin kuun lafa dhaga'aa ka biyyee guddaa hin qabne irra bu'e; Biyyee gayaa waan hin qabneef yoma san mute. 6 Hennaa aduun itti baate ammoo qoortee; Hidda gad fagaate waan hin qabneef godde. 7 Sanyiin gariin qoree keessa bu'e, qoreenillee guddatee hudheen. 8 Sanyiin kuun lafa mishaa irra bu'e, gariin dhibba, gariin jahaatama, gariin gumaa soddoma daraare. 9 Namni Gurra dhagayu qabu haa dhagayuu» jedhe. Mammaanni Maaf Akka Mammaakame ( Mar. 4:10-12 ; Luq. 8:9-10 ) 10 Achiin maayessa darasoonni gara Yesuusii dhiyaatanii, «Ati maaf mammaaka kana isaanitti mammaatte?» jedhanii gaafatan. 11 Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe, «Dhossaa jeennata sami'ii beekuun isinii kennameera. Isaaniif ammoo hin kennamne. 12 Ka qabuuf, itti eda'amee waan kennamuuf heddu ta'aaf, ka hin qabne ammoo ka qabu sunuu irraa fudhatama. 13 Wonti ani mammaaka kana isaanitti mammaakeef, waan isaan uduma laalan hin argineef, uduma caqasanuu hin dhagayan, yookiin waan hin hubanneef. 14 Maarre raanni Isaayyaas dubbate isaan irratti raawwatameera; wonti raagamellee, ‹Dhagayuu inuma dhageettan, Haata'uu ammoo hin hubattan. laaluu inuma laaltan, Haata'uu ammoo sirima hin argitan, 15 Qalbiin banii kanaa waan jabaateef, gurri isaanii hin dhagayu, Ijji isaanii dunuunfateera maarre isaan ija isaaniitiin hin argan, gurra isaaniitiinillee hin dhagayan, qalbii isaaniitiinillee hin hubatan, hin deebi'anille'e, anillee silaa isaan hin fayyisa› wonti jedhame raawwatameera. 16 Ijji teessan ammoo waan argituuf, gurri keessanillee waan dhagayuuf isin worra badhaadhe. 17 Ani dhugamaan isiniin jedha, raattonninii fi qajeellonni hedduu ka isin argitan argu'uuf hawwanii, ammoo hin argine, waan isin dhageettan dhagayu'uuf hawwanii, ammoo hin dhageenne. Hiikkaa Mammaaka Waan Namicha Sanyii Facaasuu ( Mar. 4:13-20 ; Luq. 8:11-15 ) 18 Yesuus ammallee, «Hiikkaa namicha sanyii facaasuu maal akka ta'e dhagayaa'a. 19 Namni dubbii jeennataa dhagayee yoo hubatuu baate, akka sanyii karaa keessatti facaafamtee ti. Hamtichi dhufee dubbii garaa isaa keessaa san facaafame keessaa guurata. 20 Sanyiin dhakaa irratti facaafame, akka nama dubbii dhagayee yoma san gammachu'uun fudhatuu ti. 21 Haata'uu ammoo inni hidda hin qabu, hennamaaf jabaata malee, sababa dubbii Rabbiitiif hennaa rakkinniinii fi ari'amuun dhufee yoma san gufatan. 22 Sanyiin qoree edduu bu'e sun nama dubbii dhagayu, ka ammoo yaanni adunyaa tanaatii fi jaalalli durumma'aa isa sobee dubbii Rabbii waan hin hubanneef ka sanyii hin godhanne ta'a. 23 Sanyiin lafa mishaa irratti facaafame sun ammoo, nama dubbii Rabbii dhagayee hubatu fakkaata. Innillee daraaraa hin daraara. Tokko dhibba, tokko jahaatama, tokko soddoma godhata.» Mammaaka Waan Sinaanaa 24 Yesuus mammaaka biraallee isaanitti mammaake, «Jeennanni Rabbii nama qonna isaa keessatti sanyii mishaa facaaseen wol fakkaatti. 25 Namichi sanyii facaasee biraa lixe. Hennaa namoonni rafan ammoo, diinni dhufee qamadii keessatti sinaana facaasee deeme. 26 Qamadiinillee mutee hennaa biile sinaanni ammoo hin mudhata. 27 Hojjattoonni abbaa qonnaatiin, ‹Gooftaa'a, sanyii mishaa qonna kee keessatti hin facaafnee? sinaanni kun eessaa dhufe ree?› jedhaniin. 28 Innillee deebisee, ‹Kana ka godhe diina› jedhe. Hojjattoonni, ‹Nu dhandhee uduu keessaa guurree ta'aa?› jedhaniin. 