Wongeela Maarqoos 9 - WAADAA LAMMATAA1 Yesuus deebi'ee, «Dhugamaan isiniin jedha; namoota as dhaabatan kanniin keessaa, jeennanni Rabbii hunnaan hennaa dhuftu uduu hin du'in worri argan hin jiran» jedhe. Yesuus Ulfinna Ufii Mudhise ( Mat. 17:1-13 ; Luq. 9:28-36 ) 2 Yesuus guyyaa jahaan maayii, Pheexroos, Yaaqoobii fi Yohaannisiin qabatee, hojja isaanii gara gaaraa ol isaan baase. Achitti inni afoo isaaniititti jijjiirame. 3 Uffanni isaallee haga miiccuun adunyaa tanaa kamiiyyuu miiccee addeessuu dandeettu caalaa adii weeccaa ta'e. 4 Achiin maayessa darasoonni sadiin Eeliyaasii fi Muuseen uduu Yesuusiin woliin qaaqa'aaran argan. 5 Pheexroos Yesuusiin, «Barsiisaa'a! As jiraachuun keenna nuu misha'a! Koottaa asitti daasee sadihii, tokko si'iif, tokko Muuse'eef, tokko Eeliyaasiif haa ijaarruu» jedheen. 6 Isaan akka malee waan sodaataniiraniif, Pheexroos woma jedha'aaruu hin beenne. 7 Achiin maayessa duumessi isaan golge. Duumessa san keessaan, «Ilmi kiyya ka ani jaaladhu kanaa isa dhagayaa'a» laagaan jedhu dhufe. 8 Hennama san garagalanii hennaa laalan isaan woliin Yesuusiin malee eennuunuu hin argine. 9 Isaan uduu gaara irraa gad bu'aaran Yesuus, «Ilmi namaa haga du'aa ka'utti waan argitan eennuttillee hin himinaa'a» jedhee isaan seere. 10 Isaan waan inni isaanitti hime san garamatti qabatanii, «Du'aa ka'uun maali'ii?» jedha'aa wol gaggaafatan. 11 Isaanillee deebi'anii, «Barsiisonni seeraa, ‹Eeliyaas firrisee dhufa› maaf jedhan?» jedhanii Yesuusiin gaafatan. 12 Yesuus akkana jedhee deebiseef, «Waan maraa midhaassu'uuf dhugamaan Eeliyaas firrisee dhufa; haata'uu ammoo Ilmi Namaa akka guddisee rakkatuu fi jibbamu maaf barreeffame ree? 13 Ani ammoo akkana isiniin jedha, Eeliyaas dhufeera, akkuma waan isaatiif barreeffame, waanuma fedhan maraa isa irratti godhan» isaaniin jedhe. Yesuus Mucaa Ayyaana Batti'iin Qabame Fayyise ( Mat. 17:14-21 ; Luq. 9:37-43 ) 14 Yesuusii fi darasoonni sadiin, gara darasoota kaawwanii hennaa dhufan, gumiin guddaan isaan marsanii, barsiisonni Seera Muuse'ee hennaa isaaniin wol morman arge. 15 Gumiin sun hennaa Yesuusiin argan maalalfatanii, gara isaa fiiganii naga gaafatan. 16 Yesuus, «Wonti isin irratti wol mormitan maali'i?» jedhee isaan gaafate. 17 Gumii san keessaa namichi tokko deebisee, «Barsiisaa'a! mucaa kiyya ka jinniin afaan duuchu dhayeeru gara kee fideera. 18 Hennaa jinniin itti ka'u bakkuma maratti kuffisa, hin hoomachaaya, ilkaanillee hin qara, hin kottata, akka isa keessaa baasaniif darasoota teetitti himee ture, isaan ammoo baasuu hin dandeenne» jedheen. 19 Yesuus deebisee, «Isin dhaloota hin amanne! haga yoomii isin woliin jiraadha? haga yoomii isinii obsa? mucaa gara kiyya as fidaa'a!» jedhe. Isaanillee mucaa gara isaa fidan. 20 Ayyaanni battiin sun hennaa Yesuusiin arge, yoosuu gajafsiisee, kuffisee, gangalachiisee, hoomacha afaanii jisse. 21 Yesuus, «Haga yoomiitii as akkana godhuu jalqabe?» jedhee abbaa muca'aa gaafate. Abbaan muca'aallee, «Ijjoollummaa irraa jalqabeeti» jedhee deebiseef. 22 Hennaa hedduu isa ajjeesu'uuf ibiddaa fi bisaan keessatti isa darba. «Ati ammoo yoo sii danda'ame, garaa nuu laafii nu gargaari» jedheen. 23 Yesuus, «Maaf ‹Yoo dandeette› jetta? nama amanuuf wonti martinuu hin danda'ama» jedheen. 24 Hennama san abbaan muca'aa, «Amantii hin qaba. Haata'uu ammoo amantii kana caalu akka argadhu na gargaari» jedheen. 25 Yesuus gumiin gara isaa akka hurrisa'aaru argee, ayyaana battii saniin, «Ati ayyaana afaanii fi gurra duuda'aa! Ani si ajajaa isa keessaa bayi; deebitee itti hin galin» jedhe. 