Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Wongeela Maarqoos 6 - WAADAA LAMMATAA


Yesuus Naazireetitti Tuffatame
( Mat. 13:53-58 ; Luq. 4:16-30 )

1 Yesuus achiillee bayee gara qachaa ufii dhaqe; darasoonnillee isa faanaa deeman.

2 Guyyaa Sambata Diqqa'aa Inni Mana sagada Yihuudotaatitti barsiisuu jalqabe. Worri isa dhagayan heddu isaanii maalalfatanii, «Namni kun waan kanniin eessaa argate? Ogummaa attamiititu isaa kennameera? Baasa akkanaa kanniin attamitti huja?

3 Inni ogeessa muka bocu, ilma Maariyaamiitii mii? Ilmaan haadhaallee Yaaqoob, Yooseef, Yihuuda'aa fi Simoon fa'aa mii? intallan haadhaallee as nu bira jiranii mii?» jedhanii tuffatanii isa didan.

4 Yesuusillee, «Raanni tokko biyya biraatitti malee, biyya ufii, fira ufiitii fi mana ufiititti hin kabajjamu» isaaniin jedhe.

5 Inni achitti dhukkubsattoota hagoo irra harka ufii kaayee fayyise malee, baasa biraa achitti hujuu hin dandeenne.

6 Amantaa dhabuu isaaniitiinillee guddisee maalale. Yesuus gandoota biraatii gara ganda biraa naannaya'aa barsiisa'aa ture.


Yesuus Ergamoota Kudha Lamaa Erge
( Mat. 10:5-15 ; Luq. 9:1-6 )

7 Achiin maayii inni darasoota kudha lamman gara ufii waamee, ayyaannan battii irratti baallii kenneefii, lama lama godhee isaan erge.

8 Imala keessaniif ulee malee, xoroshoo fi korojoo akka hin qabanne, birriillee sabbatatti akka hin guduunfanne isaan ajaje.

9 «Luka teessanitti kophee godhadhaa'a, uffata uffattan malee ka biraa hin qabatinaa'a.

10 Hulee kamittuu gara manaa yoo seentan haga achii baatanitti achuma taa'aa'a.

11 Bakka isin hin simannee fi hin dhageeffanne maratti achii yoo baatan ragaa akka isaanitti ta'u daaraa luka keessanii dhadhayadhaa'a; dhugamaan isiniin jedha guyyaa gaafa murti'ii qachatti tana caalaa biyya Soodomiitii fi Gamoora'aa hin salphata.» isaaniin jedhe.

12 Isaanillee bayanii akka baniin aagii galan lallaban.

13 Jinnii hedduu baasanii dhukkubsattoota hedduullee Zayitii itti diba'aa fayyisan.


Du'uu Yohaannisii Cuupha'aa
( Mar. 14:1-12 ; Luq. 9:1-6 )

14 Gurri Yesuusii waan dhagayameeruuf, mootichi Heroodis waan kana dhagaye. «Yohaannisii cuupha'atu du'aa ka'eera; kanaafuu baafni kun isaan hojjatama'aara» jedhe.

15 Worri kuuwwan, «Inni Eeliyaasi» jedhan; kuuwwan ammoo, «Inni raattota durii keessaa tokko» jedhan.

16 Heroodis hennaa waan kana dhagaye, «Kun Yohaannisii ani morma isaa mursiisetu du'aa ka'e» jedhe.

17 Heroodis haadha manaa obboleessa ufii ta Filiphoosii Heroodiyaadaa fuudhee ture; inni isi'iif jedhee itti ergee Yohaannisiin qabsiisee mana hidha'aatitti hiisise.

18 Sababaanillee waan Yohaannis Heroodisiin, «Haadha manaa obboleessa keetii fuudhuun seeraa miti» jedha'aanii tureef.

19 Herodiyaadaan ammoo Yohaannisitti gadoo qabattee isa ajjeesu'uuf barbaadde. Haata'uu ammoo isi'iif hin danda'amne.

20 Sababaanillee Heroodis Yohaannis nama qajeela'aa fi Woyyuu akka ta'e beekee sodaatee eessisa'aa ture. Heroodiis hennaa dubbii Yohaannisii dhagaye akka malee yaaddaye. Ta'ullee gammachu'uun isa jalaa dhagaya'aa ture.

21 Heroodis guyyaa qaabachuu dhalatuu ufii kabajju'uuf, hoggantoota, ajajoota loltuu kumaatii fi bulchoota Galiila'aatii hennaa nyaata qopheesse, Herodiyaadaan karaa argatte.

22 Mucattiin Herodiyaada'aa hennaa ol seentee sirbite, Heroodisii fi worra isa woliin taa'an maraa gammachiifte. Mootiinillee mucatti'iin, «Woma barbaadde maraa na kadhadhu sii kennaa» jedheen.

23 «Wodhakkaa mootummaa kiyyaallee yoo ta'e woma feete maraa na kadhadhu sii kennaa» jedhee kakate.

24 Mucattiinille baateeti haadhaan, «Maal kadhadhu?» jette; isiinillee, «Mataa Yohaannisii cuupha'aa kadhadhu» jetteen.

25 Yoma san daddaftee gara mooti'ii seentee, «Mataa Yohaannisii cuupha'aa amma qori'itti akka naa kennitu barbaada» jettee kadhatte.

26 Mootiinillee guddisee gadde; haa ta'uu ammoo sababa keessummoota afo'otti isi'ii kakateef, waan isiin jette dhooggatuu hin feene.