29 Inni ammoo deebisee, ‹Lakkaa'a sinaana hennaa guurtan qamadiin akka woliin hin buqqaane dhiisaa'a! 30 Haga hennaa haama'aatitti woliin haa guddatuu. Hennaa haamaan gaye, Ani worra haamuun, akka gubamuuf dura sinaana buqqisa'aa qixira qixira'aan hidhaa'a, qamadii ammoo gootaraa kiyyatti galchaa'a› jedhaan» jedhe. Mammaaka Waan Muka Heexo'oo ( Mar. 4:30-32 ; Luq. 13:18-19 ) 31 Yesuus mammaaka biraa isaanitti mammaake, «Jeennanni sami'ii nama gumaa hexoo ka namni tokko fuudhee qonna ufii keessatti facaase fakkaatti; 32 Isiin sanyii maraa irra hin diqqaatti, Hennaa guddatte ammoo mukkiin maraa caalti. Muka dameewwan isi'ii irratti Sinbirroonni dhufanii itti quphatan taati» jedhe. Mammaaka Waan Raaciti'ii ( Luq. 13:20-21 ) 33 Yesuus ammallee mammaaka biraa isaanitti mammaake, «Jeennanni sami'ii raacitii dubartiin takka fuutee daakuu ganaa sadihiitiin wolitti mattee ta daakuu san maraa bukeessitu fakkaatti» jedhe. Mammaanni Maaf Akka Mammaakame ( Mar. 4:33-34 ) 34 Yesuus mammaakaan waan kana maraa gumi'itti dubbate; mammaakaan malee waan tokkollee isaanitti hin dubbanne. 35 Wonni raagaan, «Mammaakaan afaan saaqadha; uumamuu Adunya'aatii jalqabee waan dhokate dubbadha» ka jedhe kanaan raawwatame. Yesuus Mammaaka Waan Sinaannaa Hiike 36 Achiin maayii Yesuus gumii dhiisee mana seene. Darasoonni isaallee gara isaa dhiyaatanii, «Mammaaka sinaana qonna qamadii keessaa nuu hiiki» jedhaniin. 37 Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe, ka sanyii mishaa facaasu Ilma Namaa ti; 38 Maasaan biyya lafaa ti; sanyiin mishaan ijoollee jeennataa ti. 39 Sinaanni sun ammoo ijoollee hammeeyyi'ii ti. Diinni sinaana facaase daabiloos. Haamaan dhuma biyya lafaa ti; worri haamu maleekkota Rabbiiti. 40 Akkuma sinaanni wolitti qabamee ibiddaan gubatu, dhumti adunyaa tanaa akkasuma ta'a. 41 Ilmi Namaa maleekkota ufii hin erga. Isaanillee worra cubbu'uuf sababa ta'aniif worra hammeeyyii ta'an maraa jeennata isaa keessaa wolitti qaban. 42 Hulee isaan booya'aa ilkaan itti qaran, qilee ibiddaatitti isaan gatan. 43 Hennaa san qajeellonni jeennata Abbaa isaanii keessatti akka adu'uu ifan. Namni gurra dhagayu qabu haa dhagayuu. 44 Akkasuma Yesuus, «Jeennanni sami'ii qabeenna lafa keessatti dhoffamte, ka namni tokko argee deebisee dhosse fakkaatti; namichi kana argee haga dhosseen maayessa gammada'aa deemee waan qabu maraa gurguree maasaa san bitate. 45 «Ammallee, jeennanni sami'ii daldalaa mi'a mishaa bitatu'uuf soqu fakkaatti. 46 Daldalaan sun mi'a gatii gudda'aa takka hennaa arge deemee waan qabu maraa gurguree isii bitate. 47 «Ammallee, jeennanni sami'ii siiboo gara galaanaa darbamtee, qurxummii adda addaa wolitti qabdu fakkaatti. 48 Hennaa siiboon guuttamte, isaan gara qaccee galaanaa baasan. Taa'anii qurxummii mishaa keessaa guuraniiti keeshee keessa kaayan. Badaa ammoo hin gatan. 49 Hennaa dhuma adunyaa tanaa akkana ta'a. Maleekkonni dhufanii, cubbamootaa fi qajeellota adda baasan. 50 Hulee isaan booya'aa ilkaan itti qaran, qilee ibiddaatitti gatan» jedhe. 51 Yesuus, «Kana maraa hubattaniirtu?» jedhee isaan gaafate. Isaanillee deebisanii, «Ee» jedhan. 52 «Kanaafuu barsiisaan seeraa ka dhossaa jeennata sami'ii sirri'itti beeku, abbaa manaa ka mana ufii keessaa mi'a haarawaa fi moofaa gad baasu fakkaata.» 53 Yesuusillee mammaaka kanniin haga fixeen maayessa achii ka'ee deeme. 54 Gara biyya ufiititti deebi'ee Mana sagada Yihuudotaa seenee haga isaan isa maalalanitti isaan barsiisa'aa ture. Isaanillee, «Namichi kun oggummaa kanaa fi hunna maalalee kana ittiin hojjatu eessaa argate?» jedhan. 55 Kun ilma namicha muka bocuutii mii? Haatillee Maariyaam jedhamtii mii? obboleeyyan isaallee Yaaqoob, Yoosaa, Simoonii fi Yihuudaa fa'aa mii? 56 Intallan haadhaa isaa maruu nu bira jiranii mii? Inni waan kana maraa eessaa argate? 57 Kanaaf isaan isa tuffatan. Yesuus ammoo isaaniin, «Raanni tokko biyya biraatitti malee, biyya ufiitii fi mana ufii keessatti ulfinna hin argatu» jedhe. 58 Sababa amanuu dhabuu isaaniitiif, Inni baasota hedduu achitti hin hojjanne. |
Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.
Bible Society of Ethiopia