26 Ayyaanni battiin mucaa iyyisiisee, gajafsiisee keessaa baye. Mucaan akka reeffaa taanaan, namoonni hedduu, «Du'eera» jedhan. 27 Yesuus ammoo mucaa harka qabee lafaa ol kaase, mucaanillee ol ka'ee dhaabate. 28 Yesuus haga mana seeneen maayii, darasoonni isaa, «Nu ayyaana battii san maaf baasuu dadhabne?» jedhanii hojjatti isa gaafatan. 29 Inni ammoo deebisee, «Ka akkanaa kun faate'ee fi soomaan malee waan biraatiin bayuu hin danda'u» isaaniin jedhe. 30-31 Yesuusii fi darasoonni isaa achii bayanii Galiilaa keessa lufan. Yesuus, «Ilmi namaa harka worra isa ajjeesuutitti dabarfamee hin kennama; isaanillee isa hin ajjeessan; guyyaa sadihiin maayessa hin ka'a» jedha'aa darasoota ufii barsiisa'aa waan tureef, eennullee hulee inni jiru akka beeku hin feene. 32 Isaan ammoo waan inni dubbatee hin hubanne; isa gaafachu'uufillee hin sodaatan. Eentu caala? ( Mat. 18:1-5 ; Luq. 9:46-48 ) 33 Achiin maayessa Yesuusii fi darasoonni isaa gara Qifirnaahoomii dhaqan. Haga mana gayaniin maayessa Yesuus, «Karaa irratti wonti isin irratti wol mormitan maali'i?» jedhee isaan gaafate. 34 Isaan ammoo, «Nu keessaa eentu caala?» jedha'aa wol morma'aa waan turaniif hin cadhisan. 35 Yesuus haga taa'een maayessa darasoota kudha lamaanuu gara ufii waamee, «Namni bulchaa ta'uu barbaadu, nama maraayuu gad ta'ee, hojjataa nama maraa haa ta'uu» isaaniin jedhe. 36 Achiin maayessa Yesuus daa'ima tokko fuudhee isaan afoo dhaabsiise. Inni isa ammatee, 37 «Daa'ima akkanaa tokko maqaa kiyyaan ka simatu maruu, na simata; Ana ka simate, ka na erge simata malee ana calla'aa miti» isaaniin jedhe. Namni Nuun hin Mormine Gara keenna ( Luq. 9:49-50 ) 38 Yohaannis Yesuusiin, «Barsiisaa'a, namichi tokko maqaa keetiin uduu inni jinnii baasu arginee, Inni waan gara keenna hin taaneef isa dhooggine» jedheen. 39 Yesuus ammoo akkana jedhe, «Namni maqaa kiyyaan baasa hojjaatee deebi'ee ammoo, ka dafee waan hamaa kiyya dubbatu waan hin jirreef, hin dhoogginaa'a. 40 Namni nuun hin mormine maruu gara keenna. 41 Ani dhugamaan isiniin jedha, ka Kiristoosii waan taataniif, maqaa kiyyaan bisaan xuwwee tokkottii ka isin obaasu gatii qaba» jedhe. Ataabe'eef Sababa Ta'uu ( Mat. 18:6-8 ; Luq. 17:1 , 2 ) 42 Yesuus ammallee, «Worra didiqqaa na faanaa deeman kanniin keessaa tokkocha ka gufachiisee mannaa, dhakaan daaku'uu guddaan mormatti hidhamee gara xillaa galaanaatitti gatamuu isaa woyya. 43-44 Harki kee yoo ka cubbu'utti si oofuu, uf irraa kuti. Harka lamaan qabaattee gara qilee ibidda hin dhaamnee galuu mannaa, fafooftee gara jireennaa galuu sii woyya. Qilee san keessaa raammoon nama nyaatu hin du'u, ibiddillee hin dhaamu. 45-46 Lutii tee akka cubbuu hojjatu yoo si ataabe uf irraa kuti. Luka lamaan qabaattee gara qilee ibidda hin dhaamnee galuu mannaa, fafooftee gara jireennaa galuu sii woyya. Qilee san keessaa raammoon nama nyaatu hin du'u, ibiddillee hin dhaamu. 47-48 Ijji tee akka cubbuu hojjattu yoo si ataabde uf keessaa baasi. Ija lamaan qabaattee gara qilee ibidda hin dhaamnee galuu mannaa, ija takkattii qabaattee gara jireennaa galuu sii woyya. Qilee san keessaa raammoon nama nyaatu hin du'u, ibiddillee hin dhaamu. 49 Namni maruu ibiddaan qulqulleeffama, ciincaan maruu sooqiddaan qulqulleeffama. 50 Sooqiddi waan misha'a. Sooqiddi ammoo kuraawummaa yoo uf keessaa dhabe, maali'iin kuraaya? Lubbuu teessan keessaa sooqiddi haa jiraatu. Nagaya wolii qabaadhaa'a!» jedhe. |
Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.
Bible Society of Ethiopia