27 Hennama san mootiin worra eegu keessaa loltuu tokko mana hidha'aatitti ergee, mataa Yohaannisii akka fidu ajaje. Innillee dhaqee morma isaa muree,

28 mataa isaa qorii keessa kaayee fidee mucati'ii kenne. Mucattiinillee haadhatti kennite.

29 Darasoonnillee dhagayanii dhufanii reeffa isaa fuudhanii awwaalan.


Yesuus Nama Kuma Shanii Nyaachise
( Mat. 14:13-21 ; Luq. 9:10-17 ; Yoh. 6:1-14 )

30 Ergamoonnillee Yesuusiin biratti wolgayanii waan godhanii fi waan barsiisa'aa turan maraa himan.

31 Innillee, «Hojjuma keessan gara lafa gammoojji'ii kootta'aatii diqqoo harabaafadhaa'a» jedheen. Isaanillee sababaa worri dhufanii fi worri deeman heddu ta'aniif nyaataafuu hennaa dhaban.

32 Achii ka'anii Yabalaan hojja isaanii gara gammoojji'ii deeman.

33 Namoonni hedduu hennaa isaan deeman arganii beekanniin; qachoota maraa keessaa bayanii lukaan fiiga'aa isaan firrisanii achi Isa biratti wolgayan.

34 Yesuusillee hennaa yabala irraa bu'e banii hedduu argee, akka hoolota tissee hin qabnee waan jiraniif isaanii gaddee, waan hedduu isaan barsiisuu jalqabe.

35 Hennaa aduun dhiite darasoonni gara isaa dhiyaatanii bakki gammoojji'ii, amma dhiyeeraa,

36 «Waan nyaatan waan hin qabneef gara baadiyya'aa fi olloota naannoo jiranii deemanii waan nyaatan ufiif akka bitatan gad isaan dhiisi» jedhaniin.

37 Inni ammoo deebisee, «Isiinuu waan nyaatan keenna'aafii» isaaniin jedhe. Isaan ammoo, «Deemnee dinaara dhibba lamaan xoroshoo binnee isaanii kenninaaree?» jedhaniin.

38 Innillee, «Xoroshoo meeqa qabdan? Mee dhaqa'aa laalaa'a» jedheen. Isaanillee haga laalaniin maayii, «Xoroshoo shanii fi qurxummii lama» jedhaniin.

39 Yesuus akka isaan namoota maraa tuuta tuutaan marga lalisaa irra teessisan ajaje.

40 Isaanillee tuuta dhibba dhibbaa fi shantama shantama ta'anii tataa'an.

41 Yesuusillee xoroshoo shanii fi qurxummii lamaan san fuudhee, gara sami'ii ol laalee galata galchee, xoroshoo san caccabsee akka isaan namootaa qoodan darasoota ufiititti kenne. Qurxummii lamaanillee maruma isaaniitiif qoode.

42 Maruu nyaatanii quufan.

43 Hambaa xorosho'ootii fi qurxummi'ii masoobii kudha lamaa guutuu kaasan.

44 Worri xoroshoo san nyaatan dhiirti callaan kuma shan.


Yesuus Bisaan Irra Deeme
( Mat. 14:22-33 ; Yoh. 6:16-21 )

45 Yoosuu uduu Yesuus banii geegessa'aaru darasoonni yabala keessa seenanii gara Beetasayida'aa firrisanii akka lufan isaan ajaje.

46 Haga isaan ufirraa geegesseen maayii faateeffachu'uuf gara gaaraa ol baye.

47 Hennaa aduun dhiite Yaballi sun galaana wodhakkaa uduu jirtu, inni hojja ufii lafa irra ture.

48 Bubbeenillee gara isaanii bubbisa'aa waan tureef, shaffisa'aan dhayata'aa akka rakkata'aaran argee, iyya lukkuu lammaffa'aa galaana irra deema'aa gara isaanii dhufee isaan bira akka waan lufuu ta'e.

49 Isaan ammoo uduu inni galaana irra deemu arganii, ekeraa isa seeyanii iyyan.

50 Martinuu isa arganii bararraaqan. Inni, «Jabaadhaa'a! na'aa, hin sodaatinaa'a!» isaaniin jedhe.

51 Innillee gara isaanii Yabalatti ol baye, bubbeenillee gab jedhe. Isaanillee guddisanii maalalan.

52 Sababaanille qalbiin isaanii waan duudeeruuf isaan baasa xorosho'oo san hin hubanne.


Yesuus Gensaareexitti Dhukubsattoota Fayyise
( Mat. 14:34-36 )

53 Yesuusii fi darasoonni isaa galaana gama yabalaan ceeyanii gara Gennesaarexiititti lafa gayan. Yabala sanillee achitti hidhan.

54 Yabala keessaa hennaa bayan yoosuu akka inni Yesuusiin ta'e beekanii,

55 biyya san maraa keessa asii fi achi fiiganii namoonni naannoo biyya sanii martinuu dhukkubsattoota wosaasa'aan baadhatanii, hulema Inni gaye jedhan maraa dhagaya'aa gara isaa fidan.

56 Gandootatti, qachootatti yookiin baadiyya'atti hulee Yesuus dhaqe maratti bakka baada'aatitti dhukkubsattoota gara isaa fida'aa turan. Dhukkubsattoonnillee qaccee uffata isaa tuqu'uuf isa kadhatan. Worri isa tuqan maruu hin fayyan.

Arsi-Bale Oromo New Testament, Literal Type Translation © Light of Hope Ministry, 2013.

Bible Society of Ethiopia
Lean sinn:



Sanasan