Wongeela Maatewos 1 - WAADAA LAMMATAAHidda Dhaloota Yesuus Kiristoosii ( Luq. 3:23-38 ) 1 Hiddi dhaloota Yesuus Kiristoosii fiixaa Abrahaamiitii fi fiixaa Daawitii kana. 2 Abrahaam Yisaaqiin uumate. Yisihaaq Yaaqoobiin uumate. Yaaqoobillee Yihuuda'aa fi obboleeyyan Yihuuda'aa uumate. 3 Yihuudaan Timaariin irraa Faaresii fi Zaaraa uumate. Faarees Hesromiin uumate. Hesromillee Aaraamiin uumate. 4 Aaraam Aminaadaabiin uumate; Amiinaadab Nahaasooniin uumate; Nahaasoonillee Salmooniin uumate. 5 Salmoon Rahaabiin irraa Bo'aaziin uumate; Bo'aaz Ruutiin irraa Iyyoobeediin uumate; Iyyoobeedillee Isseyiin uumate. 6 Issey mooticha Daawitiin uumate; Daawiti haadha manaa Oriiyo'oo irraa Salamooniin uumate. 7 Salamoon Rehobi'aamiin uumate; Rehobi'aam Abiiyaa uumate; Abiiyaanillee Asaafiin uumate. 8 Asaaf Iyyoshaafaaxiin uumate; Iyyoshaafaax Yooraamiin uumate; Yooraamillee Oziyaasiin uumate. 9 Oziyaas Yo'aataamiin uumate; Yo'aataamillee Akaaziin uumate; Akaazi Hisqiyaasiin uumate. 10 Hisqiyaas Minaasee uumate; Minaasseenillee Amooniin uumate; Amoon Iyyoosiyaasiin uumate. 11 Iyyosiyaasillee hennaa boojuu Baabiloonii Ekoniiyaanii fi obboleewwan Ekoniiyaanii uumate. 12 Boojjuu Babilooniitiin maayii Ikoniyaan Salaatiyaaliin uumate. Salaatiyaalillee Zarubabeeliin uumate. 13 Zarubaabeel Abiyuudiin uumate, Abiyuudillee Eliyaaqimiin uumate, Eliyaaqimillee Azariin uumate. 14 Azari Saadoqiin uumate. Saadoq Akiimiin uumate, Akiimillee Eliyudiin uumate. 15 Eliyuud Ala'azaariin uumate, Al'azaar Maattaaniin uumate, Mattaanillee Yaaqoobiin uumate. 16 Yaaqoobillee Yooseefiin uumate. Yooseefiin kun ka Maariyaamiin qaadhimate. Maariyaamiin tun ka, «Kiristoos» jedhamee maqaan itti moggaafame Yesuusiin deette. 17 Dhaloonni kun martinuu Abrahaamiin irraa haga Daawitii dhaloota kudha Afur. Daawitiin irraa haga boojuu Baabiloonii dhaloota Kudha Afur. Boojuu Baabiloonii irraa haga dhaloota Kiristoosii dhaloota kudha Afur. Dhalachuu Yesuus Kiristoosii ( Luq. 2:1-7 ) 18 Dhaloonni Yesuus Kiristoosii akkana. Haati isaa Maariyaam Yooseefiif kennamtee uduu jirtu, inni isi'itti uduu hin dhandhe Ayyaana Woyyu'uun ulfooftee argamte. 19 Yooseefiin isii qaadhimate kun nama qajeela'a. Kanaaf isii saalfachiisuu waan hin barbaanneef, dhossa'aan isii dhiisuu yaade. 20 Uduu inni kana yaada'aaru, Maleekkaan Goofta'aa eebju'uun itti mudhateeti akkana isaan jedhe, «Yooseef Ilma Daawitii, qaadhimamtuun tee Maariyaam Ayyaana Woyyu'uun waan ulfoofteef isii fuudhuu hin sodaatin. 21 Isiin Ilma dhiiraa deetti; Innillee banii cubbuu irraa hin fayyisa maqaa isaallee Yesuus jettee waamta» jedheen. 22 Kun martinuu wonti Gooftaan karaa raagaatiin dubbate sun akka raawwatamuuf ta'e. 23 Wonti dubbatame sunillee, «Durbi duudaan hin ulfoofti; Ilmallee hin deetti; maqaan isaa, ‹Amaanu'eel› jedhamee waamama;» «Amaanu'eel» jechuun, «Rabbi nu woliin jira» jechu'u. 24 Yooseefillee hirribaa dammaqee, akkuma Maleekkaan Rabbii isa ajaje godhe. Qadhimamtuu ufiillee gara mana ufii fudhate. 25 Haga isiin ilma hangafaa deettuutti inni isii bira hin geenne. Maqaa isaallee Yesuus jedheen. |
Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.
Bible Society of Ethiopia